Maddi hortee dhala namaa addunyaa Botiswaanaa ta'uu hin oolu jedhan saayintistoonni

Madda suuraa, Getty Images
Saayintistoonni qorannoo gaggeessaa turan maddi hortee dhala namaa addunyaa kanaa Kibba baha Botiswaanaa naannawa laga Zaambeezii ta'uu akka hin hafne faana dhahaniiru.
Bakki amma qullaatti hafee jiru kun duraan haroodhaan kan uwwifame ture, waggoota 200,000 dura dhalli namaa as jiraachaa ture.
Horteen dhla namaa yeroo ammaa addunyaa jiruu waggoota 70,000f bakka kana jiraachaa turan, boodarra garuu wayita haalli qilleensaa jijjiiramu asii dhabamuu eegalan jedhu qorattoonni.
Suuta suuta dhalli namaa qaawwa argateen gara biraa godaanuu eegale, kunimmoo godaansa Afriikaan alaaf karaa saaqeera.
''Horteen dhala namaa qaama har'a dhalli namaa qabu uffate waggaa 200,000 dura Afriikaa keessa jiraachaa akka ture ifadha'' jedhan Awustiraaliyaa Dhaabbata Barnootaa Fayyaa Garvan jedhamu keessatti qorataa sanyii dhala namaa kan ta'an Pirofeesar Vanessa Hayes.
''Wanti falmisiisaa ture horteen dhala namaa jalqabaa kun bakka kam jiraataa ture, eessarraa ka'ee damee babal'ifachuu eegale kan jedhuudha''
Bu'aan qorannoo Pirofeesar Hayes qorattoota biroo keessatti shakkii uumeera.
Da'oo dhala namaa biyya haroowwanii
Iddoon walfalmisiisaa ta'e kun Kibba Botiswaanaa laga Zaambeesiitti argama.
Qorattoonni akka jedhanitti maatiin dhala namaa amma addunyaarra jiruu naannwa haroo guddicha Afriikaa 'Makgadikgadi' jiraachaa turan.
''Bakkichi baay'ee bal'aa ture. Bakka qabbanaa'aa fi jiidhaa ture. Bakka lalisaa kan tureedha. Dhala namaa fi bineensotaaf akkasumallee lubbu qabeeyyii maraaf iddoo mijataa ture.'' jedhan Pirofeesar Hayes.
Erga waggaa 70,000 addana jiraatanii asii socho'uu eegalan.
Haalli qilleensaa wayita jijjiiramuu eegalu uummanni godaanuu eegale, godaansi kun waggoota 110,000 fi 130,000 dura akka turetu himama.
Madda suuraa, Chris Bennett, Evolving Picture, Sydney, Australia
Pirofeesar Hayes abiddi akkamiin akka ba'u(ichima buusuu) jiraattota baadiyyaa Namiibiyaa irraa wayita baratan
Seenaa dhala namaa deebisanii ijaaruu
Ogeessi qorannoo dhala namaa tokko qorannoo kanarratti qeeqa dhiyeesseen Qaccee sanyii dhala namaa mitochondoria qofarratti qorannoo gaggeessuun adda baasuun hin danda'amu jedhe.
Inni guddaan qorannoo haftee lafee nama durii gaggeessuudha jedha.
Godambaa seenaa Landan keessa kan hojjetan Pirofeesar Chris Stringer jijjiiramni tirannaa hortee sanyii dhala namaa Hoomoo saappiyansi baay'ee walxaxaadha jedhan.
Seenaa jijjiirama tirannaa hortee dhala namaa
- Waggaa 400,000 dura: Horteen dhala namaa jalqabaa Niyaandartaalsi erga mul'atee booda kutaalee Awurooppaa fi Eeshiyaa keessa tatamsa'an.
- Waggaa 300,000 hanga 200,000 dura: Hoomoo Saappiyansi -sanyiin dhala namaa, fakkii nama ammaan walfakkaatu Afriikaa keessatti mul'ate.
- Waggaa 50,000 hanga 40,000 dura: Sanyiiin dhala namaa yeroo ammaa Kutaalee Awurooppaa seene.