Mikeel Artetaa: Arsenaal leenjisuuf walii galtee mallateesse

Madda suuraa, Getty Images
Mikeel Arteetaa
Lammii Ispeen kan ta'eefi, Arsenaaliifi Evartaniif taphataa sarara gidduu kan ture ga'eessi ganna 37 kan ta'e Mikeel Arteetaa, leenjisaa Arsenaal ta'uun waliigaltee mallateesse.
Waligalteen isaa kanarati kontiraataa waggaa sadii mallateesseera.
"Taphaa kana keessatti badhaasa isa guddaaf dorgomuu qabna," jedha Arteetaan.
"Kana gochuuf immoo hojiin bayyee akka barbaachisu beekna garuu galma kana bira akka geenyu ammoo amantaa qaba," jedha Arteetaan dabaluun.
"Halkan tokkotti kun akka hin taane beeka, garuu gartuun amma jiru dandeetti hedduu qaba, dabalataaniis taphatoota dargaggoo hedduu mana baruumsaa keenyaa keessa dhufaa jiran qabna."
Arteetaan Siitiitti Gaardiyoolaaf itti aanaa ta'uun bara 2016 irraa eegaluun hojjaachaa tureera.
Gaardiyoolaanis "Hojii bayyee gaarii akkannii hojjetu shakkii hin qabu," jedha
Nama bakka Arteeta bu'urratti Gaardiyoolaan "Namootuma amma jiran waliin fufna."
"Arsenaal isaaf barbaachisaa ture. Hojii isaa achitti dhaabee, isaanis biyyittii keessatti gartuu gurguddoo keessa tokko. Milkaa'inan hawwaafi," jedha.
Amala Arsenaal irratti warrii Ciitii aaranii jiranis Artetaan leenjisaa duraa Sadaasa hojiirraa ari'ame Unaayi Emerii akka bakka hin buune gochuu hin danda'ani.
Tapha dirree Eemireetsitti Dilbata gaggeeffame irratti wal arganii turanis Arsenaal fedhii Arteta irra qabu ifa hin goone.
Saatii dheeraa booda hogganaan olaanaa Vinayi Venketesham mana Arteeta duratti argameera.
Kanaaf beenyaan maallaqaa guddaa ni kennama.