Barnoota: Chaayinaan barattoota filatamoo qabaachuun dursaa jirti

Kutaa dubbisaa Chaayinaa Image copyright Getty Images

Biyya kamtu mana barumsaa filatamaa tahe qabdi?

Deebiin kanaa namaa-namatti adda tahuu danda'a garuu qormaatni 'Programme for International Student Assessment (Pisa)' jedhamu agarsiistuu gaarii dha.

Qormaati walitti fufinsaan kennamu kuni dhaabbata 'Organisation for Economic Cooperation and Development (OECD)' jedhamuun qophaa'a.

Erga sagantichi bara 2,000'tti jalqabee waggaa sadiitti takkaa ijoolleee ganna 15'f kennama.

(OECD)n bu'aa qoramaata bara 2018, gaafa Kibxataa ifa baaseera. Kanaanis, Chaayinaan herrega, dubbisuufi saayinsiidhaan biyyoota kaanirra aanteetu argamte.

Qormaata bara darbee irratti biyyooti 76 hirmaachuun rikoordiin cabeera. Barattoonni saamudaan fudhataman 600,000 qoramaniiru.

Dhaabbanni qormaata kana qopheessu OECDn biyyoota guddatan kan akka Ameerikaa, Jaappaanfi Gamtaa Awurooppaa 37 of keessaa qaba.

Haatahu malee, biyyooti baay'een barattoonni isaanii madaala addunyaatiin maalirra akka jiran baruuf barbaadaa jiru.

Qormaati kun qabxii barattootaa gidduugalaan biyyootaaf sadarkaa kenna. Kanaanis, qormaata dhiibbaa uumuu danda'u taheera.

Barattoonni qormaata jireenya namoota qabatamaa fudhatu. Gaaffiin gaafataman murtoo akka qarshii baasan, odeeffannoo sirnaan fayyadamuufaa fudhatu.

Inni bara 2018 fakkeenyaaf, gaaffii akkas jedhu ture, fooramii intarneetii tokko irratti nama lukkuu qabu tokkotu bineeldota isheef asprin (qoricha namoonni yeroo mataanfaa isaan dhukkubu fudhatan) kennuun sirrii dha jettee gaafatti.

Eeshiyaan dursaa jirti

Chaayinaan qormaata jildii afuriin kennameen dursaa jirti. Haa tahu malee, barattoonni qoramaan naannoo biyyatti murtaa'oo irraa kan dhufani dha.

Qaamoti mootummaa yeroo baay'ee qabxii barattoota Shaangaay irraa dhufan ilaalaa turan.

Daariktarri OECD Andiriyaas Shiliichar, barattoonni dhiyeessi barnootaa ga'aa taheen hin baranne gama dubbisuutin barattoota gidduu-galaa irraa fooyyee qabu jedhan.

Finlaand jildii qormaata kanaa waggoota sadiif (2000, 2003fi 2006) dursaa turte, 2015'tti Singaaportu dursa ture.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Istooniya biyya Eshiyaa keessaa hin taane, qoormaata kanaa qabxii gaarii argatte dha.

Biyyooti Eeshiyaan walitti fufinsaan sadarkaa olaanaa qabachaa jiru. Chaayinaa, Singaappoor, Maakuu, Taayiwaan Jaapppaniifi Kooriyaan Kibbaa warra dursaa jiranidha. Estooniyaan immoo biyya ardii Eeshiyaan ala taate dha.

Dhaabbati OECD qormaata mata duree hin beeknetti kennamu irratti barattoonni odeeffannoo qabatamaafi ilaalcha addaan baafachuu hin dandeenye kun akka isaan yaaddesse dubbataniiru.

Haa tahu malee, garaagarummaan barnootaa biyyoota guddataniifi guddachaa jiranii akka yaadamu garaagarummaa guddaa hin qabu jedhan.

''Biyyoota qormaata kanaan qabxii walfakkaatu fidan yoo ilaallu, galiin akka biyyaatti qaban baayyee wal-irraa fagaata jedhan.

Gama koorniyaatiinis garaagarummaa guddaatu jira jedhan.

Ijoolleen dubaraa dubbisuudhaan dhiirota baayyee yoo caalan, saayinsiidhaan haala murtaa'aa taheen caalaniiru, ijoolleen dhiiraa immoo herregaan qabxii shaniin caalaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata