Qalbii gaddaan cabe sooruu: Nyaanni attamiin gaddarratti nama gargaaraa?

Balbala duraa 'casserole' Image copyright Katie Horwich

Maatii keessaa firri wayita du'uutti nyaata soorachuun gaddaaf nama gargaaraa laata?

Gadda booda nyaanni madaalawaan baay'ee gaariidha. Garuu ammoo gaddaan wal qabatee fedhii nyaataa dhabuun kan barameedha.

Haalli nyaataaf fedhii dhabu kunis Lindsaay Ostaarom kan biyya Ameerikaa Minesotaa jiraattu mudateera. Isheenis mucaashee Aftoon ulfa baatii shaniifi walakkaa taatee osoo jirtuu turte kan isa deesse. Guyyaa itti aanus mucaan ishee jalaa du'e.

Duuti mucaa ishee kunis qaamaafi xin-sammuudhaan baayyee ishee miidheen. Yeroo tokko tokkoos halkan fa'i osoo boossuu dabarsuun nyaata lagatti turte.

''Wantin ani yaadaa ture waa'ee mucaa kiyyaafi du'atiin isaa jireenya keenyaaf maal jechuu akka ta'e qofaa ture. Nyaataaf fedhii hinqabuun ture'' jetti.

Garuu Aadde Ostaarom dhaaf nyaanni oggummaa isheeti- isheenis biloogii intarneetii gubbaa irratti barreessan 'Apinch of Yum' jedhamu qabdi turte.

Biloogii ishee kanarrattis attamiin nyaataaf fedhii akka dhabdeef, gaddicha malees nyaanni garaacha ishee keessatti eddoo akka hinqabne ibsitee turte.

''Nyaanni duri jaalatamaa ture amma gutummaa gutuutti cufameera,'' jetti.

''Ani duraan nama nyaatawwan mi'eessitufi dhama qaban nyaachuun jaalatuun ture. Amma garuu hundumtii hinjiru. Dinnicha duwwaasaa fi daabboo adii dhadhaattiin nyaadha.''

Image copyright A Pinch of Yum

"Innis nuuf sarara jireenyaa ture'' jetti. Anis ''yeroo tokkotti mee saa'inaa tokko yaa nyaannuun jedha ture. Kunis akka waan na jajabeessuun gara jireenyaatti na deebiisuutti ilaala ture. Ani garuu akka nama lubbuun jiruufi jiraachu barbaaduun fakkaadha ture.''

Aadde Ostaarom nyaanni baayyee salphaa ta'an kunneen attam akka barbaachisaa ta'an hubattee jirti. Isheenis nyaata qalbii gaddaan cabee fooyyeesseef kana biloogii irratti maxxansuu eegalte.

Haashtaagii '#feedingabrokenheart' jedhun fakkiiwwan nyaataa akka gaddarraa bayyanatan nama gargaaran miidiyaa hawaasummaa inistaagiraama gubbaa maxxansite.

Image copyright Instagram

Guyyoota gaddaa jalqabaarratti sammuufi qaamni keenya mogutii hedduu keessa waan galuuf nyaataaf fedhii dhabna jetti, Lisaa Shulmaan Ameerikaa, Yunivarsitii Meriilaandiitti pirofeesara Niiyorolojii kan taate.

Pirofeeesar Shulmaan hospitaala keessa waan hojjattuuf waan hundaa beektulleen, mataanshe wayita abbaan warraa ishee Biil du'aniitti rakkina walfakkaatu keessa dabarte jirti. Kanarraa ka'uunis kitaaba mata duree 'Grfief and teh brain' jedhu barreessite jirti.

Isheenis dhiibbaa gaddii qaama irratti qabaatuufi attamiin nyaannii akka gargaaru baruu barbaade.

Wayita gaddaafi naasuu keessa galuutti, sammuun akka eegduu nageenyaatti hojjachuun, wantoota miidhaa qaban cufuun kana hubachu dandeenyu qofti gara sammuu keessa akka galu taasisa.

''Wayita gaddinuutti, akka waan uffata halkanii ykn nuufi naannoo jidduu eddoon jiruutti sammuun keenya kan hojjatu,'' jetti.

Bayyanachuuf ammoo waljalaan yaadannoowwan gaarii sana yaadachuu barbaachisa, jetti Pirof. Shulmaan. Kana keessatti ammoo nyaanni gahee olaanaa qabaata.

''Jijjirama fiduudhaafis, nyaanni akka nu gargaaruuf fayyadamu dandeenya,'' jetti. ''Nyaatawwan gaariifi kan yaadannoo gaarii natti dhageessisuu danda'an irrattin xiyyeefadhe. Ofii kiyyatti dubbachuunis, ajajawwan nyaataa abbaan warraa kiyya fayyadamaa tureen barbaachuun eegale. Innis baayyee na gargaare.''

Image copyright Katie Horwich

Tibba abbaan Amii du'aniittis, waggoota muraasa dura nyaata soorachuun haala ittiin itti maxxanu taa'eef ture. Innis baqataa Jiwiishi-kan warra Roomaa yoo ta'u, akka arkitektii kan hojjatuufi garuu daldala gaarii gaggeessa ture.

Nyaatawwan hunda caalaa qullubbii dheedhiin kanneen yaadannoo qaban keessaa tokko. "Innis waan hundarratti facaasaa ture'' jedha Amiin.

Dhama isaa jaalachuu baattuulleen torbaniitti yeroo hedduu qullubbii nyaachuu eegalte. "Bakka isaatiin nyaadhaaf'' jetti.

Nyaanni ishee barmaatilee ta'eef. Yaadni karaa nyaataatiin nama du'een walitti hidhamu kunis yaada haaraadha. Roomaa durii keessatti, fakkeenyaaf, namoonni firri jalaa du'ee akka nyaataafi dhugaatii karaa qaawwa awwaalchaatiin afaan nama du'eetti itti kennamuun awaalcha ijaaru ture.

Hinduus ammoo guyyoota gaddaa 12 keessatti nyaata kuduraa qofaa sooratu. Jaappaaniitti ammoo, jiddugalli sirnaa nama du'e suuraa kaasuu yoo ta'u, ruuziin sahaanii gutuus fallaana waliin ni dhihaata.

Biyya Meeksikootti ammoo, nyaata gabbataa kan akka mi'aawaa fi madaalawaan guyyaa gaddaa sagal keessatti waan dhiyaatuudha.

Yunivarsitii Amantaa Baayloorii kan Teksaas argamu keessaatti Pirofeesarri gargaaraan Kaandi akka jedhuutti, nyaata namoota du'aniif aadaan geeffamu kan biyyoota akka Chaayinaa ammaan tana haaromfamaa jira.

''Achittis nyaatawwan akka burtukaanaa, anaanaasii fi foon kuduraan affeelame geessuun kan barameedha. Garuu ammoo nyaata Ameerikaa kan akka waaddii Fireenchii, ciree fa'i arguun kan barameedha,'' jedhu.

''Yeroo tokko tokko ammoo namoonni ni nyaatu. Hojjattoonni bakka awwaalchaa ammoo dhaquun qulqulleessu.''

Aaadaan akkasii kunis addunyaa warra bahaa biratti baayyee kan barame miti- garuu ammoo Ameerikaa Kibbaatti nyaata 'casserole' jedhamuun bakka bu'a.

"Nyaanni kunis wayita namni du'ee sun gaggeefamuutti kan qoodamuudha. ''Yaadni gocha kanaas yeroo hunda nyaata qoodamu jiraachuu saafi bakka namni du'ee sun lubbuun hinjiraanneetti hawaasa naannichaa waliin walitti dhufeenya uummachuufiidha.''

Akkasumas namoonni du'aan nu biraa deeman yoo waan isaan jaalatan nyaachuu yeroo hunda yaadannoon nyaata jaalatanii maatii waliin akka turu taasisa jedha.

Hunduu baayyee gadduun akka waan fudhatamaatti kan ilaalamu ta'u himu Pirofeesar Kaan.

Itti dabaluunis, namoonni akka nyaataa barmaatilee mataasanii umattaniifi walitti dhufeenya namoota du'an waliin qaban akka cimfataniif daandii saaquurra, carraa ittiin fayyan dhiyyeessuu wayyaa jechuun gorsu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata