Jaalalleen barataa Kollejjii Boostan sababa guyyaa eebba isaarra inni of ajjeesseef himatamte

Jaalalleewwan kunneen lamaan baatii 18 waliin turaniiru

Madda suuraa, Urtula family via Suffolk DA's Office/CBS Boston

Ibsa waa'ee suuraa,

Suura jaalallee lamaanii

Barattuun duraanii Kollejjii Boostan jaalalleen ishee akka of ajjeesuuf gooteetti jedhuun himatamte.

Shamarree umuriin ishee ganna 21 ta'e du'aatii jaalallee ishee Aleeksaandar Urtulaa ganna 22 ta'eef akka himatamte kan beeksifame US keessatti kutaa bulchiinsaa Maasaachuseeti Wixata darbe ture.

Akka mana murtii naannootti argamuutti, shamarreen lammummaan ishee Kooriyaa Kibbaa taate kun, jaallee ishee dhiiraa Urtula jedhamu hedduu dararaafi dhiphisaa turteetti jedha.

Gurbaan ishee waliin jaalalaan turtii Kollejjii keessatti dabarse kun Caamsaa 20 eebbi isaa yeroo saatiin muraasni hafutti ture kan of ajjeese.

Shamarreen kun yeroo ammaa biyyashee Kooriyaa Kaabaa kan jirtuu yoo ta'u, himannaa kanarratti hanga ammaatti ifatti waan jette hin qabdu.

Himannaan ture maal?

Ibsa gaazexaaf Wixata darbe kennameen, Abbaan Alangaa Mana Murtii Aanaa Saafook Reechel Roliins Aadde Yuu yakka dhibaa'ummaan nama ajjeesuun himatamuu beeksisaniiru.

Abbaan alangaa akka jedhetti, "qorannoo bal'aatiin booda" poolisiin mirkaneeffateera.

Kanaaf akka poolisiin jedhutti, shamarreen kun, "Urtulaa irraan miidhaa qaamaa, kan jechaafi qoor-qalbii irraan ga'aa turteetti. Hariiroo isaan ji'oota 18 waliin turan keessattis hedduu itti dheekikamaa turteetti."

"Miidhaan isheen jaalalleeshee irraan geessisaa turte kun gara guyyaafi saatii dhumaarratti caalaa cimaafi caalaa isa salphisaa hanga du'aatii Obbo Urtulaa qaqqabsiisutti ga'eera," jedha Abbaan Alangaa.

Jarri kun lamaan yeroo jaalalaan waliin turan keessatti Obbo Urtulaa of hin ajjeesiin ji'oota dhumaa lamaan dura ergaa gabaabaa 75,000 ol ta'u waliif erganiiru.

Ergaa barreeffamaa kana keessatti aadde You'n jaalalleen ishee Obbo Urtuulaatiin akka "deemii of ajjeesi" akkasumas " deemuu du'i" jedhaa akka turte Abbaan Alangaa kun ifa godhaniiru.

Itti dabaluunis, gaafa Caamsaa 20 Aadde Yuu, "Obbo Urtuulaa bakka itti argamu faana dhooftee gara garaajii Haaromsaa jedhamu bakka inni itti of ajjeesee hordofteetti.

Map