Redi'eet Abbabee: Dubartii Afrikaa jalqabaa Korneelirraa Kompiiter Saaysinsiin PhD'n eebbifamtu

Shamarree waan hin danda'amne fakkaatu milkeessite Image copyright Redi'eet Abbebee

Finfinneetti dhalattee kan guddatte Redi'eet Abbabee Korneelirraa Kompiiter Saayinsiitiin PhD eebbifamuudhaan dubartii gurraatti (Afirikaa irraa) kan jalqabaa taateetti.

Yeroo ammaa kana Algooriizimiifi Artiifishaal Intelijesiirratti (AI) qorachaa jirtis.

Finfinneetti dhalattee kan guddatte Redi'eet Abbabee Korneelirraa Kompiiter Saayinsiitiin PhD barachuudhaan dubartii gurraatti (Afirikaa irraa) kan jalqabaa taateetti.

Saayintitistiin Kompiitera irratti qorachaa jirtu kun yeroo ammaa umuriin ishee ganna 28 yommuu taatu, digirii jalqabaa Herregaan Yunvarsiitii Harvaardirraa eebbifamte.

Digirii lamaffaa ishee ammoo Appilaayid Maatimaatiksirratti kan hojjette yoo ta'u, qorannoon isheen hojjettes bu'aawwan teeknooloojii loogii saalaafi bifa irratti osoo hin hundaa'iin karaa walqixa ta'een hawaasa tajaajiluu akkaataa danda'urratti kan fulleeffate ture.

Redi'eet dhaabbileen teeknooloojiin akka karaa walqixa ta'een hunda bira akka ga'uu hojjetan 'Mekaaniizim Dizaayiin foor Sooshaal Guud' akkasums 'Bilaak in Artiifishaal Inteliijens (AI) warra jedhaman namoota biroo waliin ta'uun hundeessiteetti.

BBC፡ Korneelitti Kompiiter Saayinsiitiin PhD hojjechuudhaan dubartii gurraattii jalqabaa ta'uuf deemta baga gammadde.

Redi'eet Abbebee: Galatoomaa!

BBC: Dubartoonni gurraacha ta'an maaliif yeroo hedduu warra akka Korneel ta'an yunvarsiitiiwwan gurguddoorraa hin eebbifaman?

Redi'eet : Rakkoon isaa kan Korneel qofaa miti. Ameerikaa keessa dhaabbanni CAR jedhamu jira. Waggaa waggaadhaan namoota sadarkaa PhD tiin eebbifamanirratti qorannoo gaggeessa. Gaaffileen akka maatiin kee barattoota kollejjii turanii? Digirii kee maaliin xumurte? Kanneen jedhaniifi kan biroo gaafatu. Saalaafi bifallee ni gaafatu.

Isaan booda bu'aa isaa marsariitiirratti gadi dhiisu. Yeroon bu'aa qorannoo kanaa ilaalu, waggaa waggaadhaan guutummaa Ameerikaarraa dubartoonni gurraaleen kompiitara irratti PhD qoratanii eebbifaman shan qofaadha.

Waggaatti Saayinsii Kompiiteraan PhDtiin walumagala namoonni eebbifaman 3,000 ni ta'u. Isaan keessaa namoota shan qofaadha bifaan gurrachonni. Rakkoon biroon piroofeeserootadha. Ameerikaa keessa piroofesaroonni Saayinsii Kompitaraa 5,000 ta'an jiru.

Isaan keessaa 75 qofatu gurraaleedha. Lakkoofsa kana keessaa ammoo dubaroonni gurraaleen 20 hin ta'an.

Namoonni baayyeen akka koo kana yeroo PhD jalqabuu barbaadanii sagantaaleen Korneel, Piriinisteen, Harvaardii ilaalan gurraacha tokkollee hin qaban. Kanaaf, namni fakkeenya isaaniif ta'u hin jiru jechuudha.

Yeroo iyyattus loogiin ni jiraata. Namni nama kan isaadha kan madaaluus danda'u. Namoonni iyyannoo dubbisan hunduu gurraacha yoo ta'uu baate, nama gurraacha irratti loogiin ni taasifama jechuudha. Erga yunvarsiitii seenteellee gargaarsa argachuu dhiisuu dandeessa.


Oduu kanatti dhiyaatan ballinaan dubbisuuf:

Namni nama akka isaa madaaluu danda'a. Namni naa isa fakkaatu jaallata. Kana waan ta'eef, baayyee ulfaata. Dubartoonni gurraaleen iyyachuu dhiisuu danda'u.

Yoo iyyatanillee galuu dhabuu danda'u. Yaa galanillee xumuruu dadhabuu malu. Xumuruudhaafillee yeroo dheeraa isaan fudhachuu danda'a. Korneel xumuruudhaaf waggaa shan nama fudhata. Gurraattii taatee gargaarsa kan siif hin taasifamne yoo ta'e hanga waggaa saddetii sitti fudhachuu danda'a.

Image copyright Redi'eet Abbebee

BBC: Gufuuwwan dubbattu kana mara dabartee eebbifamuuf taata. Akka dubartii gurraatti tokkootti bakka geesse kana ga'uun miira akkamii si keessatti uuma?

Redi'eet: Waraqaa qorannoo eebbaa koo yeroon dhiyeessu waa'ee kanaa dubbadheen ture. Karaa tokkoon yeroon ilaalu anaaf waan guddaadha. PhD waggaa dheeraan hojjedhe. Kanaaf, gammadeera. Karaa biraa yeroon ilaalu ammoo kun anaaf waan guddaadha.

Hiriyoonni koo Korneel keessatti gosa barnoota biroo baratan barattoota guaracha waamanii turan. Dhaggeeffatoonni koo gar-tokkeen gurraachota turan. Guyyaa isaa kana kabajuuf turan.

Piroofeesaroonnis turan. Piroofeesaroonni hedduun dubartiin gurraattiin yeroo jalqabaaf kutaa barnootaa kanarraa eebbifamtu akka ana taate hin beekan ture. Sababiin isaas waa'ee kanaa hin yaadan.

Wanti kun akka anaan jeequ isaaniin hin jeequs. Wanti kun kan nama gammachiisu fakkaachuu danda'a. Ani yeroon yaadu garuu waan gaarii miti.

Galata Waaqayyoo haa ta'u malee ani xumureera; garuu dubartii gurraattii meeqatu barnoota kanaaf iyyattee dhabdeetti? Dubartii gurraattii meeqatu jalqabee hin xumuriin hafeera? Yeroo kana yaadu baayyee nama gaddisiisa. Dubartiin gurraattiin jalqabaa bara 2019 keessa eebbifamuun gaarii miti.

Yeroon waraqaa qorannoo koo dhiyeesse "akaakayyoonni koo kollejjii seenuu haa turuu barnoota sadarkaa tokkoffaallee hin baranne" jedhee dubbadheen ture.

Ani garuu lamaan isaaniiyyu akka saayintistootaattin isaan yaada. Haati abbaa kootii mosobii hodhitti ture. Kennaa isaas qabdi.

Mosobii sana yeroo hodhitu Ji'oomeetiriik Dizaayin tolchuun hojjetti ture. Baayyee bareeda. Guyyaa tokkollee yeroo dizaayinii kana teessee barreessitu argee hin beeku. Gadi teessee hojjechuu jalqabdi, ni xumurti.

Saayinsii mana barumsaa idileetti qorachuu baattulleen akka ogeettii herregaatti yaaddi ture. Abbaan abbaa koo qote bulaa ture. Qonnaa guddaa qaba ture. Kan qotus meeshaa qonnaa ofii isaatiin tolfateen ture.

Kan tiraakteera bitate ammoo erga dulloomee ture. Akaakayyoonno koo yoo kan hin baranne ta'anilleen akka saayintistootaatti yaadu turan. Yeroon Finfinneetti guddadhus abbaa koofi haadha koo ilaalee ofiin akka saayinsitii tokkoottan of ilaalau ture.

Yeroon Itoophiyaatti guddadhe garuu dubartii, dhiira, Oromoo, Amaaraa jechuun osoo hin qoqoodamiin hundumtuu saayinsii hojjechuu akka danda'u nan yaadan ture.

Yeroon waraqaa ittiin eebbifame dhiyeessetti kana ture kanan itti hime. "Yeroon guddadhutti saayintistii ta'uun barbaadan ture.

Ameerikaa dhufee 'ati saayinsii hin dandeessu' yeroo jedhame baayyee na ajaa'ibe, na gaddisiises. Waan kana jijjiiruun isaanirra jiraata. Sababiin isaas isin akka saayintistiitti ana ilaaluu yoo baattanillee ani garuu ofii kootiin akka saayintistiittan of ilaala," jechuun isaanitti hime.

BBC: Artiifishaal Intelijensii (AI) dabalatee tekinooloojiin ammayaa walqixxummaan dubartoota dabalatee hin hirmaachisan jechuun ogeessonni dubbatan jiru. Maaliif tekinooloojiin kun hundaaf walqixa banaa hin taane?

Redi'eet: Dhimmichi rakkoo hedduutu keessa jira. Ain wanta daataarratti hundaa'udha. Algoorizimiin yoo kenniteef daataa fudhatee daataa keessaa paaternii ilaala. Isa fudhatee kirediitii tolcha.

Fakkeenyaaf, Ameerikaa keessatti dhibba keessaa 15 nama gurraachadha. Daataa isaa yeroo ilaaltu nama gurraacha xiqqoo argita. Daataan isaa nama gurraacha baayyee kan hammatu miti.

Maashiin leerniig Algoorizimii yeroo shaakalaa turetti dhima nama hin agarree sirriitti hin qoratu.

Kana irratti hundaa'uudhaan yeroo tilmaamni kennamu gaarii hin ta'u. Fakkeenyaaf, Timiniish Gabiruu feeshaa rikoginiishin irratti hojii tokko qabdi.

Tekinooloojiin feeshaal rikkoginiishiniin kun kan qorate baayyinaan dhiirota adiirrattidha. Kana waan ta'eef, dubartii gurraattii yoo kenniteef waan sirrii hin ta'u jechuudha.

Tekinooloojii akkasii namoonni hojjetan gurraachotas, dubartootas mit. Kana waan ta'eef tekinooloojiiwwan kun kan hunda hirmaachisan miti jechuudha.

Fakkeenyaaf Amaazoon meeshaa tokko hojjetee ture. Loogiin saala irratti hundaa'e akka hin uumamneef jecha saalaafi maqaan maashina sanarraa bade. Haata'u malee, maqaan kollejjii hin badne ture. Kollejjoonni tokko tokko ammoo kan dubartootaa qofaadha.

Maqaafi saalli yoo badallee maqaan kollejjichaa Pirookiis (faana agarsiisuu) ni uuma. Osoo kana hin beekiin itti fayyadamu ture. Isaan booda yeroo dubartoota loogii irratti gochuu jalqabutti beekamee bade.

Haata'u malee, yeroo tekinooloojiin kun hojjetamu osoo dubartiin jiraattee, dubbachuu dandeessee dhimma kana ni qandi ture silaa.

BBC: "AIn nama giddu galeessa godhate" jedhamu yeroo baayyee irra deddeebiin ni ka'a. Bara amma keessa jiru kana keessatti tekinooloojiiwwan akka nama fayyadan gochuun akkamiin danda'amaa?

Redieet: "Ain nama giddu galeessa godhate" kan dhufuu danda'eef tekinooloojii hunda hin hirmaachifne jedhameef akka deebii ta'uuf jedhameeti. Dur yeroo tekinooloojii misoomsinu jalqaba kan yaadnu tekinooloojichi hangam hojjeta? Hangam saayinsii isaa guddisuu danda'a? jechuun yaadneeti.

Amma kan barbaadne garuu nama irraa jalqabuudha. Nama maaltu isa barbaachisa? Wanata nama fayyadu maal hojjechuu dandeenya? Jalqaba kan yaaduu qabdu waa'ee namaatimoo waa'ee tekinooloojiidha? Kun jalqabuudhaaf bakka gaariidh.

Wanti yaaduun nurra jiraatu garuu waa'ee nama isa kami akka dubbachaa jirrudha. "AI nama giddu galeessa godhate" jettee garuu dhiirota qofaaf bakka jirrurraa hedduu jijjiirama hin fidu. Kan yaadnu garuu namoota loogiin irratti taasifamerraa yoo ta'e garuu jijjiiramni dhufuu ni danda'a.

BBC: Addunyaa AIn nama giddu galeessa godhateefi hunda hirmaachise walfaana milkeessuu akkamiin ilaalata?

Redi'eet: Addunyaan yeroo ammaa keessa jirru addunyaa isa hirmaachisaa hin taane keessa jirra. Daataan gara caalaa guutame, AIn tekinoolojii baayyee guddateeru warri qaban akka Google, fi Facebook fa'i. Ijoolleen gurraachi Kaambiriij jiraatu tokko carraan tekinooloojii argachuu isaa hin jiraatu.

Silaa Google daataa kan namaa osoo fudhatee itti fayyadamuu hin barbaadu jechuu hin danda'u. Labsiinis hin jiru. Fakkeenyaaf, biyya kana keessatti mana barbaaddee yeroo iyyattu kireessaan dhaabbata AI fayyadamuu ni danda'a. Dhaabbatichi siif hin kennu jechuu ni danda'a.

Algoorizimiin keessan maalidha? Jettee gafachuu hin dandeessu. 'Carraa argachuu isaa kan qaban' warra humna isaa qabanidha. Keessumaa qaamoleen hawaasaa loogiin irratti taasifame (dubartoota, gurraachota, baqqatoora) 'carraa argachuu' hin qaban.

Barnootaafi misooma keessatti nama hunda yoo hirmaachifne jijiiramuu ni dandeenya. Ani nama Itoophiyaa waanan ta'eef dhimmi Itoophiyaafi Afirikaa na yaachisa. Qote bulaan Itoophiyaa tokko ji'a itti aanutti ni roobamoo hin roobu? Yoo robe ammoo hangam rooba?

Waa'een gabaa ammoo maal fakkaata? Kanneen jedhan beekuu barbaada. Ani kanan yaadu AI dimokiraatawaa taasifnee namni hundumtuu akka argatu yoo taasifne, dhaabbata guddaa tokko yaa turuuti qote bulaa tokkollee gargaaruu ni dandeenya.

Mee yeroo qote bulaan tokko carraa marsariitti fayydamuu argachuu isaa yaadaa. "Lafti isaa hanga kanaati. Bakki kun midhaan qabatee jira" yeroo ittiin jettu baayyee isa gargaara. Ani addunyaa namoota hundaaf carraa ittiin kennuu dandeenyun barbaada.

BBC: Haala guutummaa addunyaatti jechuun danda'amutti sodaan tekonooloojii baballataa jira. Hojii keenya dhabuu dandeenya, tekonooloojiin hojii keenya keessa galee jiruu keenya diigaa jira kkf kanneen jedhan soda yeroo hedduu dhagama'anidha.

Kanaaf namoonni hedduun bara kana sodaachuun isaanii sirriidhaa? Siin ammoo yeroo keessa jirruufi addunyaan gara fuula duraa si sodaachisaa?

Redi'eet: Sodaachuun isaanii sirriidha. Dhugaadha namni jijjiirama hin barbaadu. Hin jaallatus. Haa turuuti AI tekinooloojiiwwan biroon yeroo madaqfamanitti akkasuma ture.

Amma AI dhaabbata tokkotu misoomsee irraa gadi nutti kenna. Hin ta'u jechuu hin dandeenyu.

Haata'u malee, tekinooloojii kana omishnee dirqamaan namarratti fe'uurra namni kan ofii isaa barbaadu akka hojjetu barnoota isaa yoo baballifne yeroo sana jijjiirama isaa ni jaallata. Sababiin isaas, Jijjiirama ofii isaa hojjetedha.

Fakkeenyaaf, dhaabbanni guddaan tokko meeshaa kana hojjenneerraa fudhadhaa jedhee qonnaan bultootaaf yeroo kennuuf isaan sodaachisuu ni danda'a. Isaan sirriidha.

Maal barbaaddu? Maal isiniif hojjennu? Jechuun isaan dubbisnee yaada isaanii fudhannee hojjechuun akka ballinaan walga'u gonee jennaan ykn ofii isaanii akka uummatan osoo goonee rakkoo hin qabu.

Dur 'warra taayippiin barreessanitu' ture. Amma hundi keenya barreessuu waan dandeenyuuf nu hin barbaachisu. Akkas hojiin yeroo jijjiiramu rakkoo hin qabaatu.

Hojiiwwan yeroo jijjiiramanitti garuu hojiiwwan biroon uumamaa ta'uu qaba. Bakka baayyeeti Injiinaroota sooftiweerii hedduutu barbaachisa. Google qofaa osoo hin taane dhaabbileen bu'aadhaaf hin hojjennellee Injiinaroota sooftiweerii isan barbaachisa.

Haata'u malee, hojiiwwan kanneen eenyutu argachuu danda'a? Nama hundaadhamoo namoota muraasadha? Kanaaf, namoota tokko tokko; Awutoomeet' yeroo goonutti namni hunduu akka argachuu danda'utti yaaduudhaan of eeggannoo gochuun nura jira.

Amma garuu of eeggachaa hin jirru. Namni kan sodaatuufis kanaafidha. Sodaachuun isaanii sirriidha. Garuu jijjiiramuu ni dandeenya. Hin barfanne.

Image copyright Redi'eet Abbebee
Goodayyaa suuraa Redi'eet Abbebee

BBC: AI damee hunda keessatti misoomaa jira. Yeroo addunyaa gara fuula duraa yaadnutti karaa hedduu wiirtuun tokko ni jiraata. Fayyaa akka fakkeenyaatti yoo kaasne, AI'n Afirkaa keessatti damee fayyaatiin ga'ee akkamii qabaata jettee yaadda?

Redi'eet: Dhimma kana irratti barreeffama tokko nan qaba. Karaa marsariitii namoota gaafadhee kanan hojjedhe qaba. Biyyoota Afrikaa 54 keessaa daataa fudhannee namoonni waa'ee wallaansa fayyaa gaaffii akkamii gaafta? Odeeffannoo toora interneetiirra jiru ammoo akkamiin argata? Jechuudhaan qoranne.

Gamtaan Afirikaa, dhaabbileen Mootummoota Gamtoomaniifi jaarmiyaaleen idil-addunyaa biroon gabaasa ni qabu. Kanaaf, Afirkaa keessa daataan hin jiru jedhu.

Fakkeenyaaf, HIV/AIDS yoo fudhatte odeeffannoo bal'afi gadi fageenyaa argachuun hafee waggaatto namoota meeqatuu du'e kan jedhu argachuudhaafillee baayyee ulfaata. Yoo argamellee dogogora qabaata.

Kanaaf, dhimmoota akka kanaarratti daataa hedduu osoo qabaannee gaariidha. Akkas yoo ta'e qabeenya qabnutti fayyadamuu ni dandeenya.

Nuti warri qorannicha gaggessine kan hubachuu barbaanne, waa'ee HIV/ADIS namni odeeffannoo akkamii gaafachaa jira? Odeeffannoo akkamiitu ammoo kennamaa jira? Kanneen jedhanidha.

Waa'ee wallaansa fayyaa Afirkaa yeroo yaadamutti odeeffanoon hin jiru. Tekinooloojiinis hin jiru. Tekinooloojiin yoo jiraatellee hojjechuu dhiisuu mala. Fakkeenyaaf, ibsaan Itoophiyaa ni bada.

Wanti baatiriidhaa hojjetu hojjechuu danda'a. Yeroo interneetiin badu wanta barbaadde hojjechuu dandeessaa?

Wanta baayyee nuti misoomsuu qabnu ni jiru. Namoota Afirikaarraa ta'e hirmaacchisuu ni dandeenya. Bilaak in AI, Daataa Saayinsi Afirkiaafi dhaabbileen kanneen biroo Afirkaarratti hojjetu.

Hundi keenya kan yaadnu deebiin dhimma Afirkaa kan dhufu warra Afirkaarraa yoo ta'edha. Diidaa hin dhufu. Looguu dhaabuun Afirikaa eeguu ni dandeenya. Barumsa baballisuun kennaan jiru akka ba'uufi addunyaatti akka mul'atu gochuun nurra jira.

BBC: Yeroo waa'ee raga fayyaa biyyoota Afirkaa qoratanitti biyyo tokko kan ragaan keessaa guurame Itoophiyaa turte. Fayyaa Itoophiyaa ilaalchisee rakkoo odeeffanootiin qaawwi jiru argitan maal ture? Akka yaada furmaataatti kan dhiyeessitan hoo?

Redi'eet: Wanta nuti Itoophiyaatti argine, namoonni qullubbiin adii, dammii ykn loomiin HIV/AIDS irraa ni fayyisaa? Yoo kadhannaan ta'e HIV/AIDSn ni badaaa? Gaaffileen akkasii yeroo gaafatamanitti karaa toora interneetaatiin "Eyyeen, qullubbiin aduu HIV/AIDS ni balleessa" jedhamee barreeffama.

Dhimma kana irratti ministeerri fayyaa irratti yaaduu qaba. Itoophiyaa keessatti qof osoo hin taane biyoota Afirikaa biroo keessattis akkuma kanadha. Gaaffiin biroon waa'ee loogii namarratti taasifamuudha ykn qoollifamuudha.

HIVn dhiiga koo keessa jiraachuu isaatiin hojii kooraa nan ari'amuu nan danda'aa? Namni na qoollifataa? Jechuudhaan gaafatu.

Yeroo Itoophiyaa jiru namoonni akka loogiin irratti hin taane ykn hin qoollifatamne diraamaan kana barsiisu darbaa ture. Karaa eegumsa fayyaa sosochiiwwan odeeffannoo kennan baayyee ni gargaaru. Itoophiyaa garuu baayyee ishee hafa. Wantonni foyyaa'uu qaban hedduutu jiru.

Odeessa kana irratti dabalata