Suuraalee dadansoo Afriikaa keessaa: Onkololeessa 18-24 bara 2019

Suuraalee filatamoo torban kanaa ardii Afriikaa keessaa fi lammiilee Afriikaa biyyoota biroo jiraatan.

Gaafa Dilbataa Afrikaa Kibbaatti, dubartiin dorgommii faradoo ilaala turte koofiyyaa haalaan guddaa tahe keewwattee dhufte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Gaafa Dilbataa Afrikaa Kibbaatti, dubartiin dorgommii 'Polo' kan faradoon taphatamu ilaalaa turte koofiyyaa haalaan guddaa tahe keewwattee dhufte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Dorgommii kanaanis Afrikaan Kibbaa 7-6 Zaambiyaa mo'atteetti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Afrikaan Kibbaa ammallee tapha Waancaa Raagbii Addunyaa - nuusa xumuraan Jaappaanin mo'ateetti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Qabxiin tapha kanaas Afrikaa Kibbaa 26 - 3 Jaappaan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Gaafa Roobii ammoo- Waahillan Livarpuul Mohaammad Saalaah fi Saadiyoo Maanee, tapha Chaampiyoons Liigiin - erga kilaba Beeljiyem Genk injifatanii booda gammachuusanii akkasiin ibsatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Roobni cimaan magaalaa Leegos akkasiin dararee ture.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Gaafa Roobii ammoo filannoo waliigalaa Botiswaanaaf, namoonni dirree kubbaa miilaa keessa hiriiranii turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Guyyaa tokkoon dura ammoo deeggartuun paartii biyya bulchuu suuraa Pireezidant Mokgweetsi Masisi olkaastee qabatte. Paartiin kun erga 1966 aangoorra kan ture wayita tahu, xiinxaltoonni akka jedhanitti filannoon kun morkiin guddaan kan itti mullatedha.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Yaa'ii Raashiyaa- Afrikaaf Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutiin, hoogganaa Mana Maree Cee'umsaa Sudaan Jeneraal Abdel Fattah al-Burhan simatan. Aabba Puutiin liqii biyyoota Afrikaa Doolaara biilyoona 20 haqaniiru.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Xumurarrattis, piraamidoonni Gizaa magaalaa Kaayiroo duddubatti mullatu.

Suuraaleen kan AFP, Getty Images, Anadolu Agency