Harka tokkoon haaromsaa, harka biraan hacuuccaa Sawudii keessatti deemaa jiru

Biraaziliifi Arjentiinaan deggertoota Sawudii miira lama qaban biratti Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Biraaziliifi Arjentiinaan deggertoota Sawudii miira lama qaban biratti

Deggertoonni kubbaa miilaa gareedhaan ta'anii Istaadiyeemii Riyaad keessatti uffata ofirraa baasanii ol qabanii mirmirsaa miira isaanii ibsataa turan.

Gareen dubartootaa Sawudiis Istaadiyeemii kana keessatti miira jireenya isaanii keessatti arganii hin beekneen kubbaa deggeraafi daawwachaa turan.

Shaashii gurraachi isaan mataa isaaniitti uffataan gara alaabaa gurraacha qilleensarra mirmirsamaa jiruutti waan jijjiirame fakkaata.

Agarsiifni kubbaa miilaa Biraaziliifi Arjentiinaa gidduutti gaggeeffame kun tapha kubbaa miilaa Sawudi Arabiyaa keessatti gaggeeffame waggoota digdamaan booda ani irratti argamedha.

Istaadiyeemii keessatti dhiironniifi dubartoonni Sawudi Arabiyaa akkaan uffata isaaniitiin faayamanii ajaa'iba fakkeessaniiru.

Riyaad durii gamoowwaniifi galmawwan gabaa gurguddoo ifaan faayamaniin alatti kan of-qabduu taateefi nama hin simanne turte.

Yeroo gara magaalaa sanatti seenamu akka waan bishaan bakka tokkotti kuufamee jiru tokkotti seenaniitti afuura nama kuta ture.

Namoonni lammii biyya biraa biyyasitti imalanii jiraatanillee yeroo alkoolii fayyadamuu, ayyaana kabajuufi jaalallee waliin dabarsan itti walaaluun ni rakkatu ture.

Yeroo sa'aatii sagadaa ga'uufi geejjibni gara sagadaatti bahanitti warri gara gabaa deemuu fedhan ni dhaabbatu ture.

Poolisoonni dhimma amantaatiif hiriiranii dhaabbatan konkolaataa gara mana sagadaa malee gara biraatti deemu hin dabarsan ture.

Dargaggoota Sawudiitiif addunyaan isaanii mooraa gimbii gurguddaa ijaaraman keessa qofaadha.

Kan yeroo hedduu dabarsan mooraa babal'aa sana keessa ta'ee yeroo firootaafi hiriyoota dubbisan qofa bahuun mooraa kanuma ofiin keessa jiraatan waliin walfakkaatu arguu ture.

Riyaad sana fakkaattu amma sokkiteetti.

Goodayyaa suuraa Fakii sirbituu beekamtuu Sawudii

Fedhii hawaasaa guutuu, bakkawwan hawaasummaafi bashannannaa banuun magaalattii jijjiireera. Poolisoota amantaas jiruu guyyaa keessaa baafamaa dhufeera.

Shamarreen gar-tokkeen Sawudii taate tokko faashina dizaayin gochuudhaan dhiibbaa guddaa akka uumtetti dubbattu, Riyaad keessatti wanti baayyeen akka malee dhorkaa ture dubbatti.

Akka shamarreen kun jettutti amma garuu jijjiiramni jira. Dubartoonni mirga konkolaataa oofuu argataniiru. Ofiisheetiif ammallee hayyama konkolaachisuu hin argatiin jirtullee, bara darbe dubartootaaf hayyamamuun isaa jijjiirama fiduu isaa ibsiti.

Dubartoonni Sawudii akka ishee ta'an amma biyyattii keessatti dhiirota cinaatti bakka isaaniif malu argachaa dhufaniiru.

Goodayyaa suuraa Wiirtuu Gabaa Riyaad Boleevaard jedhamu Sawudii Arabiyaatti argamu

Gama biraan yeroo jijjiiramni kun jirutti dubartoota aktivitsoota ta'an afur yeroo ammaa mana hidha jiraniifi toorba wabiidhaan gadhiifaman ammoo ni jiru.

Dubartoonni kunneen mirga har'a argame kanaaf waggoota dheeraaf warra falmaa turan keessaadha.

Dubartoonni kunneen miidiyaa biyya keessaa biratti akka madda rakkoo ta'anitti ilaalamu.

Halli isaan ittiin qabaman hedduu kan nama madeessuufi karaa ittiin Sawudii Arabiyaa haaraa shakkaa ilaalludha. Garuu kana jechuun ammoo jijjiiramni sirriin hin jiru jechuu miti.

Kun waan hibboo ta'edha - wanti ta'aa jiru akka waa fidanii waan biraa bira fidaniidha.

Bashannanni ji'a lama guutuu guutummaa magaalaa Riyaad keessatti dhiyaataa jira- manneen siniimaa banaa ta'an, tiyaatiraafi konsartiin gaggeeffamaa jira.

Qarqara magaalattiitti naannoon Riyaad Bolevaard jedhamu yeroo hundaa galgala galgala namoota kumaatamaan hawwata.

Fakiin sirbitoota bebbeekamoo Arabaa daandii sanarra hiriiree jira. Bakka sanas urgooftuun gati-jabeessi shamarran dibatan waliin meeshaan muuziqaa artistoonni taphatan qalbii namaa fudhatee cala'a.

Manneen nyaataa kudhanii ol ta'an ammoo dhorkaa tokko malee dhiiraafi dubartoota hunda walkeessa keessumsiisa.

Goodayyaa suuraa Dubartoonni Sawudii ar'allee "uffata dhaqna guutessa" akka uffatan barbaadamu

Waggoota afur ykn shan dura wanti bakka kanatti argamu martinuu gaggeessitoota amantaadhaan ni balaaleffatamu ture. Yeroo ammaa laafaa dhufullee dhiibbaan isaan qabaatan ammallee madda sodaa ta'uun isaa hin oolle.

Yeroo ammaa, gaggeessitoonni amantaa kunneen baayyeen mana hidhaa jiru. Sababii isaan hidhamaniifis, jijjiirama Ilmi Mootichaa Mohaammad bin Salmaan fidaa jiran waliin hiriiruu diduu isaaniirraa kan ka'een.

Wayitan achi jirutti dhiironni Sawudii gadda lallabaa amanataa miidhaa mana hidhaatti irra ga'een du'e jedhame tokkoof masjiidota Riyaad keessaa tokko keessatti lafa dhiphisaa turan.

Yoo kan hin mirkanoofne ta'ellee, akka gareen mirgoota namoomaa Sawudii jedhanitti du'aatiin lallaba amantaa kun miidhaa mana hidhaa keessatti isarra ga'eeraa kan ka'een ture.

Guyyoota muraasaan dura bashannanni Riyaad keessa jiru sababa walmadeessuu agarsiisa tokkorratti uumameen raafamee ture.

Sababii rokkoo uumame kanaan walqabatees, lammileen biyya alaa agarsiisarra turanis madaa'aniiru.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Ilma Mooticha Mohaammad Salmaan bara 2017 yeroo muudamu

Deggertoonniifi gorsitoonni Ilma Mootichaa akka jedhanitti sababii addunyaan isa duuba hiriiruun isa deggeraniifis humni tarkaanfii haaromsaa inni fuadhataa jiru duubatti deebisuu danda'an waan jiruuf.

Waggaa tokko dura, waa'ee ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Kaashogjii gabaasuudhaaf Riyaad keessan ture. Kaashogjiin qoontsilaa Sawud Arabiyaa Turk Istaabulitti argamu keessatti ejentootaa Sawudiitiin ajjeefame.

Gulaalaan Sawudii tokko akka jedhutti ajjeechaan gara jabinaan raawwatame kun yeroo ilaalamu waan dhugaa raawatameef amanuudhaafillee nama rakkisudha.

Yeroo ammaa, namoonni biyya alaa gurguddoo ta'an Sawud Arabiyaa keessatti argamuu sodaachaa waan hin jireef seenaan ajjeechaa gaazexeesaa beekamaan sun biyyattiirratti fide haqamaa jira.

Haata'u malee, akka dargaggoonni tokko tokko natti himanitti miira eenyumaa haaraatti gammadaa jiranillee gochi hameenya raawwatamee sun Sawudii Arabiyaa ar'aa keessatti sodaa uumuun isaa hin oolle.

Odeessa kana irratti dabalata