Miidhaa sammuu dubartoota manaafi daandiirratti gudeedamanii

Miidhaa sammuu dubartoota daandiifi manatti dirqiin gudeedamaniirra gahu Image copyright Getty Images

Shamarreen kun barattuu yunivarsitii turte. Turtii ishee bara barnootaa jalqabaatti rakkinni dhiphina sammuu ishee mudate. Isaan boodas wal'aansa argachuuf gara magaalaa Finfinnee Hospitaala Amaanu'eel dhufte.

Haa ta'u malee dhukkubbiinshee itti cimuun namni haalaan hordofee wal'aansiisu waan bira hinjirreef, mana wal'aansaatii daandiitti baate.

Dr Maajii Haayila Maariyaam ammoo waggoota dura qorannoo namoota daandiirra jiraatan irratti taasifamuuf wayita ragaa walitti qabuuf baateetti, shamarree tanaaan wal agarte. Yeroo sanattis dhiirota gara 15 ta'aniitiin gudeedamuu ishee itti himte.

Garee qorattoota ishees shamarreen tun Hospitaala Amaanu'el galtee akka wallaanamtu taasisan.

Dubartoonni dhukkuba sammu qabaniifi miidhaan gudeedamuu irratti raawwatamu dhukkuba HIV tiif saaxilamuuf carraansaanii olaanaandha. Garuu shamarreen ture dhukkubichaan hin qabamne ture.

Yeroo muraasaan booda ammoo shamarreen tun wayita bayyanattee baatuu gara buufataatti ergamtee turte.

Haa ta'u malee waggoota muraasaan booda shamarreen tun Magaalaa Finfinnee naannoo Lidataa jedhamutti qoricha fudhataa turte dhaabuun daandiirratti akka agarte Dr Maajiin ni dubbatti.

Waan isheerra gahee ture, waa'ee ennyummaa saanii fi eessaa akkaa dhufan akkas jedhanii himu kan hindandeenye dubartoonni miidhaa sammuu qabaniifi balaan gudeedamuu irra gahees, yeroo hunda gara waldaa misoomaa fi boqonnaa Dubartoota dhaqu.

Yeroo baayyees dubartoonni kunneen miidhaan qaamaatiif erga saaxilamanii, erga ulfaa'anii ykn daa'ima harkatti baatanii gara dahannoo kanaa akka dhaqan itti gaafatamtuun waldichaa Narsi Simirat Tasfaaye ni dubbatti.

Simiratti akka jettuuttis, waa'ee miidhaa irra gahe dubbachu dadhabuun isaanii ammoo deegarsa taasifamuuf rakkisaa taasisa.

Dubartoonni kunneeni yeroo baayyee kan gudeedaman daandiirratti yoo ta'u, ''gara dhaabbatichaa dhaqaniis kanneen dhukkuba sammuuf saaxilamaniifi dubartoonni abbaa, obboleessa, ollaa fi barsiisaadhaan gudeedamaniidha'' jetti Simrati.

Image copyright Getty Images

Dubartoonni kunneen namoota isaanitti siqaniin kan gudeedaman ta'uun kan baramuus ofiin dubbatanii osoo hintaane, namoonni gara biraa hordoffii taasisaniin erga baranii kan hubatamu ta'u himti.

Dhaabbanni kunis dubartoota rakkina sammuu qabaniifi miidhaan gudeedamu irrra qaqqabeef deeggarsa taasisuuf tarkaanfiin jalqabaa taasisuu, qorannoo wal'aansa qaamaa fi sammuu akka gara fayyummaa isaaniitti deebi'aniif deeggarsa taasisuudha.

Yeroo baayyeess erga dirqiin gudeedamanii booda dubartoonni gara buufatichaa dhaqan umuriidhaan kenneen waggaa 10-30 jidduutti argaman ta'u jetti. Kana maleess miidhaan biraa gudeedamuun walqabatee dubartoota kanneen irra gahu malu, dhibee HIV saaxilamuudha.

Waan hundumaa 'waan ishee dhukkuubuufiidha' jechuu bira darbuurra dubartoota rakkina fayyaa sammuu qaban, dhukkuba isaaniin alatti hubachuun barbaachisaadha jetti Simirat.

''Rakkinni sammuu waan tokko, miidhaan irraa gahu ammoo miidhaa dubartummaan walqabatu kan biraati. Kanaafuu, dubartiin tun rakkoolee akkasiif saaxilamte jirti ta'a kan jedhu osoo sammuu namootaatti dhafa ta'e gaariidha,'' jechuun himti Simrat.

Dubartoonni sammuu dhukkubsatan dhaabbilee fayyaa keesatti illeen akka gudeedaman ragaan poolisii irraa arganne ni mul'isa.

Kana malees, dallaawwan dahuu namoota rakkina sammuu qaban; dhiiras ta'e dubartoota, waggoota muraasaan dura namoonni naannichatti argaman kanfaltii malee hojii humnaa akka raawwachisan ragaa qabaachu Dr, Maajiin ni yaadatti.

Dubarttoonni ammoo dhiiroota naannicha buufata dahanootti argamaniin gudeedamaa akka turanis ni himti.

Miidhaa gudeeddii

Lakkoofsi dubartoota dhaabbilee fayyaa kan akka Hospitaala Amaanu'el fa'ii erga itti fooyya'ee bahuun osoo daandiirra jiraatanuu irra deebiin balaa dirqiin gudeedamuutiif saaxilaman baayyeedha.

Yeroo baayyees dubartoonni sammuu dhukkubsataniifi maatii ykn fira bira jiraatan hinqabne kan ergaman gara buufata dahannootti. Haa ta'u malee muuxanoo malee jireenya to'annoo kanatti baruu dadhabuun deebii'anii jireenya daandiitiif akka saaxilaman Dr Maajiin ni himti.

Jireenyi shamarree sababii dhukkuba sammuutiin barnoota ishee kooleejii adda kutuun jirenya daandiitiif saaxilamtees dhugaadhuma kana kan mirkanneessuudha.

Walumaagalattis, miidhaa dubartootarra gahaa jirurratti dhukkubbiin sammuu yoo dabalamu hagam cimaa akka ta'e, ''namni hordofee wallaansiisu kan hinqabne, dubartii ofiisheetiin dhaabbachuun dubbachuu hindandeenyee gudeeduun hunda caalaa cimaadha,'' jechuun ibsiti.

Akka isheen jettuuttis adeemsa dubartootaa daandiirraa kaafaman gara buufataatti geessuun yeroo ce'umsaa kan barbaadu yoo ta'u, biyya Itoophiyaa keessaa haalli ce'umsa sanaaf ta'u waan hinjirreef dubartoonni caalaa saaxilamtoota ta'u.

Shamarreen sunis maaliif akka buufata dahannootii akka baate wayita gaafatamteetti deebiin kennite, ''Asitti riifeensa kee filachu hindandeessu, asi ta'uu hinqbdu, nyaachuu kan qabaattuu sa'aatii kana qofaatti kanneen jedhanan dadhabe'' jechuun himte turte.

Odeessa kana irratti dabalata