Nabaad: TV walitti bu’insi naannolee Somaaleefi Oromiyaa akka hundaa’uuf sababa ta’eef

Filsan Abdullaahii Ahimad
Ibsa waa'ee suuraa,

Filsan Abdullaahii Ahimad

Filsan Abdullaahii Ahimad kan dhalatte maatii Somaaleerraa Jigjigaatti yoo ta'u, guddinnishee garuu Finfinneedha. Barnoota sadarkaa ol'aanaashee immoo Ingiliizitti xumurte.

Waggoota muraasa dura walitti bu'insa dhalattoota Oromoofi Somaalee jiddutti uumameen lubbuun namoota hedduu darbuunsaa akka ishee gaddisiisu Filsan ni dubbatti.

Keessumaayyuu Adoolessa 27 bara 2010 hokkora naannoo Somaaleetti uumameen lubbuun namoota hedduunsaatiin booda hawaasa tasgabbeessuufi garas imaluushee ni dubbatti.

Walitti bu'iinsa ummattoota lamaan jiddutti uumame tasgabbeessuufi dargaggoota dhalattoota Oromoofi Somaalee 300 ol ta'an waliin 'Waltajjii dhiifamaafi tokkummaa' qopheessaa akka turte Filsan ni himti.

Finfinneefi Jigjigaatti akkasumas magaalota isaan daangeessan keessatti waltajjii marii hawaasaa waliin karaa rakkoolee uumaman ittiin hiikan qopheessuushee kan dubbattu Filsan; "Itoophiyaa guddoo keessatti Oromiyaafi Somaalee xiqqoo qabannee ture kan sochoo'un" jetti.

Waltajjiisheen ummattoota lamaan walitti fiduuf hojjachaa turte irratti dargaggoonni hirmaatan fedhii isaaniitiin akka ta'e Filsan BBC'tti himteetti.

Yeroosanitti waltajjii garagaraa magaalota adda addaa keessatti qopheessuf yaaddoo nageenyaa ture ilaalcha keessa galchuun "waan hojjanne deebi'ee yoon yaaddadhu irra deebi'ee hojjadha jedhee hin yaadu" kan jettu Filsan; bu'aa barbaadame fiduu danda'uusaa akkashee gammachiisu ni dubbatti.

Yeroo ammatti magaalota daangaa naannolee lamaan jiddutti argaman keessatti nageenyi bu'ee arguun; 'Nageenyi kun akka dhufuuf gahee nuti baane xiqqaa miti' jechuun ofiisheetti akka himtu dubbatti Filsan.

"Sababiin walitti bu'iinsaa hanqina odeeffannooti"

Walitti bu'iinsa ummattoota obbolaa ta'an ummata Oromoofi Somaalee giddutti uumameef rakkoo kan ta'an keessa tokko hanqina odeeffannoon gahaa ta'e jiraachuu dhabuusaati jetti.

Rakkoo kanaaf furmaata ta'a jechuun biyya jiraattu Ingiliiz irraa gara Jigjigaatti deebi'uun odeeffannoo sirrii ta'e hawaasaa biraan gahuuf buufata televizhiinii hundeessuuf akka murteessite ni dubbatti.

"Naannoo Somaaleef wantoota barbaachisan keessa tokko miidiyaadha. Naannoo kanatti hanqinna odeeffannoo guddaatu jira.Miidiyaan jiru tokko; innis kan mootummaan buludha" jetti Filsan.

Miidiyaa ummataaf dhaabbateefi ummanni kan irratti dubbatu hundeessuuf murteessite TV 'Nabaad' banuuf jetti Filsan

'Nabaad' Afaan Somaaleetiin nagaa jechuudha. Buufanni televizhiinii kunis afaan Somaaleetiin tamsaasa isaa jalqabuuf ji'oonni muraasni hafanis har'a Muddee 11 garuu eebbifameera.

Buufata TV kana banuun salphaa akka hin turre kan ibsitu Filsan; bu'aa bayii ture garuu buufata kana hundeessuurra akka ishee hin daangessinne dubbatti.

"Buufata TV kana hundeessuuf namootarraa gargaarsaafi gorsa argachuuf yeroo deemu miidiyaa 'mootummaan harka keessa hin qabnedha' yaada jedhu fudhachuun itti ulfaatee ture jetti.

"Kan dhuunfaati; kan keessan. Buufata rakkinna keessan ittiin himataniidha. Mootummaan isin dhagaha jedhee itti himuun yeroo natti fudhateera", jetti Filsan.

Kanaan dabalatatti hundeeffamasaarraa ka'ee bu'a bayiin maallaqa walitti sassaabuufi humna namaa fiduun qormaata salphaa jedhamu akka hin taane ni ibsti.

"Dhumarratti garuu hundeeffamee arguu kiyyaan gammachuu guddaa natti uumeera. Nabaad buufataalee miidiyaa naannicha keessa jiran keessaa miidiyaa dhuunfaa ta'uun kan jalqabaa yoo ta'u; anis immoo shamarree jalqabaa honggantuu buufata TV ta'uu kiyyaan baay'ee gammada".

Buufanni tamsaasa isaa afaan Somaaleetiin jalqabe kun oduufi sagantaalee bashannansiisoo kan qabuufi kaayyoosaa guddaan ummattoota walitti fiduu akka ta'e Filsan ni himti.

'Hirmaannaa Somaalotaa siyaasa Itoophiyaa keessatti'

Filsan akka jettutti hirmaannaa dhalattoota Somaalee siyaasa Itoophiyaa keessatti jiru xiqqaadha jetti.

Kunis immoo dhalattoota naannichaa biratti miira tajaajilummaa akka uume himti.

"Namoota heddu biratti yaada 'Ani Itoophiyaadha' jedhu fudhachuu dhabuutu jira," kan jettu Filsan; mootummaan hamma gadiitti miira akkanaa kana jijjiiruuf hojjachuu qaba jetti.

"Hayyoota Somaaleerra darbee Itoophiyaaf bu'aa buusuu danda'an heddutu jiru. Haalli isaan hirmaachisu jiraachuu qaba,"jetti Filsan.