‘Boeing' fi Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa awwaalcha abbaakoorratti argamanii ani garuu hin dandeenye'

Goodayyaa suuraa Zippooraa Kuuriyaa osoo imimmaan ishee hudhaa dubbatti

Zippooraa Kuuriyaa osoo imimmaan ishee hudhuu dubbatti.

Erga balaan xiyyaarraa Booying 737 Max abbaa ishee Joseef Wa'itaakaa ajjeesee ji'oota saddetiin booda, Kamisa bakka balaan kun qaqqabetti reeffi namoota eenyummaan isaani hin baramne saanduqaa reeffaa wal fakkataaan toora tooraan awwalamaniiru. Zippooraan garuu achi hin turre.

Aanga'oota Booyingiifi Daandii Xiyyaara Itoophiyaatiin sirni awwaalchaa kanaratti argamaniiru jedhame amanama garuu sababa beeksisa yeroo gababaa keessatti taasifameen Zippooraa fi maatiin namoota du'anii biroo argamuu hin dandeenye.

Maatiilee tokko tokko BBCtti akka himanitti kan waa'ee sirna awwaalcha kana itti himame guyyooti xiqqoo dura qofa jedhu. Sababa kanaaniis namoota 157 lubbuu dhaban keessaa maatii nama lamaa qofatu argame.

"Kun waan fokkisaadha. Booyingiifi Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa sirna awwaalchaa abbaa koorratti argamanii ani garuu argamuu dhabuunkoo, anaan bitaa natti galera."

Balaan xiyyaaraa kun ganda baadiyyaa magaalaa Bishooftuutti dhiyoo taatetti ture kan qaqqabe. Bakka sanatti balaan kun boolla gadi fagoo uumeera. Hanga torban kanaattis caccabaa xiyyaaraafi lafee namaa tokko tokko qaba ture.

Maatiin namoota balaa kanaan du'anii ji'a darbe kana bakka balaan sun itti qaqqabe sana daawwatan hedduu akka rifatan dubbatu. Roobni gannaa ture lafee namootaafi wantota gara garaa gadi baaseera jedhan. Gariin ammoo lolaan hallayyaa keessa jiruu irraa ciisaa turee jedhu.

Image copyright Zipporah Kuria
Goodayyaa suuraa Reeffa namoota balaa xiyyaaraan miidhaman yeroo boolla keessa tooraan naqan

Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa ET302 wayita balalii idilee Finfinneerraa gara magaalaa guddoo Keenyaa, Naayiroobiitti Bitootessa 10 taasisutti akkuma ka'een daqiiqaa ja'aan booda ture kan kufe.

Ganda baadiyaatti oyiruu qonnaan bulaa keessatti ture kan kufee caccabe. Balaan kun akkuma uumameen booda reeffa namootaa argamuu danda'ee, caccabaa xiyyaaraa gurguddaa fi meeshaan odeeffannoo sirna balali'insaa kanaa galmeessu waliin ariitiin kaafame ture.

Akka gabaafamaa turetti balaan xiyyaaraa sun kan uumamuu danda'eef sisteemiin balali'insa to'atu MCAS jedhamu yeroo hin barbaachifnetti dammaqee , yeroo paayileetiin xiyyaarichaa irraan olee bahuuf jedhaa jirutti funyaan isaa gadi deebisuun akka dhidhimu taasisuun ture.

Balaa xiyyaaraa kan Indoneeshiyaa Booying 737 Max waggaa tokko dura mudatee namoota keessa turan hunda galaafates rakkoodhuma walfakkaatuti mudate ture.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Caccabaa xiyyaaraa erga balaan uumamee lafarratti argamu

Aanga'oota aviyeeshinii guutummaa addunyaarra jiraniin akka hin balaliine dhorkamuudhaan xiyyaarri gosa kanaa kun ji'oota saglan darbaniif hojii dhaabeera.

Yeroo ji'a Caamsaa keessa aniifi jaallewwan koo bakka balaan Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa itti qaqqabe daawwanutti, caccabaan xiyyaaraa baayyeen dirreerraa ni jijjiru ture.

Boolla gadi fagoo bakka balaan kun itti uumametti dhiyoo jirus ture. Bakka balaa sanatti yeroo hojiin barbaachuu taasifamaa turetiinis lafti qotamee tuulameera.

Dallaan mukaa itti ijaarames itti seenuudhaaf hanga tokko ni dhowwa ture. Bineensonni naannoo sana bilisaan keessa deemu danda'aaa turani.

Eegdonni hin jiran, namni aangoo bakka sanatti qabus hin jiru.

Isaan booda maatiin namoota miidhamanii akka jedhanitti haalli isaa sababii tibba bokkaa tureef hammaateera. Tarkaanfiin akka fudhatamu barbaadu.

Goodayyaa suuraa Saamiyaa Rooz Istumooo, warra balaa xiyyaaraa ET302 lubbuun darbe keessaati

Naadiyaa Miliyeroon kan intalli isaanii Saamiyaa Rooz Istuumoo balaa kanaan lubbuun ishee darbe dhiyeenya kana BBC'tti akka himanitti: "Yeroo hundaa lafeen namootaa ba'ee mumullataa waan tureef namoonni naannoo sanaa gara bakka sanaa dhufanii deebisanii uwwisaanii turani.

Nuti Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa biyyoo tuulame sana gara hallayyaa sanaatti akka galagalchu barbaanna. Lafee adda baasuun rakkisaa ta'e sana boolla sanatti naquun akka hunda isaa awwaalu barbaadna."

Bakka sana to'ataa kan jiru Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa maatii namoota balaa sanaan lubbuu isaanii dhabanitti wanta kana quba akka qabu himuun tarkaanfii akka hin fudhanneef gaaffii inshuraansiitu na dhowwe jedheera.

Haata'u malee, dhiibbaa firootarraa isa qaqqaburraan kan ka'e, akkasumas qorannoo BBCn gaggeesseen booda, rakkoon turan sun kan furaman fakkaatu.

Kamisarra, sanduqooti reeffaa tarreen boollicha keessa naqamaniiru. Lafeen sanduqoota kanatti naqaman kunneenis kan duraan qorannootiif jecha fudhatamanii garuu waan faalamaniif adda baasuun hin danda'amneef deebi'ani dhufaniidha. Isaan kun awwaalamanii boollichiis duudee dirree bira jirun wal fakkaateera.

Bakki sun amma awwaala dhaabbataa ta'eera.

Garuu yeroo aanga'oonni Booyingiifi Daandii Xiyyaara Itoophiyaa achitti argamuudhaan sirna awwaalchaa kanarratti hirmaatan, sababii awwaalcha raawwachuun kun beeksisa yeroo baayyee gabaabaa qofa keessatti taasifameef firoota muraasatu bakka sanatti argamuu danda'e.

Booying gabaasa Aanga'oota kampaanichaa keessaa Jeniiffer Loween warra achitti argaman keessaati tokko jedhuuf yaada kennuu dideera.

Ji'a darbe, Zippooraan maatiishee waliin gara Itoophiyaatti imaluun lafee abbaa ishee funaanuun gara biyyaatti fiduuf turte.

Zippooraan sirna aawaalchaa kanaaf yeroon irraatti argamuu dhabuun ishee baayyee kan "laphee nama cabsudha" jetti.

"Abbaan koo awwaalameera, egaa garri caalaan isaa, hanga xiqqoo taate tokko ammo fudhannee galleerra," jechuun Kamisa bilbilaan BBC'tti himtetti.

Odeessa kana irratti dabalata