Haruun Ahimad: 'Gidiraa gammoojjii Sahaaraa sabaa fi amantaan wal danda'uu nu barsiise'

Harun Ahimad Image copyright Harun Ahimad
Goodayyaa suuraa "Namicha tokkotu dhufee nu bitate kuma sadi sadiin" - Haruun Ahimad

Akka nama gammoojjii Sahaaraa irraa hafeetti, warra waliin imalaa turre waliin akki itti kaane, akka nu wal goonee fi akka taane yoon laalu, ilmi namaa hagam wal danda'ee waliin deemuu akka qabu erga guddaa qaba jedha Haruun Ahimad.

Godina Baalee aanaa Agaarfaatti dhalatee kan guddate Haruun, "wanni dargaggoota Oromoorra gaha ture, anas hin hanqanne" jedha.

Haa ta'u malee kan biyyaa isa baase rakkoo dhuunfaati. Bara 2013 Shaashamanneerraa ka'ee Sudaan gale.

Sudaan wagga tokko erga turee booda hiriyoota isaa afurii fi baqattoota kaan waliin wal gurmeessuun jalqaba bara 2014 gara Liibiyaatti qajeele.

"Kaartuum keessaa achi gadi nu baasanii lammilee Eertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan akkasumas lammilee Itoophiyaa saba kaan waliin bakka wayiitti walitti nu qabani."

Gidiraan gaafuma Kaartuum keessaa qajeelan akka isaanirra gahuu eegale hima.

"Bakka walitti nu qaban kana osoo hin gahiin, ijoollee waliin deemnu warqii fi waan isaan harkaa qaban hunda irraa qulqulleessanii, shamarran wayyaa irraa baasanii sakatta'anii, waa hunda irraa guurratanii, salfiin nu oofani."

Bakki itti walitti nu qaban sun gammoojjii ta'uu malee eessa akka ta'e baruu hin dandeenye jedha Haruun.

Bakka itti walitti qabaman san guyyaa lama buluu kan dubbatu Haruun, "san booda makiinaan Sahaaraa nuun deemu waan dhufeef, makiinaa san korree imala eegalle" jedha.

Haa ta'u malee konkolaataa irratti bakka qabachuuf jecha namni akkuma wal beekuun, sabaan garee uummatee wal loluu eegale jedha.

Namoonni 98 konkolaataa tokkoon imala gammoojjii Sahaaraa tokko jedhanii waliin eegalan.

"Akkuma afaan dubbannuufi wal beeknuun bakka qabannee wal bira teenye" jedha.

Imala gammoojjii Sahaaraa kan halkanii guyyaa deeman, guyyoota afur erga imalaniin booda ammas namni wal tumuu eegalee jedha Haruun.

"Namni nyaata kan ofii fe'atee kan namaa wal jalaa nyaachuu eegale, sababa kanaanis gareen wal qoode wal tumuun dhufte."

Waliin qofa osoo hin taane namicha isaan fuudhee deemaa jirunillee wal loluu dubbata.

Waan wal loluun dhale

Imala eegalanii guyyaa torbaffaatti daangaa Masirii, Sudaan fi Liibiyaa bakka godaantota itti wal harkaa fuudhan gahan.

Achitti garuu waan hin eegnetu isaan mudate.

"Namichi silaa Liibiyaa irraa nu fuudhuuf dhufe hidhattootaan bakka sanatti qabamee ture. Ani qabameera hin dhufinaa jedhe kan Sudaan irraa nuun deemaa jiruuf ergaa dabarsees ture."

"Namichi Sudaan irraa nuun deemu garuu waan nu waliin wal loleef, callisee itti nu oofe" jedha.

"Gaafa geenyu konkolaataan nutti marsanii qawwee nutti qabanii, nuyis, kan nu fides, kan nu fuudhuu dhufes makiinarratti ol nu yaasanii nuun kutan."

Gareen isaan fuudhe kun hidhattoota ta'uu malee eenyummaa isaanii wanni beekan hin jiru.

"Gammoojjiidhuma keessaa nutti yaa'ani, gara makiinaa saddeetiin nu marsan," jedha.

"Hidhattoonni kunneen nyaataa fi bishaan malee guyyaa lamaa fi halkan lama erga nuun deemanii booda bakka wayiitti nu buusanii, maallaqa kafaltan malee asii hin deemtan nuun jedhani" jedha.

Mata mataatti doolaara kuma 5 akka kafalan gaafatamuus ni dubbata.

"Nu dhiisi innumti Liibiyaa irraa nu fuudhuu dhufe mataan isaa bakka jirru eessa akka ta'e hin beeku ture" jedha.

Warri doolaara kuma 5 kafaluu dandeessan konkolaataa kora, warri hin dandeenye hin korinaa jedhamuus hima.

"Warri Itoophiyaa hundi keenya hin qabnu jennee didne. Uummannii Eertiraa baay'een, warri Sudaanis nu biraa koran."

Nu hin qabnu hin kafallu jennaan achumatti nu dhiisanii qajeelani jedhe.

Takka erga deemanii booda as deebi'anii, ulee fi qawween humnumaan ol nu yaasani jedha.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Hidhattoonni godaantota ugguranii maatii maallaqa ergisiisuun ykn dabarsanii gurgurachuunwaan baramaadha.

"Guyyaa sadii erga nuun deemanii booda, sahaaraa keessa bakka nama itti gurguratan geenye. Uummanni kan ji'a afurii ol achi taa'e, kan uffanni irraa dhumatetu achi jira, ilma namaa hin fakkaatu."

Namoota 200 oltu achi jira irra caalaa namoota Somaaleetu hedduummata jedha Haruun.

"Nuti ni turra jennee hin yaadne bishaanis, nyaatas waan qabnu hurgufne jaraafis kenninee gaafa jennu, dhufanii kuma 4 mata mataatti kafaltan malee asii socho'uun hin jiru nuun jedhani," jedha.

"Bakka sanatti fedhan guyyaatti fedhan guyyaa lamatti al takka nyaataafi bishaan namaa kennan. Sanarraan galgalli tumaa, ganamni tumaadha."

Namni maatiitti bilbilee maallaqa akka erguuf jecha akka malee nama reebu jedhe.

Walumaagalatti baatilee afuriif achi turuu kan himu Haruun, "uffanni nurraa dhumatee, namuu wal dagatee, addunyaa deemnuuf Sanaa daganne," jedha.

Bakka kanatti dargaggoo Oromoo tokko dabalatee lammileen Somaaliyaa 12 gidiraa irraa gahaa turee fi gammoojjii dandamachuu dadhabanii lubbuu dhabuu Haruun ni dubbata.

"... kalee wayiituu hin qabdu"

Gidiraa kana hunda gidduutti warri afaanii fi sabaan wal qoodee jalqaba wal lolaa ture eenyummaa ofiiyyuu dagatee, walii gadduu fi wal gargaaruu hima.

"Nu keessa namni tokko yoo du'e, dheebuun du'e jennee warra hafaniif bishaan akka nuuf kennan hanga haarsaa lubbuu waliif kafaluuf murteessuurra geenyee turre" jedha.

"Gaaf kaan warri kale namaa bitu dhufanii nu laalanii, kuni ofiifuu dadhabdee jirti, kalee wayiituu hin qabdu jedhanii nurraa deemani" jedha.

Booda warri achitti isaan qabanii turan maallaqas, abdiis homaa irraa dhabnaan nama kaanitti dabarsanii akka isaan gurguratan dubbata.

"Namicha tokkotu dhufee nu bitate kuma sadi sadiin, ati asumaa nu baasi malee ni kafalla jennee duuka kaane."

Nama kana waliin halkanii guyyaa guyyoota afuriif erga deemanii booda daangaa Liibiyaa qaxxaamuranii magaalaa Sabaah jedhamtu takka gahu dubbata.

"Gammoojjii keessatti warri nuun deeman biyyee (cirracha) hammaaranii ilaalanii biyya kam akka jiran baru, nu eessa akka turre waan beeknu hin qabnu" jedha.

"Namichi nu bite magaalaa Sabaah jedhamtu sana keessatti akka nama biyya bulchuuti. Maallaqa isaa kan kafaltuuf yoo taate, magaalaa keessa deemuu dandeessa."

"Magaazanatti nu naqe, tumaan mana sanii kan himamuu miti. Uummata sibiilaan dugda keessa tuman."

Saba, amantaa fi namooma

Warri karaatti wal lolaa ture hundi san dagatee waan qabuun bishaanis taatu nyaata, kan bahe kan achitti hafeef silkii walii bilbiluun deeggarsa walii godhaa turan.

"Harka duubatti si hidhanii, si tumaa mataan barmeela bishaanii keessa si buusu, achii ol si qabanii warratti akka bilbillu silkii nutti kennu."

Haala kanaan warratti iyyannee warri waan qabu gurguree maallaqa jedhamne kafallee hidhaa magaalaa Sabaah ji'a tokkoo booda achii baane jedha Harun.

Warri gidiraa kana waliin agarre hundi sabaafi amantiin osoo wal hin qoodiin wal gargaaraa turre kan jedhu Haruun, wanni itti hafne namooma qofa jedha.

"Rakkoo sana keessatti amantii, sabummaa, gosaa fi ganda kana hunda namummaan akka caaltu hubanne" jedha.

"Lafa gidiraa sana keessaa dursitee kan baate shamarreen lammii Eertiraa Tsiggee jedhamtu (maqaa abbaa hin yaadanne) maatii keenyatti nuu bilbiltee, olii gadi jettee kan achii nu baaste isheedha."

Rakkoo hamtuu namni namummaa qofaan walii birmatee wal gargaaru kana keessatti Haruun, gaarummaa shamarree Addis Ashannaafi jedhamtun booji'ame.

Inni amantaan Musliimaa, isiin ammoo Kiristaana.

Haa ta'u malee kun wal jaalachuu isaan hin dhorkine. Sudaan irraa walumaan ka'an, gidiraa gammoojjii sahaaraa walumaan dabarsan.

Namni amantaanis ta'e sabaan wal dhabuu hin qabu kan jedhu Haruun, "isin mazmurii isii anis salaataadhuma" jalalaan waliin turuu fi ilma tokkos irraa argatuu hima.

"Seenaan keenya lamaan osoo himamee biyya Itoophiyaa araarsuu danda'a" jedha.

Lafa hidhaa sanitti kan tumamu warra dhiiraa waan ta'eef ati bahi jettee birrii ishii anaaf kennite jedha.

Sabaah gara Tirippoolii

Akkaatuma maallaqni ergameefiin wal duraa duubaan mana hidhaa magaalaa Sabaah irraa kan bahan godaantonni kunneen gara magaalaa guddoo Liibiyaa Tirippoolii imala eegalaniis gidduutti nama biraan qabamanii hidhaman.

"Ganama karra bananii daabboo tokko ol sii darbu, galgala dhufanii birrii fidi jedhanii si tumu," jedha.

Goodayyaa suuraa Kaartaa imala Haruun Ahimad fi hiriyoota isaa agarsiisu

Haala kanaan guyyaa 18'f achi erga turanii booda achiis wal gargaaranii doolaara 600 mata mataatti kafalanii bahuu hima.

"Uummanni waliin Sudaanii kaane kan dura rakkoo wal naqe, warra karaatti awwaalle malee akkasumatti kan dura bahe kan hafe wal gargaaraa Tirippoolii geenye."

Tirippoolii ykn akka warri biyyaa waaman Tiraabiloos bakka baqattoonni itti wal gahan Kirimiyaa jedhamu gahan.

Kiriimiyaan lafa baqattoonni bahaara qaxxaamuranii gara Awurooppaa deemuuf itti wal gahaniifi warri ammoo deemanii hin milkaa'iin itti deebifaman akka taate Haaruun ni dubbata.

Waanuma baqataan dalagatu dalagataa baatii torbaaf achi turuus ni hima. "Baay'annee mana kireeffannee waliin galaa turre" jedha.

Kaan dalagatee, kaan maatiinis deeggaree akkuma maallaqa argateen wal duraa duubaan bahara qaxxaamuranii gara Awurooppaa galuus ni hima.

Wayita ammaa biyya Jarman kan jiraatu Haruun, inni milkaa'ee achi haa gahu malee namoonni gidira sana mara keessa bahan hedduun bahaara irratti nyaatamanii lubbuu dhabuu hima.

"Dhalootatu dhume" jedha.

"Namni jalqaba nama" kan jedhu Haruun, sabaa fi amantaan waan lammatarra dhufu jedha.

Warri jalqaba sabaa fi amantaan wal qoodee wal tumaa ture, nama ta'uu isaan qofa gidiraa irraa wal baraaree lubbuu wal oolche.

Yeroon biyya irraa itti yaa'an amma booda dhaabatuu qaba, warri bahee ala jirus, "miilaan galuu dhabus samuun galuu qaba, biyya ofii yeroon itti yaadatan amma tahuu qaba" jedha.

Haruun fi Addis baatilee torbaaf wayita Tirippoolii turan akkuma amantaa isaaniitti bahaara irratti bishaaniin nyaatamuu akka isaan oolchu Waaqa kadhataa turan. Kabajaa fi jaalala waliif qabaniif jecha waa'ee amantaa jijjiirachuu takkaa walitti hin kaafne. Haa ta'u malee lamaanuu nama amantaa ofii jabeessan waan turaniif, waliin itti fufuu hin dandeenye. Amantaa walii kabajanii waliigalteen adda bahan. Lamaanuu biyya Jarmanii jiru, hariiroo gaariis qabu.

Odeessa kana irratti dabalata