Lammii Chaayinaa obboleessa ishee wallaansiisuuf birrii 8'n waggoota shaniif jiraate

Wu Huayan on her hospital bed Image copyright Feng Video
Goodayyaa suuraa Wu Huyaan ruuzaafi qaaraa qofaa soorachuun obbolleessa ishee wallaansisuuf waggoota shaniif jiraattee

Shamarreen Chaayinaa Wu Huyaan obboleessa ishee dhukkubsatee hospitaala ciisu wal'aansisuuf maallaqa walitti qabachuuf jecha guyyaan nyaata Yuwaanuu 2 (birrii 8) qofaan waggoota shaniif jiraatte.

Nyaanni shammarreen tun waggoota kanneeniif soorataa turte gahaa waan hin turreef dhukkubsachuun mana yaalaa galte.

Isaan booda dhimmi shamarree tanaa mata dureewwan gaazeexaa biyyattii ta'ee namoota hedduu naasiseera.

Wu obboleessashe dhukkubsatu gargaaruufi ofiisheefis barnoota yunivarsiitii itti fufuuf baay'ee carraaqaa turte.

Seenaan shamarree kanaatiis aanga'oonni biyyattii rakkina ishee dursanii hubachuun deeggarsa barbaachisu taasisuu dhabuutiin hawaasa biratti aarii olaanaa umeera.

Erga oduun ishee maxxanfameen booda deeggarsi maallaqaa taasisamu eegalameen doolaarri miliyoona 114,000 walitti qabameera.

Seenaan Wu maaliidha?

Jalqaba baatii kanaa hargansuurratti rakkinni waan mudateef gara mana yaalaa deemte, akka miidiyaan Chaayinaa gabaasetti.

Isheenis seentii meetira 135 qofaa dheeratti. Ulfinni qaamashees kilogiraama 20 qofa ulfaatti turte.

Hakimoonnis sababii hir'ina nyaataa waggoota shaniif keessa dabarteen wal qabatee rakinni kaleefi onnee mudachu itti himan.

Isheenis obboleessa ishee oolchuuf maallaqa walitti qabu akka barbaaddu itti himte.

Wu Huyaan wayita umurii waggaa afurii jirtu haatishee kan jalaa duute yoo ta'u, abbaanshees osoo mana barnoota jirtu du'an.

Isaan boodas isheefi obbooleessi ishee akkawoodhaan deeggaramaa guddatani. Booda keessas eessuma yuwaanii 300 ykn doolaara 42 qofaa kennuu danda'uun deegaramu turan.

Mallaaqni isheen argattu kunis irra caalaan kanfaltii wal'aansa obboolleessa quxisuu ishee kan rakkina sammuu qabuuf olchiti.

Kana jechuunis Wu guyyaati yuwaanii 2 (birrii 8) qofaa ofiisheetiif fayyadamuun yeroo baay'ee ruuziifi qaaraa qofaan jiraataa turte.

Obboolaan kunneen mandara Chaayinaa keessatti hiyyummaan beekamtu Guzhoo kan jiraataniidha.

Shamarreen tun haala kanaan hospitaala wayita galuunshee dhagahameen booda mootummaan gargaarsa taasisuufi qaba ture jechuun aariin guddaan hawaasa keessatti umameera.

Motummaan kabaja waggaa 70ffaa Chaayinaaf baasii hin barbaachifne baasu lammii rakkatuuf deeggarsa hin godhu jechuun qeeqan.

Fayyadamtoonni midiyaalee hawaasaas koolleejiin shamarreen tun itti barattuu maaliif deeggarsa hin taasisiniif hafe jechuunis gaafataniiru.

Kuun ammoo gocha ishee osoo barnoota koleejjii barataa obbolleessa ishee baraaruuf taasifte baay'ee dinqisiifatan.

Isan boodas hiriiyyoni waliin barataa jirtu deeggarsa doolaara 5,700 ta'u kan taasisaniif yoo ta'u, naannoo itti dhallateeyis Yuuwaanii 30,000 deeggarsa argattee jirti.

Motummaan biyyattis ji'aan yuwaanii 300-700 akka deeggaru ibsa baaseen beeksiiseera.

Ammas haala balaa hatattamaatiin deeggarsa yuwaanii 20,000 akka kennamuuf ibsameera.

Dinagdeen biyyattii garmalee guddataa jiraatulleen, haalli jireenyaa lammilee biyyattii hiyyummaa keessa jiraatanii gutummaan hin fooyyofne.

Image copyright People's Daily

Chaayinaan biyya lammiilee hundi haala wal qixa ta'een fayyadamtoota guddina dinagdee ta'an miti.

Ragaan Biiroo Istaatistiksii Biyyaaleessaatiin bara 2017'tti bahe tokko akka mul'isutti, ummanni Chaayinaa miliyoona 30.46 ta'ufi baadiyyaa jiraatu ammalleen hiyyummaa cimaa keessa jiraata.

Galiin guyyaa namoota kanneenis jiddugalaan doolaara 1.90 jedhameera.

Haa ta'u malee Chaayinaan bara 2020'tti hiyyummaa nan hirrisa jettee jirti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata