Lolli Israa'eli fi Gaazaa guyyaa lammataaf itti fufe

Israa'eeli fi hidhattoonni Gaazaa daangaa qaxxaamuranii wal waraanuutti jiru.
Haleella qilleensarraa Israa'el raawwatteen ajajaa hidhattoota 'Jihaadii Islaamaa Palastaayin' jedhaman erga ajjeefteen booda lolichi kan itti fufe.
Roobii galgala rkeetiin Gaazaa irraa gara Isra'el dhuka'uu itti fufe, Israa'elis haleellaa haaloo bahannaa raawwatte.
Ministirri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin bulu lammileen Paalastaayin 32, daa'imman dabalatee haleellaa Israa'el kanaan ajjeefamaniiru.
Israa'el keessatti ammoo namoonni 63 midhamanii wal'aanamuun himameera.
- Neetaniyaahuun waa'ee baqattoota Ertiraa MM Abiy waliin mari'achuu dubbatan
- Magaalaan ganna 5,000 Israa'el keessatti argame
Roobii waarii gareen 'Jihaadii Islaamaa Palastaayin' jedhamu kun waraanni akka dhaabbatu waamicha dhiyeesse ture.
Israa'el garuu kanarrati homaa hin jenne.
Wanni haaraan maali?
Waraanni sa'aatii jahaaf adda citee erga tureen booda hidhattoonni Gaazaa halkan edaa rokeetii Israa'elitti dhukaasuu eegalan.
Yoo xiqqaate rokeetiiwwan 36o Gazaa irraa gara Israa'el dhukaafamaniiru jedha waraanni Israa'el.
Kana keesaa dhibbeentaan 90'ni qolatamuu hima.
Kibba Israa'elitti rokeetiin tokko mana jireenyaa rukutee dubartiin tokko daawitii cabeen miidhaan salphaan irra gahuu miidiyaan Israa'el gabaasaniiru.
Rokeetiin biraan magaalaa Sdeerot jedhamtu keessatti warshaa tokko haleele.
Raayyaan Ittisaa Israa'el haleellaa raawwateen "shororkeessitoota 20" ajjeesuu himeera.
Gaazaa kan bulchaa jiru Hamaas amma dura lola kanatti hin seenne, wanni jedhes hin jiru.
Pireezidantiin Israa'el Benjamin Netanyaahuun garen hidhattootaa kun rokeetii dhukaasuu hin dhaabu yoo ta'e Isiraa'el dabaltee akka haleeltu akeekkachiisaniiru.