Shimallis Abdiisaa: 'ADWUI'n ijaarama saba guddaa xiqqeessee, xiqqaa ammoo guddise'

Obbo Shimallis Abdiisaa

Pirezedaantiin Itti-aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa adeemsa ADWUI gara paartii tokkootti fiduu, haala nageenya yeroofi gaaffiin uummataa eessaa ka'ee garamitti kan jedhurratti OBN waliin turtii taasisaniin ibsa bal'aa kennaniiru.

Dhimma ijoo isaan dubbatan keessaa waan soname akka harmaan gadiitti isiniif dhiyeessineera.

Gaaffii rakkoon bu'uuraa ADWUIn akka gara paartii tokkootti dhufu taasise maalidha, kan jedhu deebisuun eegalan Obbo Shimallis.

Dhimmi xiyyeeffannoo guddaa argachuu qabuufi sirriitti qixaan ilaalamuu qabu gaafii qabsoo waggootan darban keessa Oromoon taasisaa turedha jechuun jalqaban Obbo Shimallis.

"Uummanni Oromoo jaarraa darbeef cunqursaa sabummaafi dinagdee keessa ture. Mirga dimokiraasiifi namoomaa dhabee dararamaa ture."

A L I bara 1966 as erga sirni abbaa lafaa ekufee booda hanga tokko qabsoo angaftoonni qabsoo Oromoo akka Hayilee Fidaafaafi Baaroo Tumsaafaa taasianiin gaaffiin lafaa deebii waan argateef gaaffiin sirna omishaas deebi'eera jedhu.

'Caasefamni sirna [Fiwudaalaa] ammayyuu jira'

Haata'u malee, gaaffiin lafaafi omishaa hanga tokko deebi'ullee, sirna [Fiwudaalaa] ykn abbaa lafaa sun kufullee Oromoon guutummaan guutuutti abbaa lafaafi qabeenya isaa hin taane akka Obbo Shimallis .

"Gaaffiin lafaa hanga ar'aa gaaffii keessa jira. Isa qofaa osoo hin taane, sirni kufe sun gaggeessitoota isaa haa dhabu malee caaseffamni isaa akkuma jirutti jira.

Keessattuu mootummaan giddu-galeessaa Sirna [Fiwudaalaatiin] waan hundeeffameef, mootummaan giddu-galeessaa hanga ammaatti jiru harcaatuudhuma sanatu as ga'e."

Dargiinis jijjiirama hanga barbaadamu hin fidne kan jedhan Obbo Shimallsi, ummanni Oromoo kanaaf hidhannootiifi hidhannoon ala qabsaa'aa turuu kaasan.

Kufaatii Dargiitiin boodas ADWUIn ol-aantummaa TPLFn durfamu hanga tokko gaaffii ummataa Heeraan karaa qabsiisuudhaaf yaalamus, wantonni Heericharra taa'an qabatamaadhaan hojiirra hin oolle jedhu.

Dhimmoonni mirgaa Heerarra kaawwaman kunneen qabatamaan lafarratti mul'achuu dhabuu qofa osoo hin taane, labsiiwwan gara garaatiin diigamaa dhufan.

"Kanaaf qabsoon Oromoo waggoottan shanan darban Qeerroofi Qarree itti dhabne, dhiigni Qeerroofi Qarree keenyaa kan dhangala'e, lafeen qabsaa'ota keenyaa kan caccabeef gaaffiin gaaffiin bu'uuraa ummanni Oromoo qabu akka deebi'uufidha."

Gaaffiin bu'uuraa Oromoo maalidha?

Obbo Shimmallis gaaffiin bu'uuraa ummata Oromoo maalidha? Maaliif qabsaa'e ummanni Oromoo jechuun dubbicha qaaccessuuf bifa gaaffiidhaan kaasanii ibsu.

"Ummanni Oromoo Sirni Federaalizimii dhugaa haa jiraatu jedhee qabsaa'e. Sirna Federaalizimii fakkeessaa kana keessaa bahuu qabna jedhee qabsaa'e."

Fakkeenyaaf, waa'ee Federaalizimii yoo kaasne lafaafi waa'ee Maaster Pilaanii dheengadda ta'e dagachuu hin qabnu jechuun lafa magaalota Oromiyaa keessa ture kan irratti ajajaa ture? Eenyutimmoo qonnaan bultoota Oromoo saamaa bahe? Kan jedhu yoo ilaalle maqaa federaalizimii sobaa kanaan jedhu.

"Waadaawwan sirni federaalizimiin galamen cabsamaa tureera."

Galii naannoo Oromiyaa keessaa maddu kan walitti qabaa ture mootummaan Oromiyaa miti kan jedhan Obbo Shimallis magaalawwan tokko tokko kallattiidhaan mootummaa federaalaatiif galii biliyoonaan galchaa turan jedhu.

Kun kan ta'e waandaa sirna federaalizimiirra jiru cabsameefi diigameeti jedhu.

"Naannoleen aangoo akka hin qabaanneefi bilisummaa akka hin qabaanne taasifamee ture. Qabeenya isaaniirratti ajajuu hin danda'an ture.

Kanaaf, Qeerroofi Qarreen keenya kan qabsaa'aniif sirni federaalizimii dhugaa sab-daneessa ta'eefi afaan-daneessa ta'e akka jiraatuuf jedhan.

Gaaffiin bu'uuraa Qeerroofi Qarreen keenya haarsaa kaffalaniif tokko kanadha."

Gaaffiin inni lamaffaa ammoo mootummaa federaalaa keessatti hireen maluufi gitu akka jiraachuu danda'u taasisuufidha jedhu.

Oromoon aangoo mootummaa giddu-galeessaan qabameen dhiibamaa waan turee gaaffiin kana sirreessuu itti deemameera garuu ammallee caasaa sivil sarvaantii haalaan sirreessuu gaafata jedhan.

Birokiraasiin saba biraatiin akkuma bara durii qabamee jira.

"Sivil sarvaantiin hanga ammaatti saba lamaan qabamee jira. Kana ummata keenya dhoksuun nurra hin jiraatu. Murtii ministtirri muummichaa murteessan hojiirra oolchuudhaaf ji'a torbaa hanga saddetii nutti fudhata. Sababiin isaa birokiraasiin kan keenya miti.

Birokiraasiin saba biraatiin akkuma bara durii qabamee jira. Kana saba keenya dhoksuun nurra hin jiru. Waajira tokko tokko keessatti hanga %95 kan ta'an saba lamarraadha."

Kun maaliif ta'e kan jedhuuf ammoo sababa ijaarama paartii ta'uu ibsu Obbo Shimallis Abdiisaa.

"Rakkoo kana hiikuu kan dandeenyu akka Oromootti ijaarama paartii kana diiguu yoo dandeenye qofaadha.

Paartiin afur ture kan jedhamu sobadha. Paartiin afur hin turre. Reeffa afuritu ture. Sagantaan siyaasaa afran isaanii afaaniin addaa adda ta'an malee garaa garummaa tokkoyyu hin qabu.

Dhaabbileen turan kunneen meeshaa TPLF turan malee of danda'anii bilisummaan isaanii eeggameefii ergama kennameef sana raawwachiisaa hin turre. Ummanni keenya kan qabsaa'eef kanaaf."

DhDUO waanjoo gabrummaa jalaa baasuudhaaf qabsoo ummataatti fayyadamuudhaan akka cabee keessaa bahu kan taasifames haarsaa guddaan kaffalamee ta'uu kaasanii fakkeenyaan ibsu.

Paartileen miseensa ADWUI kan TPLF ajaje raawwachiisaa waan turaniif jijjiiramuu isaaf har'a yaadda'uun waan malu miti jedhan.

Wabii federaalizimii fakkaatee kan TPLF ummata burjaajessullee irratti baruu feesisa jedhu Obbo Shimallis.

Haaromsi hanga ammaa dhufe kun danqaan Addicha keessa ture, keessumaa paartileen akka walqixa ta'anitti ilaalamuu kan jedhu qajeelchuudhaan kan jedhan Itti-aanaan pirezedaantiin naannoo Oromiyaa, ammas gaaffii ummataa qixa barbaachisuun deebisuudhaaf akka ta'utti sirreessuu barbaachisa.

"Akkamitti daganna waan kaleessa keessa dabarre? Eenyu harka ture aangoon? Caasaan eenyu harka ture? Kantiibaa magaalaa barbaadeetti bilbilee kan ajajaa ture federaalarraa ture.

ADWUI tiin kana keessatti kan godhame, saba guddaa ittiin saba xiqqaa godhame. Isa xiqqaa ammoo guddaa gochuun akka ittiin to'atu taasifame. Ijaaramni ADWUI kanadha waan biraa miti."

Sagaleen Oromoo 187 ta'u paarlaamaa keessa jiru akka gatii hin qabne kan godhe ijaarama paartiidha akka Obbo Shimallis dubbatanitti.

"Osoo humna qabnuu humna kan dhabsiise ijaarama ADWUIti. Osoo sagalee qabnuu sagalee kan dhabsiise ijaara ADWUIti. Osoo guddaa taanee jirruu xiqqaa kan godhe ijaarama ADWUIti. Rifoormii goona yeroo jennu kana kana sirreessina jechaa jirru."

Gaaffii namoonni walitti baquu jedhullee sirrii akka hin taane kaasanii kan walitti baqaa ture isa duraa ta'uullee ni ibsu.

Naannoleen guddinarra jiran osoo hin hafiin bilisummaa akka hin qabne kaasuun lafaafi qabeenya naannolee hundaarratti kan fayyadamuufi ajaja isaan hin turre jedhan.

Qabeenyaa naannolee saamuu qofaa osoo hin taane ummata hidhaafi ajjeessaa turame.

Ijaarama paartii haaraa kana keessatti yaaddoon namoonni paartileen kan naannoo jiran diigamanii namoonni dhuunfaadhaan akka dhufaniitti yaadan ni jiru kan jedhan Obbo Shimallis, caasaan paartileen naannoo itti fufa jedhu.

'Nuti giddu-galli waan hundaa paartii akka ta'u hin barbaadnu'

Kara biraan bilisummaan naannoleen paartiirraa qaban ni cimsama jedhu. "Nuti giddu-galli waan hundaa paartii akka ta'u hin barbaadnu. Mootummaan paartiirraa bilisa ta'e akka lafa qabatu barbaanna."

Kanaaf jedhan ADWUI keessati rifoormiin kan barbaachiseef naannoo keenya keessatti bilisaan akka hin gaggeeffanne kan nu taasiseefi mootummaa federaalaa keessatti ammoo hanga nuuf malu ga'ee keenya akka hin taphanne kan nu taasise dhabamsiisuudhaan paartii dimokiraatawaa ta'e ijaaruufidha.

"Nuti akka Oromootti sirna federaalizimii diignee sirna akkamii ijaaruudhaaf? Eenyuun gammachiisuuf? Moo eenyuuf qabsoofna? Waan kaleessa Qeerroofi Qarreen keenya dhiigni isaanii itti dhangala'e, waan kaleessa itti sarbamne, hundi keenya salphachaa baane waggaa tokkoofi walakkaa keessatti dagannemoo maal inni?" jechuun bifa gaaffiin kaasuun ibsan.

Kana rifoormicha gaggeessaa jiran qixa hundaan karaa dimokiraatawaa ta'een ummata Oromoo fayyaduuf akka ta'e kaasuun, "Ilaaltuun keessatti of ilaallus faayidaa ummata Oromoodha," jedhu.

Ijaarama jaarraa tokkoo ol ture buqqisuu…

Akka Obbo Shimallis jedhanitti rifoormiin kun ijaarama jaarraa tokkoo oliif ture buqqisa. "Caasaan federaalaa Itoophiyaa sirrii agarsiisuu qaba. Oromoonis akka isaaf malutti argachuu qaba."

Odeessa kana irratti dabalata