Meeshaa waraanaa seeraan ala daddabarsuun kun garam geessinna?

Meeshaa waraanaa gara meeshaa muuziqaatti jijjiirame Image copyright UN Photo/Eskinder Debebe
Goodayyaa suuraa Meeshaa waraanaa gara meeshaa muuziqaatti jijjiirame

Ministeerrii galiiwwanii buufataalee gumruukaa sagal irrattii ji'oota 14 keeessatti meeshaalee waraanaa seeraa ala socho'an kuma 117 ol ta'an to'ate.

Onkololessa 24-30 saadarkaa idila-addunyaatti torbee dhabamsiisa meeshaalee waraanaa seeraan alaa '' disarmament week'' jedhamee beekama.

Kaayyoon isaa meeshaaleen waraanaa seeraan alaa nageenya addunyaarratti balaa isaan fidan irratti hubanno uumuun kanneen seeraan ala qabataman dhabamsiisuudha.

Daddabarsi meeshaalee waraanaa seeraan alaa addunyaarratti lubbuu fi qabeenya hedduu galaafachuu isaatiin biyyootni gochi kun yaaddoo itti hin taane muraasa.

Itoophiyaa

Itoophiyaa keessatti daddabarsi meeshaalee waraanaa seeraan alaa yaaddoo guddaa erga ta'ee bubbulus, hooggansi jijjiirama gaggeessu erga dhufee garuu daran dabaluu gabaasaleen qaama mootummaa dhimma kanarratti hojjetaniin bahaa turan ni ibsu.

Komishiniin poolisii magaalotaafi Gumruuk ''eeruu uummataafi sakatta'iinsa tasifameen'' jechuun meeshaa waraanaa seeraan ala socho'aa turan to'achuu irra deddeebiin ibsa miidiyaaleefi miidiyaa hawaasummaarratti kennaa turan.

Ministeerrii Galiiwwanii Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta'uun buufataalee gumruukaa qabu 12 keessaa sagal irrattii yeroo garaagaraatti meeshaalee waraanaa garaagaraa seeraa ala socho'an kuma 117 ol ta'an ALI bara darbee fi ji'oota lamaan bara kanaa keessatti to'achuu BBC'f beeksieera.

Image copyright Getty Images

Meeshaalee waraanaa Matrayyasii, Kilaashiin koov fi Shugguxiin to'annoo jala oolaan 2,500 ol ta'u.

Kan hafan kuma 114 ol kan ta'an rasaasa meeshaalee waraanaa garaagaraati.

Kurmaana jalqabaa bara kanaatti meeshaleen waraanaa seera qabeessa hin taane daddabarsuu sababeeffachuun matrayyasiin 4, kilaashiin 42, maakroviin tokko, rasaasni meeshaalee garaagaraa 20‚996, rasaasni Kilaashii fi Shugguxii 10‚676 fi kaanis ajaja mana murtiifi isaan alas akka mootummaatti galii ta'an ta'uu Daayireektarri kominikeeshinii Abbaa Alangaa Waliigalaa Federalaa obbo Zinaabuu Tunnuu himaniiiru.

Konkolaattotni aysuuzuu sadii fi Raavaa 4 jedhaman meeshalee waaraanaa daddabarsaa turaniis mootummaaf galii ta'aniiru jedhan.

Sababa kanaan himatootni banaman saddeet jiraachuu fi hundaa irraayyuu mirgi wabii ka'eeraa jedhan.

Lakkoofsa namoota daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaan qabamanii seera duratti dhiyaatanii garuu beekuun hin dand'amne.

Obbo Zinaabuu Tunnuu BBC'tti yoo himan, qaamolee jijiiiramni biyyaalessaa eegalame akka itti hinfufneefi kanneen fayidaa argachuu fedhantu gocha kana keessatti hirmaachaa jira jedhan.

Karaa biraan sodaa irraa kan ka'e uummata keessa fedhiin meeshaa waraanaa bitachuu dabaluu wanni akeeku jiras jedhan.

Daayireektarri Kominikeeshinii bulchiinsaa fi nageenyaa naannoo Tigraay obbo Hafteey Mallas nannoo isaanii keessatti bara darbe shukkuxiin 155, Kilaashiin 16, boombiin 22 fi rasaasni kilaashii 10,922 to'annoo jala ooluu beeksisaniiru.

Ragaaleen kun Kan Gumruukaa fi Naannoo Tigraay qofa yoo ta'u, qaamolee Federaalaa fi naannoolee fi bulchiinsa magaalotaa biroon ragaa qindaa'aa of harkaa akka hin qabne nutti himaniiru.

Image copyright Kominikeeshinii Baalee

Komishinii Poolisii Federaalaatti bilbillee meeshaalee waraanaa fi namoota kanaan walqabatee to'ataman gaafannus ''ragaan harkaa qabnu waan akka biyyatti jiru kan ibsu waan hin taaneefi lammiilees yaaddoo nageenyaa keessa waan galchuuf hin ibsinuu'' jedheera.

Kun kanaan osoo jiru bilchiinsota magaalaa Oromiyaa keessatti argaman tokko tokko keessatti meeshaan seeraan alaa socho'aa fi kuufamaa jiraachuun yaaddoo guddaa ta'uu Kantiibaa bulchiinsa magaala Negellee Arsii tibbana dubbifne himaniiru.

Sakatta'anii to'achuufis humna keenyaa ol ta'ee opireeshinii guddaa waan barbaaduuf hooggansa dhimmichi ilaallatuuf beeksifneerraa nuun jedhan Kantiibaan magaalitti obbo Aliyyiin.

Jiraatootni hedduun miidiyaa hawaasummaarratti sochiin meeshaa waraanaa kun hedduu akka isaan yaaddessu barreessu.

Gabaasaleen to'atamuu meeshaalee waraanaa ibsan miidiyaalee hawaasummaarratti maxxanfaman hedduummachuu sababeefachuunis ''kanneen qabaman hangana erga ta'anii kan miliqanii harka namoota dhunfaafi gareelee galan hangam ta'uu jechuunis yaaddahuu isaanii ibsu.

Seera haaraa sochii meeshaa waraanaa toa'chuuf gargaaru

Abbaan Alangaa waliigalaa Federalaa yaada ka'umsaa Komiishinii Poolisii fi qaamolee dhimma kanarratti hojjetan biroorraa argateen seera haaraa daddabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaa ittisuu dandeessisu baasuuf wixinee qopheessee jira.

Seerri hanga ammaa hojiirra oolaa jiru meeshaaleen waraanaa qabaman akka dhaalaman kan jedhu ta'uus, daddabarsitoota irratti adabbiin cimaa fi barsiisaa ta'e akka kennamu gochuuratti laafina waan qabuuf haarressuun barbaaachises jedhan.

Wixineen seeraa haaaraan walakkeessa bara darbeerraa eegalee kan qophaa'e ta'uufi bara kana seera ta'ee akka ragga'u himan.

Akkaa wixinee seeraa kanaatti daddabarsitoota meeshaa kanaarratti adabbiin hidhaa inni xiqqaan muramu waggaa 10 ta'uu obbo Zinaabuun nutti himaniiru.

Ittisa meeshaalee waraanaa seeraana ala socho'ani rratti biyyoota ollaa waliin ta'uun hojjechufis waliigalameera nuun jedhaniiru.

xiinxala

Tibba kana magaalaalee Oromiyaa rakkoo nageenyaa Xiinxalaa Siyaasaa Jawaar Mohammadiin mudatee ture balaaleffachuuf hiriira bahamaa ture keessattis qaamolee nageenyaan addatti hawaasaa keessaa kanneen meeshaalee waraanaa dhukaasaa turan jiraachuu aanga'oonni naannichaa ibsanii turan.

Ji'oota dura dhimma daddabarsa meeshaa waraanaarratti yaada isaanii nuu kennanii kan turan xiinxalaan siyaasaafi nageenyaa Obbo Daadee Dastaa, ''Adeemsi kun hedduu yaadessaadha'' jedhanii turan.

Akka xiinxalaan kun jedhanitti, walitti bu'iinsaafi shakkiiwwan ummatoota gidduutti eenyummaafi amantii sababa godhachuun rakkooleen dhalatan, namootni kaanis maatii isaanii balaarraa eeguuf gara bittaa meeshaa waraanaatti akka galan sababa ta'uu danda'a.

Sosochiin meeshaa waraanaa kun bahaa galma ummataa yaaddoo keessa galchuu caalatti nageenya isaaf mootummaarraa gara abdii kutachuuttillee ce'uu akka malu himanii turan.

Mootummaan gaafatama nageenya ummataa tiksuu akka qabu eeranii, atattamaan to'annoo barbaachisu hunda gochuu qabaa jedhaniiru.

''Ummatnii gara meeshaa waraanaa hidhachuutti ce'a taanaan kana kan mijeessu ammoo qaama qindaa'etu jira yoo ta'e siyaasichi madda rakkoo kanaa ta'a balaan isaas walfixuudha,' jedhan Obbo Daaddan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata