Dr.Mohaammad Abbaa olii: 'Bu'aa qorannoo biyya biraa geessuurra kan biyya biroo fiduun barbaada'

Madda suuraa, MOHAMMED ABAOLI
Mohaammad Abbaa'oolii
Dr. Mohaammad Abbaa'oolii jaarmiyaa sadarkaa baasuufi ramaduurratti hojjetu International Agency for Standards and Rating jedhamu dorgomsiisurratti qorannoo biqilootarratti hojjateen milkaa'uun, dorgomtoota sadarkaa idil-addunyaatti hojii walfakkaaturratti bobba'an biyyoota garagaraa 90 irraa walitti dhufan dursuun tokkoffaa baheera.
Akkamiin badhaasa kanaaf qaqqabe? Dorgommiin irratti mo'ate kun akkam ture? gaaffilee jedhaniifi barumsaafi jireenyaasaa ilaalchisuun BBC waliin turtii taasiseen deebiseera.
Haala guddinnaafi Barnootaasaa
Dr. Mohaammad Abbaa'oolii godina Jimmaa aanaa Geeratti dhalatee guddate. Barnoota sadarkaa tokkoffaa Geeratti barate; barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Aggaarotti barate.
Barnoota ol'aanaaf gara yunvarsiitii Hawaasaa deemuun digiriisaa jalqabaafi lammaaffaa walduraa duuban achumatti barate xumure.
Bara 2011'tti yunivarsiitii Miizaan Teeppiitti barsiisummaan akka ramadame kan himu Dr. Mohaammad, turtii waggaa afurii booda barnoota PhD'tiif gara Tarkii imale.
Barnoota PhD waggoota lamaaf erga baratee booda qorannoosaa geeggessuuf ammoo gara Jarman deemuun qorannoosaaf waggoota lamaan biroo Jarman turuu dubbata Dr. Mohaammad.
Hayyuun kun qorannoo isaa biqilootarratti gaggeesse qabatamaan hojiitti hiikuun rakkoo furuufis gara biyyaatti deebi'uu dubbata.
"Biyyatti kanan deebi'eef piroojektootaa dhaabbanni World Academy of Science, Engineering and Technology fi Endling Scientific Merits of America akka biyya keessatti hojjadhuuf hayyama waan naa kennaniif ture kana gara biyyaa deebi'e," jedha Dr. Mohaammed Abbaa'oolii.
Badhaasichi maal ture?
Dhaabbanni dorgommii kana qopheesse Dhaabbata Qulqullinaafi Sadarkaa Addunyaa yookiin International Agency for Standards and Rating jedhama.
Dhaabbatichiis dorgommii bara 2019'f bu'aalee qorannoo 5,287 qorattoota biyyoota 90 dorgomsiisuun bu'aa qorannoo tokko keessaa filachuun badhaase jedha Dr. Mohaammad yeroo haala dorgommichaa ibsu.
''Dhaabbanni Qulqullinnaafi Sadarkaa Addunyaas ragaafi bu'aalee qorannoo kiyyaa akka addunyaatti dorgommiidhaaf dhiheessuudhaan kan badhaasa naaf kennan. Badhaasni kunis waancaadha."
''Addunyaarratti namoonni badhaasa akkanaa badhaafaman piroojektoota adda addaa, wixinee gurguddoofi hojiilee sadarkaa addunyaatti barbaadaman kallattiidhaan akka hirmaataniif beekamtii kennuudhaaf fayyada'' jedha Dr. Mohaammad Abbaa'oolii.
Faayidaan badhaasichaa kan biroon: "Namni kun biyya ofiitiifi addunyaadhaaf waan gahaa ta'e hojjachuu danda'aa jechuun beekamtii idil-addunyaa kenname ta'uu isaatiis jedha.
Namoonni dhuunfaa yookiin dhaabbileen idil-addunyaa yeroo qorattoota dhimma kanarratti hojjatan barbaadan haal duree tokko malee dursi akka kennamuuf taasifamuunis bu'aalee dorgommii kanarratti hirmaachuufi injifachuun qabudha.
Qorannoon badhaasaaf si gahe maal irratti xiyyeeffata?
Qorannoon inni gaggeessee qabiiyyee adda addaa of keessatti qabaachuu isaa kan dubbatu Dr. Mohaammad, dorgommii sanarratti dhiheesse qorannoo biqilootarratti hojjate ta'uu yaadata.
"lafa bosonaa gara qonnaatti yoo jijjiiramu akkamitti yeroo dheeraaf bu'a qabeessa ta'u danda'a'' kan jedhurratti xiyyeefata.
Haalli itti fayyadama lafaa kun akkamitti jijjiirama haala qilleensaatiin wal simuu akka danda'uu, biqiloota akkamii lafa sanirratti yoo dhaabaman itti fayyadama lafaa yeroo dheeraaf bu'a qabeessa taasisuun danda'amurratti, " jedha Dr.Mohaammad.
Kan biraa ammoo naannoolee biyya keenyatti yeroo hedduu rakkina uumamaan kan dhufeen haala ashabaawaa biyyoon itti jijjiiramaa dhufeedha.
Hongee biyya keenyatti babal'achaa jiru salphisuudhaaf yookiin ammoo ariitii ittiin deemaa jiru hir'isuudhaaf biqiloota akkamiitu naannoo sanitti dhaabamee dandamachuu danda'a kan jedhu irratti qorannoon isaa akka fuulleffate ibsa Dr.Mohaammad.
Qorannoon kun hawaasa biyyaaaf maal fayyada?
"Osoo qorannoo kiyya hojiirra oolchee jijjiirama haala qilleensaarratti bu'aa gaarii argamsiisuu danda'a. Yeroo ammaa biyyoon biyya keenyaa baay'ee miidhamee jira. Kanarraa kan ka'e omishtummaansaa gad bu'ee jira.''
Kanaaf, osoo qorannoo kiyya biyya kiyyatti hojiirra oolchee biyyoo miidhame kana yeroo gabaabaa keessatti akka dandamatu ni gargaara," jedha qorataan kun.
Fakkeenyaaf, lafa gogaa kan akka Booranaa, Gujii, Somaalee, Affaar fa'aa keessatti biqiloota lafa ho'aa akkasiirratti dhaabuun lafti sun akka dandamatu godhan waan hojjeteef qabatamaan lafarratti bu'aasaanii arguun ni danda'ama jedha Dr. Mohaammad.
Dr. Mohaammad , qorannoo isaa hojiirra oolchuu keessatti rakkoon akka isa mudate dubbata.
"Biyya kiyyatti hojiirra oolchuuf deemus qaamni deebii gahaa naaf kenne hin jiru. Qaamni waraqaa qorannoo kiyya akka hojiirra oolchuuf na gargaare hin jiru. Sababuma kanaaf, hojii tokko malee ji'oota saddeetiif biyya ture."
Karooraa gara fuulduraa
Galmi bu'aa qorannoo isaa ammallee rakkoo biyya jiru qabatamaan furuu ta'uu kan dubbatu Dr. Mahaammand, osoo danda'ee korawwan biyya keessatti qorattoonni idil-addunyaa irratti argamuun qorannoo isaanii dhiyeessaniif haala mijeessuun bu'aan qorannoo rakkoo furan gara biyya akka dhufan gochuu barbaada.
"Nuti bu'aa qorannoo keenya dhiyeessuuf jennee biyya biraa deemuurra qorattoonni bu'aa qorannoosaanii dhiyeessuuf akka gara biyya keenyaatti dhufan gochuu barbaada," jedhe Dr.Mohaammad karoorsaa gara fulduraa yoo BBC'tti himu.