Barreeffamni hakiimota hedduu maaliif hin dubbifamu?

Barreeffama hakiimotaa

Madda suuraa, The Washington Post

Hospitaala Kidduus Phaawuloositti hakiima waliigalaafi barsiisaa kan tahe Doktar Naahom Giruum, ''ani barreeffamni koo waan dubbifamuuf namoonni akka hakiimaattii na hin ilaalle jiruu,'' jedha.

Barreefamni hakiimotaa garuu maaliif hin dubbifamu jennee gaafannaan sababa garaagara himuun akka danda'amu dubbata Dr. Naahom.

Saayinsiin fayyaa afaan mataa isaa danda'e waan qabuuf jechoota garaagaraa afaan 'medicine' dhaan gaafa barreessinuu namoonni qaraa barreefamichi kan hin dubbifamne itti haa fakkaatuyyuu malee ogeessoti fayyaa-narsiifi faarmaasistiin akka salphaatti dubbisuu ni danda'uu jedha.

Dabalataan saayinsii fayyaa jechoota gaggabaaboofi gabaajee baayyee waan qabuuf barreefama hakiimni katabu dubbisuu nama rakkisa jedha doktarichi.

''Fakkeenyaaf gabaajeen BID jedhu qoricha kana guyyaatti yeroo lama fudhadhu,'' jedhuu dha jedha.

Namootni garaagaraa irra walii galuu ha dhabaniyyu malee 'gosoota hojii keessaa kan akka hakiimaa barreessu hin jiru jedhama,'' sababiinsaa immoo hakiimni tokko dhukkubsataa dhaaf yaalii erga taasiseen booda waan hojjete hunda galmeessee ol kaa'uu akka qabu hima.

Hakiimiin yaalii kennaa oole yoo hin galmeessine akka wal'aansa hin kenninetti lakkaa'ama kanaaf guyyaatti namoota shantamaaf yoo yaalii taasise ala shantama barreessuun irra jiraata jedhe Dr. Naahom.

''Hanguma baayyee barreessinu maashaan xixiqqoo quba keenyaa waan dadhabaniif waanti barreessine akka hin dubbifamnettii barraa'a,'' jedha.

Madda suuraa, BSIP

Kana malees muddamani barreessuun sababa barreeffamni hakiimaa akka hin dubbifamne taasisan keessati. Keesumaa biyya keenyatti hakiimni tokko dhukkubsataa baayyee gatii yaaluuf seenaa dhukkubsatichaa barreessuun dirqama, isa tokko ilaalee isa kaanitti darbuufis muddamee yoo barreessu barreefamni isaa kan hin dubbifamneefi kan hin bareedne tahaa jedheera.

'Dhukuubsataan waa'ee dhukkubasaa baruuf mirga guutuu qaba'

''Dhukkubsataan keenyi waa'ee seenaa dhukkubasaanii, qoricha isaaniif ajajameefi bu'aa yaalii isaanii baruuf warra sadarkaa jalqabaafi mirga guutuu qabu dha,'' jedha.

Haa tahu malee warrumti oogummaa fayyaa qabanillee''yerootti barreefamni keenyi hin dubbifamiin hafee deebisanii nutti ergan jira, hanga hakiimiin dhufutti osoo eeganii dhukkubsataan otoo qoricha hin fudhatiin turee beeka,'' jedha

''Naamusnii saayinsii fayyaas hakiimni tokko waan barreessu akka nama hundaaf dubbifamutti haa barreessuuf jajjabeessa''

Nutis akka hakiimaatti kanatti amanna ni gorsina jedhad Dr.Naahoom.

Dhukkubsataan rakkoo isaa dubbisee akka baruuf biyyoota guddatan keessatti kompiitaraan barreefameetu kennamaafi, biyya keenyatti garuu baay'ina dhukkubsataafi caasaa jiru irraan kan akkanatti barreessuun rakkisaa dha jedha.

Namoonni 'waggaa barnoota gara dhumaa yeroo geessan akka koorsii barreefamaa ni fudhattu mitii jedhanii gaafatu,'' barnoota fayyaa keessatti garuu barreefamaaf barnooti kennamu hin jiru jedha Dr. Naahom.

Akka inni jedhutti sababiiwwan kanneen alattis barreefamni hakiimaa akka hin dubbuifamne godhan jiraachuu danda'u mala jedha.

Biyya Hindiitti barreefamni hakiimaa seeraan dubbifamuu dhabuurraan wal-qabatee namoonni kuma jaatama tahan lubbuun isaanii akka darbe qorannoon gamasitti dalagame ni agarsiisa jedha.

Akka biyyaattis qorannoon otoo adeemsifamee bu'aan akkamii argamuu akka danda'u tilmaamuun nama rakkisa.