Jibuutii: 'Itoophiyaan humna galaanarraa hundeessuuf Jibuutii waliin marii gaggeessite malee waliigalteerra hin geenye'

Humna Galaanaa Firaans Jibuutitti Image copyright AFP

Itoophiyaan Humna Waraanaa Galaanarraa ijaaruuf Jibuutii waliin marii gaggeessu malee waan waliigalteerra gahame hin jiru jette Jibuutiin.

Torban darbe gaazexaan Finfinnee keessaa Kaappital jedhamu Itoophiyaan Jibuutiitti humna galaanarraa hundeessuuf akka jettu gabaasee ture.

Waajjirri muummee humna waraanaa galaanarraa kanaa immoo magaalaa Baahirdaar ta'a jedhe gabaasichi.

Dhimma kana irratti kan gaafataman Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jibuutii Mohaammad Idiriis Faarah kana dura Ministirri Muummee Abiy Ahimadiifi Pirezidantiin Jibuutii Ismaa'il Omaar Giile irratti mari'atuu himan.

Humna Galaanaa hundeessu irratti mariin irra -deddeebiin taa'amu malee ''waan waliigalteerra gahe garuu hin jiru'' jedhaniiru.

''Waliigaltee Itoophiyaafi Jibuutii gidduu taasifamu irratti Itoophiyaa qofa osoo hin taane Itoophiyaan humna galaanarraa akka hundeessituf kan ishee gargaartu Faransaayis jiraachuu qabdi,'' jechuun himan.

Image copyright ERIC CABANIS

Dhimma gaazexaan Kaappitaal gabaase irratti mootummaan Itoophiyaa ibsa kenne hin qabu.

Kana dura baatii Ebla bara 2019 keessatti pirezidantiin Jibuutii gaazexaa Faransaay Zhaan Afrikaa jedhamutti dubbii dubbataniin humni galaanarraa Itoophiyaa deeggarsa Faransaayin ijaaramu buufata doonii Mitsiwwaa Eertiraa jirutti akka ta'u himaniiru.

Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakron gama isaaniin Bitootessa bara 2019'tti imala gara Itoophiyaa taasisaniin humna galaanarraa Itoophiyaan hundeessituf gargaarsa barbaachisu akka taasisan himanii turan.

Itoophiyaan bara 1950 keessa murtee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin Ertiraa waliin federeeshiniin yeroo wal taatu balbala galaanaa argattee turte.

Kanaanis, bara 1955 Mitsiwwaafi Asab irratti humna galaanaa cimaa hundeessuun ishee ni yaadatama.

Ministirri Mummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufani as humna galaanarraa deebisanii hundeessuf akka yaadan dubbachaa turuun isaanii ni yaadatama.

Odeessa kana irratti dabalata