Lakkoofsa uummataa Keenyaa: Lakkoofsi uummataa maaliif mormii kaasa

Hojjetaa lakkoofsa uummataa wayita maatii lakkaa'u Image copyright Reuters

Keenyaan baay'ina lakkoofsa uummatashee ibsiteetti, garuu namoonni hedduun lakkoofsi ibsamee sirrii miti jechuun mormii kaasaniiru.

Akkaataa lakkoofsa uummataa alana gaggeeffameen lammiileen Keenyaa miiliyoona 47.6 ta'an, kan bara 2009 miiliyoona sagaliin caala.

Garuu naannolee biyyattii tokko tokko keessatti baay'inni lakkoofsa uummataa hir'ateera.

Kunimmoo komii guddaa kaasiseera, sababni isaa baajata mootummaarraa argachuuf baay'inni uummataa murteessaa waan ta'eef.

Baay'inni uummataa maaliif dhimma murteessaa ta'e?

Keenyaan biyya gosoota hedduu of keessaa qabduudha, irra jireessi isaanii paartilee morkattootaatiin kan bakka bu'amaniidha.

Mootummaan baay'inni lakkoofsa uummataa gosoota jiiranii meeqa akka ta'e siichi ibsa, garuu iddoo tokko tokkotti lakkoofsi uummataa hir'achuun komii kaasaa jira.

Bu'aan qorannaa ykn lakkoosa uummataa kun qaamolee siyaasaa saboota bakka bu'uun morkatan yookiin kan laaffisan yookiin ammoo kan daranuu cimsu ta'a.

Naannoo Kaaba Baha Keenyaa daangaa Itoophiyaa fi Somaaliyaarratti argamtu tokko keessatti baay'inni uummataa akka hir'ate beekameera.

Kunimmoo aanga'oota siyaasaa naannoo kanaarraa komii guddaa kaaseera.

Image copyright Getty Images

Nannoo kana lammiilee Somaaliyaatu baay'inaan jiraatu.

Bu'aa lakkoofsa uummataa kanaan lakkoofsi dhiirotaa fi dubartootaa hedduu wal caaleera. Dhiironni hedduu baay'atan.

''Ragaan baay'ina uummataa tibbana ibsame sobadha. Kaayyoo yaadameef kan milkeessu miti'' jedhan aanga'aan siyaasaa hawaasa naannawa kanaa bakka bu'an Aden Duale.

Biiroon istaatistiksii Keenyaa bu'aan lakkoofsa ummataa ibsame sirriidha jedhe.

Lakkoosi uummataa maali, akkamiin hojjeta?

Lakkoofsa uummataa jechuun wayita mootummaan odeeffannoo waa'ee uummatasaa walitti qabu jechuudha.

Kun akka walii galaatti daataa haala teessuma lafaarratti hundaa'uun walitti qabamuudha.

Maatii, amantii fi sabummaan wantoota irratti xiyyeeffatamaniidha.

Lakkoofsi uummataa yeroo hedduu waggaa 10 keessatti al tokko gaggeeffama.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Lakkoofsi baay'ina uummataa Keenyaa keessatti waggaa 10 keessatti al tokko gaggeeffama

Lakoofsi uummataa hojii duulaan hojjetamu ta'ee manneen jireenyaa hunda danaa kaasuu fi gaaffilee hedduu nama hund agaafachuudhaan gaggeeffama.

Biyyoota biroo keessatti namoonni karaa interneetii odeffannoo waa'e isaanii guutuudhaan lakkaa'amuu danda'u.

Keenyaa keessatti garuu mana manarra deemuun lakkaa'u.

Odeeffannoo haala kanaan walittti qabuun ni ulfaata.

Namoonni mootummaarraa amantaa hin qabne odeeffannoo waa'ee isaanii dabarsanii kennuu hin barbaadan.

Mootummaan odeeffannoo waa'ee uummataa argatu akkamiin fayyadama?

Bu'aan lakkoofsa uummataa akka biyyaa qofa osoo hin taane akka addunyaattillee lammiileerratti dhiibbaa qabaachuu danda'a.

Keenyaa keessatti lakkoofsi uummataa baajata ramaduu qofaaf kan fayyadu osoo hin taane daangaa bulchiinsaas kan murteessuudha.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Libaanan waggaa kurna tokkoof lakkoofsa uummataa sirrii qabaattee hin beektu

Biyyi akkuma qoqqoodamtuun bu'aan lakkoofsa uumataas morkii kaasaa deema.

Fakeenyaaf Itoophiyaan sababa mormii uummataa fi waldhibdee gosoota giduutti uumamaa tureetiin yeroo lamaaf lakkoofsa uummataa dabarsiteetti.

Bara 2017 lakkaa'uutu irra ture.

Lakoofsi uummataa wayita gaggeeffamu bu'aan isaa naannolee uummata baay'ee qabaniif ta'a.

Naannoon tokko uummata baay'ee qaba jechuun of danda'ee addatti of bulchuuf murteessa jedhame sodaatama.

Fakkeenyaaf uummanni Sidaamaa kibba biyyattiitti argamu naannoo mataasaa hundeeffachuuf hojiirra jira.

Biyyoota Afriikaa keessaa Naayijeeriyaa keeessatti lakkoofsi uummataa mormii kaasisuudhaan beekama.

Libaanan keessatti namni paarlaamaa keessaa bakka bu'aa qabaachuuf baay'inni uummataa murteessaadha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata