Itoophiyaa: Hooggansi ammas ammas bakkaa kaasuun rakkoon inni qabaatu maali?

Bracuma gosa garagaraa Image copyright Getty Images

Dargaggoo Oftaananuus Dassee jiraataa magaalaa Finfinneeti. Ji'oota muraasa dura piroojetkii tokko eeyyamsiisuuf biiroo tokkotti deddeebi'aa ture.

Innis milkaa'ee gara waajjira biraatti qajeelfameef waan karoorse dalaguu eegaluu dubbata. Haata'u malee, gidduutti rakkoon dhalate.

''Ergan daandirra bu'ee booda rakkoon na mudannaan yeroon duubatti deebi'ee gaafadhu ammoo hogganaa biraatu dhufe. Sanaan rakootu na mudate,'' jechuun hima.

Kana qofaa miti. Waajjira pirojektii isaa dalagaa osoo jiranii hogganaan haaraa akka hojii isaan dhaabsise hima.

''Pirojektii yeroon dhiheessuu qabutii hin dhihaanne. Sababa kanaan maallaqa argachuu malus nan dhabe,'' kan jedhu Oftaananuus hogganaan ''kan dhufuufi kan deemu wal quba hin qabu,'' jechuun himata.

Kuni egaa kan dhalate waggaa tokkoofi lama gidduutti akka ta'e BBC'tti himeera. Namoonni rakkoon akkasii isaan qunname sadarkaa godinaafi aanaa, akkasumas magaalaatti baay'eedha.

Rakkoowwan kaan kanneen akka maamiltoonni murtee sirrii yerootti argachuu dhabuu, isaafis waajjiraaletti deddeebi'uu, akkasumas rakkooleen kaan isaan qunnaman jiru.

Hoggantoonni mootummaa bakka itti ramadamanirraa osoo kan jalqaban bakkaan hin ga'iin akka ka'an ta'uun yeroo baayyee mudata.

Murteen namoota muudamarra jiran kaasuun paartii bakka sana kaa'ee ta'us garuu hawwaasaaf tajaajila barbaadame kennuufi karoora qabatan galmaan ga'uu keessatti garuu rakkoo uumaa akka jiru ni himama.

Aanga'oonni bakka itti ramadman irraa ji'oota muraasa qofa ykn yoo baayyate waggaa tokkoof turanii ka'an ni jiru.

Kun ammoo waadaa ummataaf galan osoo hin milkeessiin ka'uun qaawwi akka uumamu tasisuu qofa osoo hin taane, yeroo namni haaraan dhufee bakka bu'u bakka sanatti baru fudhatullee yeroo misoomaa qisaasuu himu ogeessonni.

Hoogganaan Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Dr Biqilaa Hurrisaallee rakkoon kuni akka ture amanu.

Itoophiyaa keessa bakkeewwan adda addaatti hooggansi sadarkaa garaa garaarra jiran osoo hin turin bakkaa ka'uuniifi kan biraan buufamuu baay'eedha.

Keessumaa Naannoo Oromiyaatti rakkoon kuni hammaataa akka ture qondaalli Naannoo Oromiyaa irraa dubbisne Dr Biqilaan ni himu.

Namoonni maaliif bakkaa ka'u?

Hogganaan tokko sababoota garaa garaaf bakkaa ka'u danda'a. Kanneen keessaa ijoon garuu waan lama.

Dr Biqilaan akka jedhanitti tokko karoora keennameef sirriitti raawwate jijjiirama yoo fidu dhadhabef akkasumas hanqina gaggeessummaa qabatamaan mul'atu yoo agarsiise bakkaa ka'u danda'a.

Kanaanis, bakka isaaf/isheef malu ramadamuu danda'a.

Kan biraa immoo, jjjiirama itti fufsiisuuf gaggeessaan jijjiiramu danda'a (amala hojiifi barbaachisummaa hojii irraa kan ka'e) jechuun ibsu.

Gama biraatin, yeroo caasaa ykn gurmaa'insi waajjiraa tokkolle jijjiiramu fakkeenyaaf naannoorraa federaalatti yookiin immoo federaalarraa naannootti geeffamuu danda'a/dandeessi.

Inni amma hooggansi bakkaa ka'u ''walumaa gala jijjiiramicha waliin kan wal qabatudha,'' jechuun himu.

Bakkaa ka'un amma baay'atee?

''Amaluma jijjiiramichaa irraa kan ka'e tasgabbiin hooggansaa hin turre naannoo keenya keessa,'' kan jedhan Dr Biqilaan kuni maamiltoota qofaa osoo hin taane hooggansa irrattillee rakko fiduu isaa himu.

''Hooggansa tasgabbii dhowweera akkasumas yaadannoo jaarmiyaa (''Institutional memory'') waan dhabsiiseef dubbiin kuni akka hanqinaatti qoratamaa ture,'' jedhu.

Keessumaa hoggansa kaasuun sadarkaa naannootti osoo hin taane godina, aanaafi magaalaatti akka hammaatu himu qondaalli kuni.

Ta'us Adoolessa bara 2011 keessa bakka bulchaan Naannoo Oromiyaa jiranitti furmaanni kaa'ame.

Kunis, hanqinaafi cimina hoggansa tokko osoo adda hin baasiin gaggeessaa muuduunis ta'e buusuun akka sirrii hin taane murtaa'uu isaa himu.

Kunis, ''hoggansi karoora karoorfate raawwatee jijjiirama fiduufi fiduu dhabuun isaa ragaa qabatamaan akka adda bahaa deemu murtaa'ee jira.''

Lammaffaa immoo ''yeroo gaggeessaan tokko godinarraa ka'u seektarri isaa naannoorra jiru kallattiidhaan akka beekuu akka qabu murtaa'ee jira.''

Isa booda tasgabbiin hoggansaa dhufeera jechuun dubbatu.

Gama kaaniin, erga bulchiinsi Ministira Muummee Abiyyi Ahimadin hoogganamu aangootti dhufe as bakkaa ka'un baaya'achuu isaa kan gaafanne qondaalli kuni ''akkas jennee dubbachuu hin dandeenyu'' jedhu.

Kanaafis qorannoon akka hin taasifamne eeru. Haa ta'u malee, ''haala jijjiirama kana dandamachuu danda'un,'' namoonni bakkaa ka'aa namoota kaaniin bakka bu'amaa akka jiran amanu.

Rakkina hoggantoota kaasuun qabu

''Hogganaan tokko yoo xiqqaate bara karooraa tokko hojiirra turuu qaba jennee falmina,'' jedhu Dr Biqilaan. Akkana jechuun hogganaan tokko yoo xiqqaate waggaa tokkoof turuu qaba kan jedhudha.

''Akka ogessaatti yoo xiqqaate waggaa 1 hanga waggaa 5'tti turuu danda'u qaba jennee amanna. Waggaa 1 gaditti nama asiifi achi jijijjiirun hin gorfamu.''

Hoggantoota ammas ammas bakkaa kaasuun dhibbaan inni fidu baay'ee guddaadha kan jedhan ogeessi kuni hoogganaan suni ''jijjiirama fiduudhaaf yeroo hin argatu, lammaffaa yaadannoon jaarmiyaa (institutional memory hin jiraatu),'' jechuun ibsu.

Hundaa'ol immoo hojjetaa keessatti burjaaja'iinsa uuma. Muuxannoo, beekumsa akkasumas odeeffannoo hooggansi kuufate mana hojii sanaaf qabeenya ta'us kuni akka qisaasamu himu.

''Baay'achuu hin qabu malee hanga ta'e namni jijijjiiramu qaba. Namni dhadhabee hojii hojjechu nuffe sababa adda addaatin jijjiirame humni haaraan ilaalchi haaraan makamuu qaba mana hojii keessatti.''

Kunis, madaala isaa eeguu akka qabu eeru. Hooggansa tokko bakkaa kaasuun garuu rakkoon isaa dhaabbata yookiin maamilaaf qofa miti. Hooggansa mataa isaa irratti rakkoo fidu qaba.

''Nama waggaa shan keessatti mana hojii jaha torba saddeet hojjete muuxannoon isaa ciccitaadha odeeffannoon inni/isheen qabdus ciccitaa waan ta'uf guddina isaa irrattillee rakkoo fida,'' jedhu Dr Biqilaan.

Hooggansi tokko mul'ata qabaatee waajjira hojjetu keessatti jijjiirama fiduu barbaada. Ta'us waan karoorsa osoo bakkaan hin gahin dafani ka'aun mul'ata isaallee akka bittinneessu amanama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata