Hokkora tibbanaa keessatti qoodni miidiyaa akkam ture?

Maayikii Miidiyaa Image copyright MICHAEL TEWELDE
Goodayyaa suuraa "Miidiyaan rakkoolee mudatan hammeessuu keessatti garuu gahee bahaa jiraa''

Itoophiyaa keessatti haalli nageenyaa jiru yaaddessaa ta'aa jira. Hokkora guyyoota lamaa qofaan namoonni 86 lubbuu dhabuu MM Itoophiyaa Abiy Ahimad himaniiru.

Hokkorri kun walitti bu'iinsa sabaa fi amantaa bu'uureffate akka of keessaa qabus mootummaan himeera.

Walitti bu'iinsi kun akka hammaatuu fi lubbuun nama hagana gahu akka badu kan taasise gabaasaalee miidiyaati namoonni jedhan jiru.

Ofii Haalli nagenya biyyaa keessumaa amantaa fi saba irratti xiyyeefachuun yoo goolamu gaheen miidiyaaleen taphachuu qaban maali? gaabaasni isaanii akkam ta'uu qaba?

Ogeeyyiifi qorattoota miidiyaa dhimma kana irratti yaada qaban gaafanneerra.

Ogeessa miidiyaa kan ta'aniifi waggoota dheeraaf miidiyaalee biyya keessa jiran sadarkaalee adda addaatti hoogganaa kana turan obbo Qajeelaa Qannaa, ''rakkoolee nageenyaa amma mul'ataniif sababni miidiyaadha jechuu baadhus, rakkoolee mudatan hammeessuu keessatti garuu gahee bahaa jiraa'' jedhu.

Maddi rakkoo nageenyaa amma dhalateef taateewwan galtee ta'an hedduun jiruu jedhanii, rakkoo walxaxaa bara dheeraa turetu jiraa jedhu.

''Gabaasni miidiyaalee rakkoon sun akka furmaata argatutti miti, kun ammo miidiyaalee hunda hin ilaallatu.''

''Dhiibbaan miidiyaan uumu kan takkkaatti dhalatu miti, har'uma ka'ee rakkoon akkasii akka uumamu hin godhuu'' jedhu oogummaa gaazexessummaarratti kitaaba kan barreessaniifi oogummichas kan barsiisan Birhaanuu Olaanaa(PhD).

''Miidiyaalee biyya keenyaa fi alaayis kan gabaasan uummata dhimmoota akkasiif(rakko nageenyaaf) qopheessuu erga eegalanii tureera."

"Wantootni tibba kana argine waan yeroo keessa tuulamaa dhufee qaawwa argatee dhohe'' jedhu.

''Waan xinnoo dhalatte tuulanii akka nama miira keessa galchuutti haalli isaan itti gabaasn jira, kaan ammoo uummata addaan qooduudhaan gabasuutu jira.''

Ogeeyyiin miidiyaa lameen kun yaada miidiyaaleen 'mainstream' (raadiyoo, televizhiniifi barruuwwan) jedhamanis ta'e miidiyaan hawaasaa rakkooolee siyaasaa fi nageenyaa mul'atan fiixee qabachuun hafarsuun hammeessa kan jiran jiruu yaada jedhutti waliigalu.

Biyyoota akka Sarbiyaa fi fagoo osoo hin dhaqiin ammoo Ruwaandaatti waggoota 20 dura duguggaa sanyiifi ajjechaawwan sukkanessoo raawwatamaniif miidiyaaleen gaheen taphatan guddaa ta'uu dubbatu obbo Qajeelaan.

Haala addunyaan amma irra jirtu wajjiin yoo ilaalamu rakkoon miidiyaaleen Itoophiyaa qaban yeroo kanatti waan isaanirraa eegamu mitii jedha.

Wayita nageenyi biyyaa yaaddoo keessa galu miidiyaleen akkamiin gabaasuu qabu?

Miidiyaaleen yeroo hundaa bilisummaan gabaasuu qabuu kan jedhan Dr. Birhaanuun, ''billisummaan garuu bilisa miti'' jedhu.

"Bilisummaa hojii wajjiin kan walqabatee deemu itti gaafatamummaan jira, miidiyaan jalqabumaa nagenyaaf dhaabbachuutu itti jiraata, hojiidhumasaayyuu hojjechuuf.''

Kan nageenya booressu keessumaa amantaa fi saba gidduutti kan walitti bu'iinsa uumu irratti eeggannoo addaatiin gabaasuuf miidiyaaleen gaafatama qabus jedhu.

Image copyright MICHAEL TEWELDE
Goodayyaa suuraa "Uummanni wanti miidiyaan dubbatu hunduu dhugaa itti fakkaata"

Haqnis yoo jiraate jalqaba nageenyatu dursaa jedhu. Yaada kanatti obbo Qajeelaanis walii galu.

''Yayyabni oogummaa gaazexeessummaa dhugaa gabaasi jedha. Dhugaa sana yoon gabaasu ammoo nama na hordofurratti maal uuma kan jedhu ammoo bira hin hafuu.''

''Miidhaa hin qaqqabsiisa yoo ta'e, dhugaa garaa namaa raasu akkamuu yoo ta'e, sagantaan kee hafuu wayyaa" jedhu.

''Rakkoon akka tasgabbaa'u gochuuf malee, kunoo sabni tokko saba kana fixaa jira jedhamee hin gabaafamu.''

Wannumti dhugaa akka ta'eti gabaafamaa jiru mataan isaa dhugaa dha moo miti kan jedhu qorachuun adda baasuun qormaata gaaxessummaa isa guddaadhas jedhu.

Walitti bu'iinsaa fi yaaddoo nageenyaa keessatti nagaa lallabuu, haala itti tasgabbiin bu'u gabaasuutu irra jiraa jedhan.

Rakkoo gabaasaalee miidiyaatiin hammaatan hambisuuf maaltu hojjetamuu qaba?

Gabaasaaleen yaada, ilaalcha, eenyummaa saba ykn amantaa tokko gadi qabaa isa kaan leellisuun balaa guddaa fida waan ta'eef midiyaaleen hordoffii barbaadu jedhu ogeeyyiin kun.

Hubannoo hawaasni waa'ee miidiyaa qabus hanqina waan qabuuf, kana fooyyessuufis hojjetamuu qabaa jedhu obbo Qajeelaan.

Biyyoota kaan keessatti ijoolleen sadarkaa barnootaa gadii irraa qabee barnoota waayee hubannoo miidiyaa gabbisuu (media literacy) barachuu eegalu jedhu.

"Akkamittiin miidiyaan akka odeefannoo gabaasu, akkamittiin itti fayyadamuu akka qaban barsiisuu jedhanii, biyya keenyatti namni hundu wanti miidiyaan dubbatu hunduu dhugaa itti fakkaata" jedhu.

Dhugaa dhalate tokko yoo gabaasu midiyaan waan keessaa hanqisu fi itti dabalullee qabaachuu akka danda'u hubatamuu qabaa jedhan.

Uummatni gara hubannaan gabaasalee miidiyaa xiinxalee fudhachuutti akka guddatuuf sirna barnootaa keessatti hammatamuu qabaa jedhan.

Uummata xinxalee gabaasalee miidiya fudhatu horachuuf miidiyaadhumatti fayyadamnaa kan jedhan Dr. Birhanuun miidiyaaleen safuu ogummaa kanaa akka beekanii ittiin bulan jajjabeessuun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata