Garraamummaan umurii dheeraa jiraachuuf nama gargaaraa?

Garraamummaa Image copyright Getty Images

Garraamummaan maal isin fayyada? Namummaa gaariin akka isinitti dhagaa'amuu fi naatoo akka qabaattan taasisaa? Kun dhugaa ta'uu mala, saayintiistonni garuu kana qofaa miti umurii keessanis dheeressuu danda'a jedha.

Kana kan jedhan qorattoota Inistiitiyuutii Garraamummaa Yuunivarsitii Kaalifoorniyaa fi Loos Anjalasi.

"Nuti ija saayinsiitiin ilaalla. Walitti marsinee, harka wal qabannee cal jenneetuma hin teenyu. Waa'ee saayikoolojii fi baayoolojii fi hariiroo hawaasaa gaarii ta'eeti kan dubbannu," jedha Dani'eel Faslar, direektarri inistiitiyuutichaa.

Garraamummaan dhiyeenya kana Ameerikaatti dubbii ijoo ta'ee ture.

Kunis dubbii pireezidantiin duraanii Baraak Obaamaan sirna awwaalchaa nama siyaasaa gameessa Eliyaaja Kamiing irratti dubbataniin booda.

"Nama jabaa ta'uun garraamii ta'uu dabalata. Garraamummaa fi gara laafummaan haa badan dadhabina miti," jedha.

Ofii namootni garraamiin warra akkamiiti - garraamummaan hoo maaliif fayyada?

Wanti qorattoonni adda baafachuu barbaadan kanadha. Kuni dhimma du'aa fi jireenyaati jedhu qorattoonni kunneen.

Image copyright Getty Images

Faslar akka jedhanitt namoonni tokko tokko yeroo namoonni kaan gaarummaa raawwatan arganii kaka'umsa horatu, kanaaf garraamummaan dadaarbuu danda'a jedha.

"Addunyaa garraamumma hin qabne keessa jirachaa jirra yoo jennee dhugaarraa waan fagaatu miti. Ameerikaa keessas ta'e guutuu addunyaatti namoonni yaada siyaasaa ykn amantaan wal qoodanii walitti bu'u," jedha.

Garraamummaan jedhan, "yaada, miiraa fi amantaa gochoota namoota kaan fayyaduu danda'aniin deeggaramanidha. Namoota kaan fayyaduun garuu galma xumuraa gocha sanaa ennaa ta'e qofa," jedha.

Al-garraamummaan ammoo faallaa kanaatiin "yaadaa fi amantaan wal dandanda'uu fi kabajaa walii dhabuudha" jedha.

Inistiitiyuutiin haaraa Garraamummaa qorachuuf dhaabbate kun, deeggarsa maallaqaa faawondeeshinii Bedari jedhamurraa argameeni.

Insitiitiyuutiin kun kan barbaachiseef "addunyaa kanarraa maaliif garraamummaan akka dhibee qorachuu fi saayinsii fi amantaa jidduutti riqicha tolchuufi" jedhame.

Image copyright UCLA
Goodayyaa suuraa Darnel Haant (bitaa) fi Dani'eel Faslar - qorattoota

Inistiitiyuutichi barattootaafi Los Anjalas keessatti warreen hiree gaarii hin arganneef leenjii 'dandeettii waa hubachuu sammuu isaanii gabbisu' ni kenna.

"Namoota waa'ee kee dhimma hin qabne fi ifatti miidhaa sirraan gahuu danda'an waliin jiraachuun siif gaarii miti, umurii kee dheeressa," jedha Faslar.

"Faallaa kanaatiin ammoo nammootarra wanti gaariin yoo siif ta'u, atis namaaf waan gaarii yoo gootu dhiphinarraa baraaramta. Kun siif gaarummaa qaba."

Haal salphaatti dubartiin mana bunaatti buna siif danfistu fuula ifaan nagaa si gaafachuun ishee haala fayyaa keetii fooyyessuu danda'a jedha.

"Gocha garraamummaa irrati hirmaachuun, akkamiin namaaf gaari ta'uu akka dandeessu yaaduun, dhiibbaa dhiigaa xiqqeessa. Aarii akka malee fi mukaa'uu wal'aanuufis ni gargaara," jedha.

Yuunivarsiitii Kolombiyaa irraa Dr keelii Hardiing, garraamummaan "sirna ittisa dhukkubaa qaama namaa fooyyessa, dhiibbaa dhiigaa xiqqeessa, kanaanis namoonni umurii dheeraa akka jiraatan taasisa," jedhu.

"Waan ajaa'ibaati, sababni isaa garraamummaan wan dhumu miti, namatti baay'atees nama hin miidhu, bilisaan iddoo mara jira" jedhu.

Salphaadhumatti waan hedduu akka jijjiiru danda'uus himu.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Ofii keenya caalaa namaaf gaarummaa ooluun salphaadha jedhu Dr Hardiing

Lafa hojiitti, manatti akka hedduutti garraamii ta'uun ni danda'ama kan jedhan Dr Hardiing, namaaf garaa laafuun bu'aa hedduu argamsiisa jedhu.

Teeknooloojiin ammayyaa'ee qorichoonni hedduun omishamuu malu wanti gaarraamummaan namaaf godhuu garuu yoomuu bakka bu'uu hin danda'ani jedhu.

Jireenya garraamummaa akkamiin jiraatu?

Ogeettii garraamummaa Gabri'elaa Van Rij irraa

  1. Qalbiidhaan, isa dhugaa nama dhageeffachuu eegaluu (yaada ofii keenyaa uumnu hin taane kan namni nutti himu dhaga'uu).
  2. Amala bada garraamummaan deebisuu (nama isiniif badaa ta'e tokko, miira hiriyummaan "oolmaankee akkam ture?" jettanii gaafachuun dubbicha salphaatti tasgabbeessa).
  3. Nama qofaatti adda bahe tokko ofitti maki. Kana gochuu keetiin gatii isaaf qabdu mul'ista - xiyyeeffannaa fi jaalala namaa dhabanii, akka nama hin barbaadamneetti jiraachuun hamadha.
  4. Yeroo wanti gaarii hin taane tokko si mudatu adda baafadhu, akka hin malletti deebii kennuurraa of qusadhu, irraa gori.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata