DR Koongoon addunyaarraa iddoo xiyyaaraan dhaquun sodaatamuudhaa?

bara 2015 xiyyaara DR Koongoo karaa irraa goree namoota muraasa ajjeese Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa bara 2015 xiyyaara DR Koongoo karaa irraa goree namoota muraasa ajjeese

Iddoo tokkoo gara birootti imaluuf balaaliin xiyyaaraa geejjiba biroo kamiyyuu caala amansiisaadha.

Haata'u malee, biyyoota muraasa keessatti dambii sirnaa dhabuu fi taa'umsi lafaa balaa qaqqabuuf sababa ijoodha.

Balaan jalqaba ji'a Sadaasaa darbe DR Koongootti qaqqabe nageenyummaa to'annoo balaliirratti gaaffii uumeera. Sababii balaa kanaatiin baha magaalaa Gomaatti namoota 27 tu lubbu dhabe.

Balaa xiyyaaraa DR Koongootti heedduumateef sababoota hedduun jiraachuu Yunivarsiitii Kaaba Daakotaarraa Daani'el Waasi Ajekum himaniiiru.

Isaan keessaa to'annoo laaafaa qabachuu fi taa'umsi lafa biyyatti sababa ijoodha. hamma nageenyummaa balaliif amansiisa miti? Biyyoota addunyaa biroo wajjin akkamitti madaalamti isa gabaasni bahe kunooti.

Nageenyummaan balalii DR Koongootti maal fakkaata?

Neetiworkiin Nageenya Aviyeeshinii balal'iinsarratti to'annoo gaggeessuufi odeeffannoo buufalee xiyyaaraa kan funaanu 'Aviation Safety Network 'akka jedhutti, DR Koongoon biyya xiyyaarri daldalaa imaltoota deddeebisuu ta'uun erga bara 1945 sadarkaa jalqabaarra jirti.

Kutaaleen biyyatti 26 qofaatu daandii amansisaadhaan magaalaa guddoo biyyattii Kinshaasaa wal qunnamsisu qaba, kanaaf xiyyaaraan imaluun barbaachisaadha.

Haa ta'uu malee bu'uuraaleen misoomaa DR Koongoon buufata xiyyaaraa irratti qabdu, to'annoo fi meeshalee odeeffannoo basaasaa itti sassaabdu gahaa hinqabdu. Dambii nageenyaa xiyyaaraa eeguuf barbaachisuus laafaa ta'e qabdi.

Xiyyaarota moofaa barri irra darbe tajaajila kennuuf itti fayyadamuun rakkina birooti.

Biyyattii naannoo mudhii lafaatti argamtuu waan taateef balaa haala qilleensaan walqabatu; roobni yandoo fi obonboleettin balaan muraasni akka qaqqabuuf sababa ta'eera.

Addunyaarraa eessatti balaan baay'een qaqqaba?

Ameerikaan bara 2010 irraa eegalee iddoo balaan xiyyaaraa baay'een itti qaqqabudha.

Raashiyaa, Kanaadaa Meeksikoo fi Indoonizhiyaan tartibaan itti aanu. Haata'u malee, US Ameerikaan balalii daldalaan sochii tiraafikaan kan dhiphatte ta'uun tarii to'annoorratti dagannoon mudachuu mala.

Countries with the most aircraft accidents

2010 onwards

Source: The Aviation Safety Network

Raaashiyaan namoota balaa kanaan du'aan hedduu qabaachuun hunda dursiti. Namoota 532 balaa amma bara 2010'n asitti du'e. Indooneziyaattis namoota 520 tu du'e.

Deaths in aircraft accidents

From 2010 onwards

Source: Aviation Safety Network

Biyyoonni gurguddoo gara jalqabaarra jiran keessatti balalii heddutu gaggeeffama, lakkoofsi imaaltootaas waggoota 10'n darban saffisaan dabaleera.

Raashiyaatti bara 2009 asitti balaliin dachaa sadiin guddateera. Indoonezhiyaattis dachaa afuriin guddate.

Biyyi Neeppalimmoo akkuma DR Koongoo rakkoo teessuma lafaan walqabatu fi nageenya to'annoo tiraafikaan walqabatu qabdi. Haata'u malee , waggoota 3'n asitti saffisaan dabaleera.

DR Koongoon sochii tiraafika qilleensaa addunyaarra jiru harka 0.1 qofaa qooddatti. Garuu, bara 2010 asitti balaa xiyyaaraa addunyaarratti qaqqabee keessaa harka 4 qabdi. Kana jechuun nageenya sochii tiraafika balalii laafaa qabdi.

Sababii kanaan gara biyyoota gamtaa Awurooppaatti akka hin balalinee biyyoota dhorkaman keessaa DR Koongoon ishee tokko. Biyyoota kana keessatti tarreeffaman keessa biyyoota Afrikaa qofaa miti, biyyoonni Laatin Ameerikaa fi Eeshiyaas jiru.

Barri 2007 DR Koongootti bara jabduu yoo taatu, balaan xiyyaara 8 waggaa tokko keessatti qaqqabuusaatu yaadatama.

Odeessa kana irratti dabalata