Maatii Laggasaa Wagii: 'Ollaan barattoonnis ijoollee shiftaa nuun jedhu ture'

Laggasaa Wagiin erga ajjeefame waggaa 11 guuteera. Yeroo waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa keessa ture hanga ajaajaatti gaheera Image copyright Bilisumma Legesse
Goodayyaa suuraa Laggasaan Ayyaana ji'a kana keessa waggaa 20 dura Ayyaana Cuuphaaf nan deebi'a jechuun bahe achumaan osoo hin deebi'in hafe

Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Lixaa kan ture Laggasaa Wagiin waggoota 11 dura ture duula waraanaa mootumaan gaggesseen kan ajjeefame.

Ji'aan dura immoo Addi Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen Ministirri Muummee Itoophiyaa ammaa Dr Abiy Ahimad dhimma Laggasaa irratti odeeffannoo miliqsani ture jechuun mirkanesseera.

Dhaabbichis ibsa kana kan baasee erga MM Abiy walgahiiwwan adda addaarratti waa'ee Laggasaa dubbataniiru erga jedhameen booda ture. Haata'u malee, waajjirri MM dhimma kanarratti isaan booda waanti jedhe hinturre.

Yeroo Laggasaan waggoota 10 oliif waraana keessa socho'aa tureetti maatiin isaa Finfinnee jiraataa turan garuu rakkoo keessa jiraachu himu. Rakkoon kunis akka biyyaa bahan isaan dirquus himu.

Haata'u malee waa'een jirenya maatii Laggasaa Wagii kunis hammana hin beekamu ture. Dhimmuma kana ilaalchisuunis BBC'n maatii Obbo Laggasaa waliin turtii taasiiseera.

Torban darbe waltajji dhaabni ABO magaalaa Ambootti taasisen suurri qabsaa'aa kanaa caalbaasiin akka gurgurame gabaafameera. Abbaan ijoollee dubaraa sadii kan ta'e Laggasaan garuu seenaa hin himamne qaba.

Kanneen dhaaba ABO deeggaran goota jedhani waamanis, loltonii inni lolaa ture garuu 'shiftaa'' jechuun isa waamu.

Maatii Laggasaa

Aadde Wayinisheet Getaahun haadha warraa qabsaa'aa Laggasaa Wagii yoo ta'an, dhaloonniifi guddinni isaanii magaalaa Finfinne ta'u himu.

Qabsaa'aa Laggasaanis Magaalaadhuma Finfinnee jiraataa kan turan yoo ta'u, hojii daldalaatiif gara Dirree Dhawaafi magaalota kaan deemun meeshaa daldalaa fidaa akka turan himu. Ofiifis daldala, daldaltootaafis ni hiru.

Egaa kanuma keessa ture Aadde Wayinishet waliin kan walbaran.

Aadde Wayinisheet daldala keessa hin turre. Obbo Laggasaan galiidhuma hojii daldalaa irraa argataa turaniin maatiisaanii jiraachisaa turan.

Bakki jireenya isaaniis ''naannoo Addis Katamaadha, Kolfeefis markaatoofis dhihoo ture.'' 'Erga walbarree booda seerumaan cidhaan gaa'ila raawwanne,'' jedhu Aadde Wayinisheet.

Turtii gaa'ilasanii kan 'waggoota afur yookiin shanii' keessatti ijoollee dubaraa sadii godhatan.

Ijoolleen dubaraa qabsaa'aa Laggasaan sadanis: Bilisummaa, Fireehiwatiifi Natsaannat akka jedhan haatiisaanii BBC'tti himaniiru.

Image copyright Bilisumma Legese

Laggasaan nama akkamii turan?

Laggasaan obbolaa dhiiraa afurii fi obboleetti dubaraa tokko qaba ture.

Ijoollummaa isaatii kaasee quuqama qaba ture kan jedhan obboleessi isaa hangafaa Obbo Baqqala Wagii, obbooleessaa isaa nama wanta yaade hanga galmaan gahutti hin deebine jechuun ibsu.

Obboleessi isaanii kan biraa bara Dargii keessa hojii 'giddaajii'tiif [konkolaachisaa kan ture] gara Eertiraa deemun achitti du'u himu Obbo Baqqalaan.

Yeroo sanas, Laggasaan ''Ani bakka Getaachoon gahe kana osoo hin geenye hin hafu,'' naan jedhe jechuun yaadatu.

Haati warraa Obbo Laggasaa yeroo ammaa ijoollee isaanii waliin biyya Awuroopaa kan jiratan yoo ta'u, abbaa warraasanii waan gaariin yaadatu.

''Laggasaan nama fageesse yaadu ture. Nama nama dhagahuufi kan dubbachuuf hin jarjarre ture. Waan yaade raawwachuu akka qabu yaada ture. Waan yaade osoo hin raawwatin hin dhiisu.''

Ijoolleen Afaan Oromoo beeku?

Ijoolleen Obbo Laggasaas ta'e haati warraa isaanii Afaan Oromoo hin dubbatan. Kunis sababii daa'imman yeroo dheeraaf Laggasaa waliin hin jiraannef akka afaan baruu dadhaban himu Aadde Wayinisheet.

''Yeroos baay'ee daa'ima turan. Yoo bilbilaan ta'e malee isa hin beekaniin jechuun danda'ama'' jedhu.

''Isheen guddoo isa yaadatti. Intalli lammataa ammoo yoo sana harma hooti turte. Ishee sadaffaa immoo ulfan ture,'' jechuun himu.

Laggasaan gara qabsootti kan dabalame osoo isheen sadaffaa, Nastaannat, hin dhalatiin ture jedhu.

'Erga qabsoo seene boodas maqaa ishee barreesse mucaan dhalatu dhiiras ta'e dubara maqaa Natsaannat jechuun moggaasi jedhee xalayaa natti erge,' jedhan.

''Dubbachuu hin jaalatu, yeroo baay'ee callisa,'' kan jedhan Aadde Wayinisheeti, turtii gaa'elaa waggaa shaniif turan keessatti Obbo Laggasaan dhimma siyaasaa mana keessa haasa'a ture jedhu.

''Waan ta'u maraan nama gammachuu qabu hin turre. Hin aaraafi gadda ture. Gara qabsootti akka seenu qabu darbee darbee natti dubbata ture.''

Gaafa Laggasaan manaa bahe

Laggasaan manaa kan bahe ALI bara 1982 baatii Muddee tibba xumura Dargiiti ture jedhu. Magaalaa Finfinnee keessa yeroo turettis maandheedhaan ijaaramuu isaa wanti beekamu hin jiru.

''Muddee 23 manaa bahe ayyaana Gannaaf [Qillee] nan deebi'a jedhee ture. Ayyaana Gannaaf [Cuuphaa] qophofnee osoo isa eegnu hin dhufiin hafe.''

Wayita manaa baheettis qabsoof akka imalu hin dubbane. 'Osoo hin dubbatiin manaa bahe' jechuun ibsu maatiin. Daldalaaf gara Wallaggaa akka deemaniifi ayyaana Qilleef akka deebi'an hime jedhu.

Maatiin isaa gurra qeensaa wayita eegaa turan sanatti haatiifi abbaan isaa bakka dhaloota isaa Aanaa Shinoorraa ka'un ''gara ji'a tokko ykn ji'a lamaa suuraa isaa qabatanii barbaadanii dhabuun deebii'anii dhufan.''

Yeroos konkolaataan itti demaa ture rukutame, kuun ammoo du'eera waan jedhamee malee achi buuteen Laggasaa hin dhabame turre.

Xalayaa sa'aatii harkaa waliin ergamte

Laggasaan manaa bahe ji'a muraasa booda maatiif xalayaa erge. Xalayaan sunis Laggasaan lubbuun akka jiru kan mirkaneesse ture.

''Ani dahe ji'a lammaffaatti gara qabsoo akka seene sa'aatii harkaa saa waliin xalayaa naaf erge.''

Xalayaan kuni hanga yeroo dhihootti na harka ture jedhu Aadde Wayinisheet. Xalayichis ''Gara qabsoo seeneera. Yoo fedha Waaqaa ta'e injifannoon deebiina. Kadhannaakeetiin na yaadadhu,'' jedha ture jedhu.

''Booda keessas darbee darbee xalayaa ergaa ture. Bilbila ollaatiinis ni bilbila ture. Boodarra garuu waggoota dheeraaf bade. Nutis sagalee isaa waan dhabnef abdii kunne'' jedhu haati warraasaa.

Image copyright Bilisumma Legese

Ergasiin waggaa 16 booda nuuf bilbile kan jedhan Aaddee Wayinisheeti, ''Waggaa 16 erga guute booda yeroo nuti hin eegneen bilbillaan amanuu hin dandeenye. Baay'ee gammadne!''jedhu.

''Wayita karaa bilbila ollaatiin nuuf bilbiluttis, nan galaa osoo hintaane, jabaadhu ijoollee guddisi,'' qofa jedha ture.

''Ijoolleekoo ummata Oromoof adaraa kenneera. Aadaa isaanii barsiisanii haa guddisan. Waaqayyoof adaraa kenneera naan jedha ture.''

Yeroo kana garuu ijoolleen isaa of baranii turan. Kanaaf, gaaffii kana dura inni dhagahee hin beekne gaafatu eegaluu himu haati warraasaa kun.

''Erga bilbilaan wal arguu eegalle booda hin dhuftuu jedhanii bilbilaan yeroo isaan dubbisu ni boo'u ture. Innimmoo ijoolleetti dhugaa isaa himi. Ani adaraa ummataa dhiise dhufuu hin danda'u. Ijoolleekoo adaraa namatti kenneera jedhiini. Dhugaa isaa itti himi,'' jedha ture jedhu.

Laggasaan attamiin du'ee?

Laggasaan du'unsaa dhagahuu isaatiin dura garuu maatiitti waan dubbate qabaachu haatii warraa isaan ni yaadatu.

''Bakka qabsooti bahi jedhameera jedhee xumura irratti akka hafe natti hime. Maal jennaan Waardiyyaakoo waliin taanee yeroo baanu irraafi jalaan waan nutti dhuka'eef bahuu hin dandeenye. Waardiyyoonnikoo dahoo naaf ta'aa turan baay'e wareegaman.

''Anaafi waardiyyoonni muraasni hafne gara mishigitti deebineerra. Waaqayyoon lubbuukoo yoomiif akka naaf tursu hin beeku,'' jechuun dubbachuu isaa haati warraa ni yaadatu.

Laggasaan kana kan haadha warraatti dubbatan A.L.I baatii Adoolessaa bara 2,000 keessa ture. Akkasumas dutii isaa osoo hin dhagahamiin torban tokko yookin lama dura bilbilaan waliin dubbattee akka turte immoo intalti isaa hangafaa Bilisummaan BBC'tti himte jirti.

Ragaadhaan mirkaneessuun danda'amulleen tarii yeroon kuni, yeroo itti MM Abiy akka of baraaru kan ergaa dhaaba ABO'tti erganiifi Laggasaan murtii ofiitiin of baraaru dhabe ta'uu mala.

Maatiin Obbo Laggasaa du'aa isaa akkuuma lammii gara biraa televijiniirraa dhagahu isaanii himu. ''A.L.I Onkololeessa 26 barii du'ee boromtaa isaa gaafa 27 oduu galgalaa irratti himame,'' jechuun himu Aadde Wayinisheet.

Akkaataa ajjeefama isaarratti seenaan televijinii mootummaa gubbaatti himameefi odeeffannon dhaabni qabu akka wal fakkaatu qondaalli dhaabichaa BBC'tti himanii turan.

'Gadda Keeniyaatti taa'ame'

Akkuma bara san tureetti namni; keessumaa kan mootummaa waraanu yoo du'etti akka aadaatti gadda taa'un waan yaadamu hin turre. Firris dhufee gadda taa'uu hin danda'u ture.

Magaalaa Finfinneettis kanumatu ta'e. ''Boo'us hin dandeenye. Baay'ee ulfaata ture,'' jedhu haati warraa yeroo dubbatan.

Gaddi kan dhorkame achi qofaatti hin turre, qe'ee warraattis akka dhorkamee ture obboleessi isaanii Obbo Baqqalaan ni himu.

''Akka hin boonye immoo yoggas ni dhowwame. Garaadhuma keenyatti gaddine malee eenyumtu baafate hin gaddine.''

Egaa biyyaa bahuuf kan yaadan ergasii booda akka ture himu.

Maatiin Obbo Laggasaa Finfinneetti dhiisuun gara qabsootti makaman magaalaa guddoo keesstti bilisummaa dhabuun ija shakkiin ilaalamaa akka turn dubbatu.

''Jireenya hawaasummaa irraa kan qollifamne turre,'' jedhu Aaddee Wayinisheeti. Kan caalaa itti cime ammo erga gadda ibsachuu dhaabni booda akka ta'e himu.

Isan boodas gargaarsa namootaan gara biyya Keeniyaatti bahuun, achitti gaddaaf taa'u himu.

'Ollaan haadha warraa shiftaa naan jedha ture'

Poolisoonni mana dhufe sakatta'anii beeku kan jedhan haati warraa isaa, 'Chaappaan tokko isin bira jira' jechuun haadhaafi intalli hangafaa waajjira poolisii yeroo geeffaman akka tures ni yaadatu.

''Inumaa ishee guddoo yeroo tokko loltuun mana seene rebeera,'' jechuun himu. Egaa kana booda ture intalli hangafaa, Bilisummaan biyyaa bahuf kan murteessite.

''Ijoollee qofaa guddisuun baay'ee ni ulfaata. Abbaa warraa ijoollummaakoon dhabe baay'ee ni ulfaata. Gootummaa isaatiin bonus natti ulfaateen guyyaa sana dabarse,'' jechuun qofaa ijoollee guddisuun akka ulfaataa ta'e dubbatu.

Midiyaarratti yoo gabaafamu malee yeroo sanatti hammana maqaa guddaa horachuu isaatiif quba akka hinqbne himu haati warraasa.

Image copyright Bilisumma Legese

''Karaa dhaabaan namni na arge jiraachu baatuus, Oromoonni garuu qaamaanis na simataniiru, na deeggarus. Ammas anaaf akka obboleessa ta'anii, ijoolleekoof ammoo akka abbaa ta'ani jiru,'' jechuun galateeffatu.

''Gootummaa isaatti gammachuun qaba. Du'eeras hin jedhu'' jedhan. Haa ta'u malee ollaan ''haadha warraa shiftaa naan jedhu ture. Jireenya hawaasummaa irraa qollifamneerra. Ani gara caalu yeroo koo kanin dabarsu bataskaanatti ture. Jireenya kootti gammachuu hin qabun ture,'' jechuun haala keessa itti darban himu.

''Haatiifi abbaan isaallee akkuma bahetti hafuusaatti gaddu ture. Gadda isaarraan kan ka'es walitti aansani kan boqotani. Yeroo hunda isa yaadatu turan,'' jedhu Aadde Wayinisheet.

Laggasaan ammoo waa'ee du'a maatii isaa osoo hin dhagahin du'uu isaa himu.

Laggasaafi Bilisummaa

Bilisummaan intala hangafaa Laggasaati. Ijoollee sadan keessaa kan xiqqoo Laggasaa yaadattu ishee qofa. Wayita ammaa kanattis nama umuriin waggaa 33 yoo taa'u, ijoollee sadi akka godhatte BBC'tti himte jirti.

Bilisummaan obboleeyyan ishee kaan caalaa Laggasaa kan yaadattu qofa osoo hin taane, erga guddattes bilbilaan yeroo hedduu isa dubbisaa akka turte himti.

''Waa'ee abbaakoo baay'ee kanin bare ergan ani biyyaa ba'e boodadha'' jettt Bilisummaan.

''Mana barumsaattis abbaankee shiftaadha naan jedhu'' kan jettu Bilisummaan yeroo tokko Afaan Oromoo barachuuf galmaa'un isaanii dubbichaa akka hammeesse dubbatti.

''Booda keessa jireenya keenyas ta'ee, isaanin mo'un nutti ulfaataa dhufe,'' kan jettu Bilisummaan, sababa kanaaf waggoota 13 dura biyya gadhiiste akka baate himti.

Imalli ishee garuu dheeraa ture: Sudaan, Liibiyaa, gammoojjii Sahaaraa keessa qaxxaamuruun gara Awurooppaatti ceete.

'Abbaa Fiixaa'

Abbaa Fiixaan nama guddaadha. Nama ergamas qabaniidha. Namni kun nama Laggasaan ergatudha, akka maatiin jedhanitti.

''Dhokatanii galgala keessa dhufanii ergaa nutti himu, xalayaas nuuf kennu ture. Suuraa keenya geessaniif, suura isaa nuuf fidu ture,'' jechuun ibsiti Bilisummaan.

Goodayyaa suuraa Obboleettii Laggasaa Wagii Aadde Itaafarraa Wagii (bitaa) fi Obbo Baqqalaa Wagii (mirga) sagantaa tibbana magaalaa Amboo qophaa'e irratti affeeramanii ture

Wayita waa nu fidaniittisa nu biraas waa fuudhanii deemu ture kan jetti Bilisummaan, dura garuu dargaggeessi biraas odeeffannoo biraa Abbaa Fiixaa bira gaha ture jetti.

''Yeroo hundaa erga dukkanaa'e booda dhokatanii mana erga seenanii booda baay'eedhuma hin turan. Isaan alattis nama hin amanani ture.''

Booda garuu akka hordofaman erga baranii booda akka hin deebine dhaamanii achumaan hafan. Dhimma kanas akka hin dubbannes maatii akeekkachiisan turan.

Bilisummaan ammallee ta'u Abbaa Fiixaatiif umurii dheeratee osoo isaan agarte jaalatti. Abbaa Fiixaa caalaa ammoo osoo caroomtee abbaa ishee si'a takkichaaf illeen ijaan agartee baayyee feeti turte.

''Gootummaa, seenaa fi waan inni raawwate maraan baay'een boona. Garuu, osoon guyyaa tokkichaafillee ijaan isa arge maal ta'a kan jedhu nan yaada ture,'' jechuun dubbatti gaabbiiBilisummaan waa'ee abbaashee yeroo daa'ima turte dhabde yoo dubbattu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata