Magaalota akkamiin dubartootaaf mijatoo taasisu?

Gamoowwan Baarseloonaa Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Baarseloonaa

Magaaloti hunduma keenyaaf ijaaramuu malan hunda keenyaan hin ijaaramne ture.

Magaaloti addunyaa keenyaa dhiirotaan karoorfamanii ijaaraman. Dubartooti harka walakkaa tahan otoo ijaaranhoo?

Baarselonaan deebii kanaa nuuf kennuu dandeessi.

Waggoota afur darbanirraa kaasee kantiibaa dubartii ajandaa feminist(sochii ykn ilaalcha walqixxummaa koorniyaaf falmu) qabduun hogganamaa jirti.

Dubartooti feministii karoora magaalawwan irratti hojjetan maal geeddaruun magaalota dubartootaaf mijatoo akka tahan fedhu?

Konkolaataa balleessaa!

Goodayyaa suuraa Konkolaataa sa'atii 1 keessatti km 10 saffisu qofatu gamoowwan kunneen darbuu danda'a

Jaaneet Saanz bakka buutuu karoora bulchiinsa magaalaa Baarselonaati. Yaada kana kan burqisiisees isheedha. Qaama guddaa piroojektii karoora magaalaattiiti.

''Mee yaadi mee'' jetti Jaanet daandii halluu guraamalee dibamee miidhage irra adeemaa.

''Baarselonaan lafa ummataa harka 60 konkolaataaf kenname qabdi. Battala, lafa deebistee ummataaf qooddu namoota hanga yoonaa iddoo hin qabne deeggarta.

''Yaadni keenyi inni guddaan lafti bal'aan akka hin fudhatamne gochuudha. Konkolaataatu immoo iddoo baayyee fudhata ture.''

Karoorri Superilles jedhamu magaalaa keessatti hojiirra oole, daandiin namoota lafoo deeman, bishkiliitii oofan fi daandiirra basha'uu fedhaniif banaa ta'uu qabu jedha.

Gamoowwan Superilles jedhaman kunneen konokolaataawwan akka hin dabarre taasisu. Konkolaataawwan darbuu danda'an saffisa sa'atii 1 keessatti km10 kan saffisan tahuu qabu.

''Addabaabayii konkolaataa qabaachuurra paarkii, teessoowwan bashannanaa fi iddoowwan taphaa qabaannaa jechuu dha''

Yaada Superilles kan burqisiise nama Salvador Rueda jedhamu yoo tahu yaannisaa faalama qilleensaa hir'isuufi uummataa iddoon banaa akka jiraatu gochuu dha.

Jaanetiifi hiriyyoonnishee immoo dubbii geeddaran hirmaannaa hawaasaa immoo itti dabalan.

Hojimaata badaa didne

Ummanni Baarselonaa basha'uu waan jaalatuuf gumiin bulchiinsa magaalattii namni hundi iddoowwan uummataa, halkaniif guyyaa fayyadamuuf mirga qaba jedhee amana.

''Kanaaf iddoo dhiichisni jirutti iddoo xiqqoo halluu siddisaa qabdu argitu isheen wiirtuu odeeffannooti achi dhaqxanii waa'ee qoccollaa saalaafi dhimma dhiirummaa dorsisaaf fayyadamuu akkatti ofirraa dhaaban gorsa argatu.''

Warri tajaajila kana kennan halkan iddoo namoonni sirban deemaa gargaarsa yoo barbaadu taheef isaan gaafatu.

Gumiin magaalatti namoonni yoo haleellaa saalaa irraan maqaan isaanii himuun otoo isaan hin barbaachisiin gabaasuu akka danda'aniif appilikeeshinii bilbilaa qopheessuun jalqabsiisaniiru.

Mana fincaanii dabalataa

Manni fincaanii dubarootaa kan dhiirotaarra hiriira dheeraa qaba; kuni immoo sababii baayyee salphaa taheef mudata.

Dubartootni taa'anii gatii fincaa'aniif yeroo dheeraa kan dhiirotaan harka sadii caalu fudhatu.

Dubartoonni sababii laguufi yeroo ulfaattis mana fincaanii yeroo hedduu fayyadamuun dabalataan ijoolleefi miseensota maatii gargaarsa barbaadan fudhataniitu mana fincaanii deemu.

Haadholiin baayyeen gaarii ijoollee isaanii irra kaa'anii oofan mana fincaanii fuudhanii galuu gatii hin dandeenyeef mana fincaanii uummataa hin fayyadaman.

Lafti kutaawwanii immoo yeroo baayyee fincaaniin kan bade dha.

Kanaaf manni fincaanii dubartootaa yoo xiqqaatee kan dhiirotaan al sadii caaluu qaba. Haa tahu malee ijaarsi gamoowwanii yeroo baayyee kanaaf xiyyeeffanoo hin kennu.

Lafa taphaa

Goodayyaa suuraa Saree Dubartoota karoora magaalaa irratti hirmaatan

Akka arkiteektiin Dafne SaldaƱa jettu yeroo baayyee magaala keessa lafani taphaa yoo qophaa'uu waan dhiiroti yeroo baayyee taphatan kubbaa miilaaf hojjetama. Taphawwan biraaf iddoon hin jiraatu.

Naannoo Equal Saree jedhamutti paarkii kofa hundaan daandii qaxxaamuru, kutaawwan akka mana isa sirriitti bashannanaaf ijaaramanfi taphawwan garaagaraa keessumsiisanitti ijaaraman.

Ajandaan ijaarsa magaalaa kanaaf feministoonni kunneen gaaffii namoonni iddoowwan uummataa kana irratti maaltu otoo ijaaramee akka jaalatan yoo gaafataman...

Teessoowwan

Feministooonni kunneen teessoon namoota iddoo dhaa iddootti socho'aniif, dhukkubsattootaafii namoota qaama miidhamoo tahaniif kanneen ijoollee baataniifi manguddootaaf akka hirkootti gargaara. Hanqinni teessoowwanii baayyetu jira ture jedhu

Kanaaf mootummaan Baarselonaa ollaa tokko keessatti qofa teessoowwan 500 galcheera.

Maqaalee daandiiwwanii

Magaalaan tokko kan hundaaf taatu gochuun dubartoonni nagaan bahanii akka galan gochuu qofa osoo hin taane, akka isaan mul'atan gochuus dabalata.

Sirriitti yoo hubanne akkuma kitaabilee seenaa magaaloti fakkii dhiirota qofa leellisuun kan guutamani dha.

Qorannoon magaalota gurguddoo addunyaa daandiiwwan magaalaa harka 27.5 tahan qofatu maqaa dubartootaan moggaafame jedha.

Baararselonaan kana sirreessuuf hojjechaa turte. Bulchinsi magaalatti kana dura ture maqaalee karaa dubartootaan moggaasee ture.

Gumiin magaalattii immoo gara harka 60tti guddisuuf hojjechaa jira.

Magaalaa dubartootaan ijaaramte arguun abjuu dha.

Baarselonaan garuu egereen magaalotaa gara fuuladuraa maal fakkaachuu akka dandeessu nutti himti.

Odeessa kana irratti dabalata