Biqiltuuwwan Afrikaa keessaa harki sadii baduuf jiru

Bosonni garreen Keeniyaa fi Taanzaaniyaa gsa biqiltuuwwan hedduu qabaachu himama Image copyright Thomas L.P. Couvreur (IRD)

Qabeenyaawwan bosonaa biyyoonni Afriikaa qaban daandii badiinsaa irratti kan argaman ta'uu qorannoon haaraan tokko mullise.

Biyyoota Afriikaa kanneen keessaa Itoophiyaa, gar tokkoon ammoo Taanzaaniyaafi DR Kongoo biyyoota baayyeen qabeenyaan umamaa isaanii miidhamuun parsantaa 40 qabeenyaa biqiltiiwwan isaanii dhabuuf jiru jedheera qorannichi.

Gostiwwan sanyii mukaalee balaarra jiranis baargamoo, hiddawwan biqiltuuwwan qorichaa fi kanneen birooti jedhameera.

Balaawwan bqiltuuwwan kannee irra gahanis ciramuu bosonaa, baayyinni ummataa dabaluu fi jijjirima qillensaa ta'u himu qorattoonni.

''Qabeenyaan umamaa bu'aale jechaan ibsamaniin ol ilmaan namaatiif kennu kan danda'an yoo ta'u, badiinsi isaani ammoo eegeeree addunyaa kanaa balaarra buusa'' jedha dhaabbata Walitti fufeensa misooma Faransaayi keessa qorataa Dr Tomaa Kunirar kan ta'an.

Badiinsi biddoollee biyyoota Afriikaa keessattuu haala qilleensaa tiroppikkaal keessatti argaman irratti miidhaa olaanaa akka qabaata. Haa ta'u malee naannoolee kanneen keessatti qabeenyaa bidoollee ajaa'ibaa jiraattan illeen, haalli hawaasummaa fi siyaasaa akkasumas haala guddina lakkoofsa ummataatiin jaarraa dhufan keessatti balaa olaanaaf ni saaxilam, jedhaniiru.

Image copyright Thomas Couvreur

Qorannoon kunis akka mulliseetti, gosawwan biqiltuutiin alattis hanga ammaatti gostiwwan beeledoota harma hoosiisanii 10 keessaa sagal kan ta'an akkasumas sinbirroota keessaa harka sadii keessaa lamarratti qorannoon gaggeefameera.

Biqiltuuwwan qorannoon kun irratti xiyyeefate keesaa kanneen ilillii godhatan fi kannee bishaaniifi dhaggaarratti biqilanii fa'i hammata.

Image copyright DROISSART V. IRD

Walumaa galattis qorattoonni kunneen sanyii biqiltuu balaan badiinsaa irra gahaa jiru kuma 20 ta'an irratti qorannoo kan gaggeessan.

Qorannichaanis kanneen parsantaa 33 ta'an balaan baduu olaanaaf kan saaxilaman ta'u kan ibsu yoo ta'u, sanyiiwwan biqiltuu baayyinaan hin argamne kan biraa keessaa harka sadii keessaa tokko kanneen dhiheenyatti badiinsaaf saaxilaman keessatti argamu.

Hunda caalaas dhimmoota badiinsa biqiltuuwwan kanneetiif akka sababaatti eergaman keessaa, sochiilee ilmaan namootaa gochawwan akka bosona ciruu, haalli fayyadama lafaa geedaramuu, baayyina ummataa, misooma dinagdee, fi jijjirama qilleensaa wal qabata jedhameera.

Odeessa kana irratti dabalata