Ijoolleen Jaappan hedduun maaliif mana barnootaa deemuu diduu?

Ijoolleen mana barnootaa keessatti taphachaa Image copyright Stephane Bureau du Colombier

Jaappan keessatti ijoolleen hedduun mana barumsaa deemuu hin fedhan. Haalli kun ammoo jecha biyya sanaatiin "futoko" jedhamuun beekama.

Lakkofsi ijoollee mana barnootaa deemuu didan baayataa dhufusaatiin maatiin barattoota rakkinni kun kan ijoollee osoo hin taane kan sirna barnootatii jechuun gaafataa jiru.

Daa'imni waggaa 10 Yuutoo Itoon maatiisaatti gara mana barnootaa deemuu akka hin barbaannee iiti himeera.

Ji'oota hedduuf gara mana barnootaasa dhiibbaadhaan deemaa ture, yeroo hedduu deemu hin fedhu ture. Innis baratoota biroo wajjiin waldhaba ture.

Achii booda maatiin isaas filannoo sadii qabu turan: Yuutoon mana barnootaatti gorsa yoo argate wantoonni jiran akka fooyya'an, manatti akka baratu taasisuu yookiin gara mana barnoota bilisaatti erguu. Isaanis filannoo sadaffaa filatan.

Yuutoon amma guyyoota barumsa isaa waan fedhu hojjata - innis amma baay'ee gammachuu qaba.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Barattoota sadarkaa tokkoffaa Jaappan

Yuutoon barattoota hedduu 'futoko' ta'an keessa isa tokko. Kunis jecha ministirri barnootaa Jaappan jecha yeroo barattoonni guyyoota 30'f sababa dhukkuba yookiin rakkinna diinagdeetiin ala mana barnootaarra hafaniif fayyadamuudha.

Jechi asiin dura akka mana barnootaarraa hafuu, dhibbaa mana barnootaa yookiin mana barnootaa deemuuf fedhii dhabuutti hiikkama ture.

Onkololeessa 17 2018, mootummaan haftee barattoota manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa ol'aanaa akka ture ibseera. Haaluma kanaan ijoolleen 164,528 guyyoota 30'f mana barnootaarraa hafaniiru yookiin achii ol; bara 2017 immoo 144,031.

Image copyright Stephane Bureau du Colombier

Sochiin mana barnoota bilisaa Jaappan keessatti heddummaachuu lakkofsa barattoota 'futoko'tiin 1980'oota keessa jalqabe.

Kunis akkuma barnoota manatti baratamuutti fudhatama qabaatus gahuumsa beekkamtii qabu garuu barattootaaf hin kennu.

Lakkofsi barattootaa manneen barnoota idilee deemanii baratan caalaa lakkofsi barattootaa mana barumsaa bilisaa yookiin kan birootti baratan 1992'tti 7,424 kan ture bara 2017'tti gara 20,346 ol guddateera.

Mana barnootaa adda kutuun dhiibbaa yeroo dheeraa qabaata. Akkasumas dargaggeeyyiin heddu hawaasarraa adda bahuun yeroo dheeraa kophaasaanii turu- taateen kunis 'hikikomori' jedhama.

Wanti heddu yaachisaa ta'e baayyinna barattoota of ajjeesaniiti. Bara 2018 lakkofsi barattoota of ajjeessanii 332 ture.

Image copyright Stephane Bureau du Colombier
Goodayyaa suuraa Manneen barnootaa bilisaa seera ofiisaanii qabu

Ijoolleen heddu Jaappan keessatti maaliif gara mana barnootaa deemuu hin barbaanne?

Akka qorannoo ministira barnootaatti haalli maatii, dhimmoota dhunfaa hirriyoota waliiniifi arrabsoon sababoota heddu keessa muraasa akka ta'e ni ibsa.

Walumaa galaatti, barattoonni barnootasaanii adda kutuun kan hirriyootasaanii faana yoo walii hin galle yookiin yeroo tokko tokko ammoo barsiisotasaanii waliin akka ta'e gabaafameera.

Kun waan Toomee Moriihashii mudatedha.

"Namoota hedduu biratti gammachuun natti hin dhagahamu," jedhe barataan ganna 12. "Turtiin mana barnootaa dhukkubbii namatti ta'a."

Toomeen yeroo baayyee callisuun akka ishee miidhe dubbatti.

"Yeroo manaa bahe yookiin maatii kiyyaan gargar bahe hin dubbadhu," jetti.

Isheenis sirna barnootaa biyyattii kabajuuf ulfaataa akka ta'e hubatte.

"Uffannaan dirqama bifa garagaraa ta'uu hin qabu, haalli rifeensaa dirqama bifa walfakkaataa ta'uu hin qabu, akkasumas dirqama mudhiirratti uffatamuu hin qabu," jetti.

Image copyright Getty Images

Manni barnoota barattoonni akka Toomeefi Yuutoo bilisummaan itti baratan Manni Barumsaa Bilisa Tookiyoo keessatti baratan Tamaagaawaa banamera. Asitti uffannan dambii barattootaa hin jiru; barattoonni uffata fedhan uffatu.

Kunis walii galtee maatii, barattootaafi mana barumsaatiin ta'a.

Image copyright Stephane Bureau du Colombier
Goodayyaa suuraa Mana barnootaa bilisaatti ijoolleen waan fedha isaanii hojjatu

Haalli as jiru kan hin baratamnedha. Hundisaanii akka maatii guddaa tokkootti wal ilaalu. Barattoonni waliin dubbachuufi taphachuuf bakka tokkotti walgahu.

"Faayidaan mana barnoota kanaa ijoolleen akka dandeettiisaanii guddisna gochuudha," jedhu hogganaan mana barumsichaa Takaashi Yooshikaawaa.

Karaa sochii qamaatiin ta'ee, geemii taphachuun yookiin qo'achuunis ta'u wanni guddaan barachuusaaniiti.

Manni barumsichaa amma gara iddoo bal'aatti jijjiirameera. Guyyaa guyaatti yoo xiqqaate ijoolleen kudhan garas deemu.

Image copyright Stephane Bureau du Colombier
Goodayyaa suuraa Ijoolleen kudhan ta'an guyyaa guyyaan mana barnootaa Taamagawaatti ni baratu

Obbo Yooshikaawaa mana barnootasaa bara 2010'tti gamoo kutaa sadi qabutti bane.

"Barattoota ganna 15 ol ta'an akka dhufan kan barbaadu ta'us garuu ijoolleen ganna 7fi 8'tis ni dhufu,"jedha. "Hedduun isaanii baay'ee cal'istoota. Mana barumsaatti homaa hin hojjatan turan."

Obbo Yooshikaawaa rakkinni guddaan barattoota hedduu walii galtee akka amanu.

Image copyright Stephane Bureau du Colombier
Goodayyaa suuraa Takashi Yoshikawa bara 2010 kan mana barnootaa jalqabaasaa bane.

Imalli barnootasaa adda ture. Innis jireenya hojiisaa akka "abbaa mindaatti" jiraatu gammachuu akka hin qabne arguun ganna 40'oota keessatti dhiiseera.

Abbaan isaa doktora ture; innis akkuma isaa hawaasasaa tajaajiluu waan barbaadeef hojii namoonni dandeettiisaanii akka argatan gargaru hojjachuu jalqabe.

Rakkinni barattoonni mudatu keessaa tokko jedhu piroofeesar Ryo Uchida bal'inna kutaati.

"Kutaa tokko keessatti barattoonni 40 waggaa guutuu wal waliin akka dabarsan taasifamu, wantoonni heddus ni uumamu," jedhu.

Prof Uchida akka jedhanitti manneen barnootaa Jaappan keessatti barattoonni heddu waan jiraniif rakkoolee uumaman dandamachuuf walgargaaruun barbaachisaadha- ijoollee waliin walii hin galtu yoo ta'e achi turuun ni ulfaata.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Mana barnootaa keessatti walgargaaruun barbaachisaadha.

Barattoota hedduuf dhugaa kana fudhachuun itti ulfaata. Bakka namni itti baayatu kanatti waan hunda bakka dhiphoo kanatti raawwatuu waan ta'eef gammachuun itti hin dhagahamu.

"Haala akkanaa keessatti miirri gammachuu itti dhagahamuu dhabuun waan baratameedha,"jehdu prof Uchidaan.

Jaappan keessatti ijoolleen waggaa gara waggaatti kutaa tokko keessatti waan barataniif gara mana barnootaa deemuun hin gammachiisuun.

"Haala kana keessatti wanti mana barnoota bilisaatti kennamu waan gaariidha,"jedhu prof Uchidaan.

Image copyright Stephane Bureau du Colombier
Goodayyaa suuraa Ijoolleen mana barnootaa Taamagaawaatti yeroo taphatan

Filannoon mana barnootaa bilisaa jiraatus rakkoon sirna barnootaarratti jiru ammallee yaaddoodha. Akka prof Uchidaatti, adda addumaa barattootaa kabajuu dhabuun mirga namummaasaanii sarbuudha- namoonni heddus walii galu.

Ji'a Hagayya keessa gareen "Black kosoku o nakuso! Project"[Seerota gurracha mana barnootaa haa balleessinu!] mallattoo namoota 60,000 ol mallataa'een ministirra barnootaaf akka seerota sababa gahaa malee bahan akka jijjiiramuuf dhiyeessaniiru. San booda 'Osaka Prefecture'n manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa hundi irra deebi'anii seeraasaanii akka ilaalan taasifamaniiru. Achiis manneen barnoota %40 ta'an jijjiiraniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata