Barreeffamoota keenyan (girgiddaa) gubbaa: sababoota namoonni keenyan irratti barreessaniif maal?

Barreefamoota garagaraa keenyan Image copyright LATAA ZARIHUN/BBC

Keenyan (girgiddaa) mana fincaanii hanga teessoowwan konkolaataa irratti illee otoo hin hafiin mallattoofi maqaa ofii dabalatee yaada dheeraa barressuun waan baramedha.

Namoonni maaliif iddoo akkasii irratti barreessu?

Yunivarsiitii Finfinneetti barataa seeraa kan tahe Haayilee Baayyisaan barreeffamoonni kunneen yeroo baayyee waan sadii irratti xiyyeeffatu jedha.

Keenyan mana fincaanii hanga teessoowwan taaksii, dhimmi amantii baay'inaan akka barreeffamuu hubadheeras jedha.

''Inni tokko achirratti amantiisaa yeroo lallabatuu, kaan immo deebii kennaaf,'' kunimmoo kan jechoota hin mallee fi kan safuu hin eeggatiini tahuu danda'a, akka feetee dha jedheera.

''Inni kaan immoo waa'ee wal quunnamtii saalaati, fakkii qaama saalaa dhalaa fi dhiiraa keenyan mana barumsaa, manneetii kitaabaafi manneetii amantii irrattillee otoo hin hafiin kaafamanii ni argita,'' jedha.

Sadeessoon ammoo siyaasa. Namoonni yaada isaanii ibsachuun iddoo rakkoo isaan irratti hin fidne jedhanii amananitti ni katabus jedha.

''Keessumaa gara Oromoo yeroo dhufnu immoo siyaasatu barreeffama, barattoota sadarkaa lammataa taaneellee keenyan irratti 'ABO,' 'WBO' ...'' jedhaniitu barreessu ture.

Mudannoo mana fincaanii keessaa

Haayileen mudannoo xiqqoo na kofalchiise jedhes nutti himeera.

''Tokko mana fincaanii keessattii maal jedhaa, fuuldura otoo ilaaltuu gara bitaatti naanna'i jedha. Gara bitaatti yoo naannoftu gara duubaatti naanna'i jedha, duubatti yoo naannoftu immoo, maaltu si wixxifachiisa sirnaan hin teessu?'' siin jedha akkuma kanaa baayyeen isaanii kan nama kofalchiisan jiru.

Dabalataan immoo arrabsoon sabaa baay'inaan ni mul'ata.

Barreefamoota kana ''yaadota garaa keenya keessatti cunqursinee qabanne, iddoowwan namni nun argu jennee yaadnutti bilisa waan taane yeroo nutti fakkaatu waan barreessinudhas,'' jedheera.

Kunimmoo sodaa mootummaafi dhiibbaa hawaasaa irraa dhufuu akka danda'us Haayileen ni dubbata.

Yaadoti mirga dubartootaa dhiibaniifi qoccollaa saalaa ibsanis baay'inaan ni mula'atu jedha.

Namoonni yaada isaanii ibsachuun mirga tahee otoo jiruu, hanga namummaa warra kaanii hin tuqnetti tahuu qabas jedheera.

Hariiroo hawaasa keessa jiru eeguuf jecha namoonni waan itti dhagahame mara akka hin dubbannee safuudhaan daangeeffamanii jiru.

Haa tahu malee namoonni iddoo garaagaraa irratti waan safuu cabsu yeroo barreessan eenyummaan isaanii akka hin beekamne gochuun isaaniyyuu akka safuu eeguuttin ilaalaa jedha.

Image copyright Lataa Zarihuun

Yaada ofii bilisaan ibsachuu...

Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa gaazexeessummaa fi sab-quunnamtii kan tahan Teshaager Shifarraaw (PhD) jechoota, gaaleewwan, fakkiiwwan, mallattoowwaniifi yaada dheeraallee otoo hin hafiin yeroo baayyee keenyan irratti barreessuun akkuma asoosamaafi walaloo karaa ittii yaada ibsataniidha jedhu.

''Eessayyuu yoo deemte barreefamoonni akkanaa kuni jiru. Baayyeen isaanii gama namusaan yoo ilaallee kan addabaabayiitti hin himamne tahuu danda'u.

Gama biraan immoo, namoonni bilisummaa isaanii isa dhumaa iddootti fayyadamani ta'uu danda'aa. Waltajjii odeeffannoo ittiin dabarsaniifi waliin haasaa taasisani dha''.

''Amantiidhaa hanga jaalallee naa barbaadaa jedhanii barreessuudhaan ibsamuu danda'u, kanaaf barreeffamoonni kunneen hunda hammatoodha. Akka gosa g-barruu tokkoottis ilaaluun ni danda'ama.

Tashaagar (PhD) qorannoo waggoota muraasa dura Yunivarsiitii isaaniitti dalagame eeruun, 'namoonni yeroo baayyee lafa ukkaamsaan yaada ofii bilisaan ibsachuun jirutti barreefamoota akkasii keenyan irratti barreessu haa jedhaniyyuu malee, qorannichi garuu namoonni waan guyyuu haasa'aniifi miidhaa isaan irratti fiduu hin dandeenyellee callisaniidhuma barreessu jedha.

''Fakkeenyaaf deeggaraan kilaba kubbaa miilaa Cheelsii taaksii keessa taa'ee otoo deemuu teessoo fuuladura isaa jiru irratti 'Cheelsii' ' jedhee barreessuu ni danda'a.

Kanaaf namoonni otuma hin qalbeeffatiin waan barreessuu danda'a tahuu mala. Haa tahu malee yeroo haalli siyaasaa akka malee ta'u ifatti mul'achuu ni danda'u.

Image copyright Lataa Zarihuun

Barreeffamoonni sanyii kanaa barreeffamoota kanneen akka oduu, walaloo, hololoo fi kkf irraa kan adda isa taasisu ogummaa fi barreeffama ala idilee tahuu isaati jedhu barsiisaan kun.

''Otuma yaada keenya ibsachuuf carraa fi waltajjii argannellee iddoowwan akkasii waan barreessinu natti fakkaata,'' jedhu.

Gama biraan immoo qabeenya dhuunfaa fi uummataa gubbaatti barreessuun 'akka balleessuuti' jedhu kanaaf gama naamusaan kan ilaalamuu danda'u dha jedhaniiru.

Bilisummaan yaada ofii bilisaan ibsachuun itti gaafatamummaa mataa isaa danda'e waliin kan dhufu yoo tahu, 'namoonni kana otoo hin hubatiin carraa argataniifi iddoo kobbee fudhachuu danda'u hundatti ni barreesu, 'quncee mukaa irrattillee otoo hin hafiin maqaa isaaniifaa ni barreesu. Kuni garuu fudhatama waan qabu mitii jedhu.

Biyyoota hambaatti barreeffamoota akkasii iddoo fe'etti hin argitu, iddoon waan kanaaf qofaatti kenname gatii jiruuf namoonni achi dhaqaniis yaada isaanii ni ibsatu.

Image copyright Lataa Zarihuun

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata