Gareen IS Bagdaadiin ajjeefamuu amanee gaggeessaa haaraa muudate

Bakka Dubbii Himaan duraanii IS, Abu Hasan al - Muhaajir, itti ajjeefame

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa,

Waraana wal ta'iinsa Ameerikaafi waraana Kurdii Sooriyaa keessatti taasifameen Abu Bakar al- Bagdaadiifi Dubbii himaan isaa Abu al - Hasan al - Muhaajir kan ajjeefaman

Gareen jihaadistii IS yeroo jalqabaaf du'a hogganaa isaa Abu Bakar al - Bagdaadii mirkaneessuun hogganaa haaraa muude.

Miidiyaan IS Telegiraama irratti akka beeksisetti Abu Ibraahim al - Hashemii si'achi hogganaa haaraa garee kanaa akka ta'e ibseera.

Dabalataanis, kaalifeeti garee kanaa akka ta'elle ibse.

Humni addaa Yunaayitid Isteet xumura torban darbe bakka jireenya al - Bagdaadii Kaaba Sooriyaa jiru irra gahuun haleellaa irratti raawwatanii ture.

Achiis al - Bagdaadiin bo'oo wayii keessa seenun of ajjeese.

Gareen IS gaafa kamisaa akka mirkanesseetti Dubbii Himaan garee kanaa Abu al -Hasan al - Muhaajirillee duula Kaaba Sooriyaa humna waraanaa Yunaayitid Isteetiifi humna waraanaa Kurdii waliin taasifamen ajjeefame.

Kuni egaa al - Bagdaadiin ajjeefamee sa'aatii tokko booda jechuudha.

Dubbii Himaan haaraa Abu Hamzaa al - Quraashi ta'eera.

Abu Ibraahim al - Hashemii al -Quraashi eenyu?

Maqaan Hasheemi jedhu humnoota nageenyaa biratti hin beekamu. Tarii maqaa yeroo duula gaggeessan ofitti baasan ta'u mala jedhamee amanameera.

Gareen IS waan nama kanaa waan dalataas ta'e suuraa isaa hin gadhiisne. Garuu, ''jihaadii keessa nama maqaa gaarii qabu'', jedhan.

Ibsi gareen kuni baase akka agarsiisutti Hasheemin nama yeroo dheeraaf waraana jihaadii Ameerikaa irratti gaggeessaa turedha.

Maqaa ''al - Quraashii'' dhahachuun immoo hogganaan haaraa gosa Nabiyyuu Mohaammad Quraayish irraa akka dhufe agarsiisa.

Kuniimmoo, hayyuuleen Sunnii kaalifeeti ta'uf ulaagaa barbaachisu akka ta'etti kaasu.

Osoo gareen kuni ibsa hin baasin dura gaazexeessituun BBC dhimma jihaadii gabaastu Minaa al - Lami ,''Gareen IS nama Quraashii hin taane yoo filate, tarii ammaan achi kaalifeetin akka hin jirre agarsiisa,'' jetteetti.

Maal akeeka?

Gareen IS bara 2014 Iraaqiifi Sooriyaa keessa bakka hedduu erga qabatee booda ''kaalifeeti'' - bulchiinsa seera shariyaa ykn Islaamaan bulu- hundeessuu isaa ifa taasie. Kanaanis, ummata miiliyoona hedduu irratti dirqama kaa'e.

Maqaa al - Bagdaadiis ''Kaalif Ibraahim'' jechuun musliimonni addunyaa mara irra jiran isaaf amanamoo akka ta'an ergaa dabarse.

Madda suuraa, US Department of Defense/Reuters

Ibsa waa'ee suuraa,

Abu Bakar al - Bagdaadiin erga waraanni Ameerikaa Kaaba - Lixa Sooriyaatti isa arganii booda of ajjeseera

Waggaa darbe bulchiinsi kaalifeeti dhabamsiifamus gareen IS garuu guutummaan guututti injifatame harka hin kennine.

Gareen kuni ammallee ''miseensota'' 14,000 - 18,000 Iraaqiifi Sooriyaa keessaa qaba. Kana keessa lammiileen biyya alaa 3,000 ta'an akka jiranis gabaasni Ameerikaa tibbanaa agarsiisa.

Ibsa Dubbii Himaan IS haaraa akka jedhetti erga al - Bagdaadiin du'ee booda manni maree garee kanaa shuraa jedhamu walgahuun Hasheemiif amanamoo akka ta'an ibsaniiru.