Lammaa Magarsaa: Pireezidantiin duraanii Oromiyaa attamiin siyaasa Itoophiyaa keessatti gurra horatan?

Pireezident Lammaa Magarsaa

Madda suuraa, OPDO official page

Ibsa waa'ee suuraa,

Obbo Lammaa Magarsaa, dura ta'aa Itti aanaa DHDUO yeroo turan

Barruu 'The Economist' jedhamuun bara 2018 Itoophiyaa keessatti 'nama siyaasaa daran beekamaa ta'e' ykn 'the most popular politician' kan jedhaman Obbo Lammaa Magarsaa ammas irra deebiin siyaasa Itoophiyaa keessatti dubbii ijoo ta'aniiru.

Sadaasa bara 2019 Raadiyoo Sagalee Ameerikaa irratti karoora ADWUI walitti baqsuun dhaaba tokko gochuufi yaada Ida'amuu MM Abiy Ahimaditti akka walii hin galle himanii turan.

Waliin qabsaa'uu bira darbee waltajjiiwwan adda addaa irratti akka obbolaatti kan wal mararsiifataniifi akka nama tokkootti kan ilaalaman Obbo Lammaa Magarsaafi Abiy Ahimad (PhD) yaadaan wal dhabuun lammilee Itoophiyaa hedduuf oduu gaarii hin turre.

Boodarra garuu miidiyaaleen biyya keessaafi aanga'ootni mootummaa Obbo Lammaan "garaagarummaa yaadaa qaban dhiphisanii, MM Abiy waliin hojjechuuf waliigaluu" gabasaniiru.

Obboo Lammaa Magarsaa namoota siyaasaafi xiinxaltoota siyaasaa, akkasumas rogeeyyii hedduu biratti nama 'Itoophiyaa diigamuurraa baraare' jedhamanii leellifamu.

"Nama biyya sanaaf oolmaa guddaa oole, biyya sana harca'uufi kufaatiirraa kan baraaredha" jedhu ogeessi seeraafi xiinxalaan siyaasaa Dr Heenook Gabbisaa.

Godina Wallagga Bahaa aanaa Gudayyaa Biilaatti kan dhalatan namni ganna 44 Obbo Lammaa Magarsaa, dargaggummaa isaaniitiin gara qabsoo Oromootti akka makaman seenaan isaanii ni hima.

Namni kun siyaasa Oromoo keessattis ta'e kan Itoophiyaa guutuu keessatti dhageettii jabaa akka qabaatan kan taasisan sababoota hedduutu jiru.

Oduu kanatti dhiyaatan biroon:

'Maastar Pilaanii'

Sadarkaa hoggansaa adda addaa irratti kan hojjetan namni kun warra dhaaba isaanii qeeqan biratti osoo hin hafiin gurra horachuu kan eegalan bara 2015 mormii Pilaanii Qindaa'aa Magaalaa Finfinnee irratti dhageesisaniin ture.

Xumura bara 2015 wayita mormiin Pilaanii Qindaa'aa magaalaa Finfinnee (Maastar Pilaanii) daran jabaatee turetti mootummaan naannoo Oromiyaa aanga'oota isaa bakka gara garaatti erguun ummata miriisisaa ture.

Yeroos Af-yaa'ii caffee Oromiyaa kan turan Obbo Lammaa Magarsaa marii jiraattota magaalaa Buraayyuu waliin taasisan irratti, maastar pilaaniin yoo uummati itti hin amaniin hojiirra hin oolu jechuun dubbatan.

Madda suuraa, Addisu Arega Kitessa/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa,

Warraqsa Diinagdee Oromiyaa labsuun sosochii guddaa uumanii turan.

Aanga'ootni mootummaa federaalaa Maastar Pilaaniin hojiirra ooluun isaa waan hin oolle dubbataa wayita turanitti, aanga'aa naannoo tokkorraa hojiirra hin oolu mormii jedhu dhagahuun waan baratamaa hin turre.

Maastar Pilaanichi hojiirra akka hin oolle gochuuf aangoo guddaa qabna jedhanii ture Obbo Lammaan.

Amajjii bara 2016 koreen jiddu galeessaa dhaaba yeroos Oromiyaa bulchaa ture DhDUO 'Maastar Pilaaniin Finfinnee guutummaatti akka dhaabbatu' murteesse.

Osoo hin turiin Obbo Lammaa Magarsaa Fulbaana bara 2016 dura taa'aa DhDUO, Onkoloolessa keessa ammoo pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uun muudaman.

'Team Lammaa'

Gara dura taa'ummaa DhDUO fi aangoo pireezidantummaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatti erga dhufaniin booda dhaaba biyya bulchuufi caasaa mootummaa naannoo keessatti namoonni quuqama uummataa qaban walhubannaan garee 'Team Lammaa' jedhamuun hojii murteessoon akka hojjetamu gahee isaanii ba'aniiru.

Gareen kun gaaffilee ijoo yeroos uummanni gaafata ture ofitti fudhachuun akka gaaffii mootummaa naannoo Oromiyaatti dhageesisuu eegale.

DhDUO'n yeroo duraaf 'Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa akka ta'u nan qabsaa'a' jechuun ifatti ibsa baase.

Hidhamtoota sadarkaa naannoo Oromiyaafi biyyaatti hidhamanii turan kumaatamaan lakkaa'aman gadi dhiisisuu keessatti qooda bahaniiniis fudhatamni isaanii dabaleera.

Madda suuraa, Addisu Arega Kitessa/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa,

MM Abiy yeroos 'team Lammaa' keessatti shoora olaanaa taphataa turan

Warraqsa Diinagdee Oromiyaa labsuun sochiin gareen 'Team Lammaa' kun taasises dargaggoota hedduutti hamilee kan hore ture.

Bara 2017 lola daangaa naannoo Somaaleefi Oromiyaa jidduu tureen komiin guddaan irratti ka'ullee namoota qe'ee irraa buqqa'an qubachiisuufi deeggarsa walitti qabuu, akkasumas lolli sun furmaata waaraa akka argatu hooggansa kennaniin ni leellifamu.

Mudde bara 2017 ajjeechaa Raayyaan Ittisa Biyyaa namoota 16 irratti Calanqootti raawwate miidiyaa naannichaa irratti bahanii balaaleffachuun isaaniis dhageettii isaanii dabaleera.

Humni Raayyaa Ittissa beekamtii mootummaa naannoo Oromiyaa malee naannicha seenee ajjeechaa sana raawwachuufi gochicha cimsanii kan balaaleffatan ta'uu ture yeroos Obbo Lammaan kan dubbatan.

'Gooftaan keenya uummata keenya'

Bitootessa bara 2017 kabaja ayyaana hundeeffama DhDUO waggaa 27ffaa sababeeffachuun marii paanaalii magaalaa Adaamaa irratti qophaa'e irratti Obbo Lammaan haasaa xiinxaltoonni siyaasaa 'waan hedduu jijjiire' ittiin jedhan dubbatan.

Miseensotaafi hooggantoota DhDUO galma keessatti walitti qabamanii turanitti yoo dubbatan "...gooftaan keenya ummata keenya, ummata naannoo keenyaati. Gooftaa biraa hin qabnu. Gooftaa biraaf sagaduun nurra hin jiraatu," jechuun dubbatan.

Dubbiin kun olaantummaa dhaabni TPLF DhDUO irratti qabu kan cabsedha jedhu xiinxaltoonni siyaasaa hedduun.

Siyaasa Itoophiyaa keessatti dubbii wantoota hedduu jijjiiredhas jedhu.

"Paartii OPDO jedhamu kan ummati Oromoo abdii irraa kutate jijjiiruun ummatatti abdii kan hore ture," jechuun ibsa Dr Henook haasaa Obbo Lammaa kana.

'Itoophiyummaan suusiidha'

Siyaasa Oromoo keessatti dhageetti guddaa erga horataniin booda fudhatama Oromiyaa keessatti horatan sadarkaa biyyaatti guddisuuf tarkaanfii murteessaa tokko fudhatan.

Sadaasa bara 2017 garee aanga'oota mootummaa, abbootii Gadaa, aartiistotaa fi namoota bebbeekamoo of keessaa qabu dursuun gara Baahirdaar imalan.

Gochi Obbo Lammaa Magarsaa kunis siyaasa Itoophiyaa keessatti waan hedduu akka jijjiire amanama.

Madda suuraa, Addisu Arega Kitessa/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa,

Kora Obbolummaa saba Oromoo fi Amaaraa Baahirdaar, Sadaasa bara 2017

Dhaaba biyya bulchaa ture ADWUI keessatti wayita morkiin aangoo keessoo dhaabichaatti taasifamaa jiru jabaachaa dhufetti kan raawwate waltajjiin kun namoota siyaasaa dhaabbilee yeroos naannolee lamaan bulchanii wal taasisuun olaantummaa TPLF ADWUI keessatti qabu cabsuuf gargaareera jedhu xiinxaltoonni.

"Gaaffiin uummata Oromoo maal akka ta'e haala sodaa hin uumneen sabootaa fi sab-lammiilee kaaniif ibsuu nama danda'anidha" jedhu Dr Heenook.

Waltajjii hariiroo obbolummaa saba Oromoo fi Amaaraa jabeessuuf kaayyeffate kanarratti 'Itoophiyummaan suusiidha' jedhanii dubbachuun Obbo Lammaa namoota sabboonummaa Oromoo leellisaniif liqimfamuu baatus lammilee Itoophiyaa hedduu biratti fudhatama akka argatan isaan gargaareera.

Yeroos mootummaan MM Hayilamaariyaam Dessaalenyiin hogganamu daran laaffataa dhufuurraa kan ka'e Obbo Lammaa Magarsaa MM Itoophiyaa akka ta'an tilmaama guddaa argatanii turan.

Barruun 'Sheger Times' afaan Amaaraan Amajjii bara 2018 maxxanfame fuula isaa irratti Obbo Lammaa akka nama Itoophiyaa baraaruuf ergametti fakkeessuun 'Muusee Itoophiyaa' jedhenii ture.

Madda suuraa, Sheger Times

Ibsa waa'ee suuraa,

Obbo Lammaa Magarsaa MM Itoophiyaa akka ta'an tilmaama guddaatu ture

Aangoo dabarsanii kennuu...

Guraandhala bara 2018 siyaasa Itoophiyaa keessatti waan hin eegamne tokkotu ta'e.

MM biyyattii bulchaa turan Hayilamaariyaam Dessaalenyi gaaffii dura taa'ummaa ADWUI fi aangoo mootummaa gadi dhiisuu dhiyeeffatan.

MM ta'uuf tilmaama guddaa argatanii kan turan Obbo Lammaa Magarsaa dura taa'ummaa DhDUO Dr Abiy Ahimadiif fedhiin gadi dhiisuun, Dr Abiy MM akka ta'an karaa qajeelchan.

"Ofii MM ta'uu osoo danda'uu MM amma atiif karra kan banedha. Namni kun nama ofii isaa caalaa biyyaaf jiraatu ta'uu kan mirkaneesse ture," jedha Dr Heenook.

"Sababoota kanaaf, wanti Lammaan dubbatu, waanti Lammaan jedhu sadarkaa biyyaatti hiikoo guddaa qabaachuu eegale" jedha.

MM Abiy Ahimad gara aangoo erga dhufaniin booda jijjiirama akka biyyaatti eegalame keessatti Obbo Lammaan gahee olaanaa gumaachaa turaniiru.

Badhaasa 'Baggoo Sew' - 'Nama Gaarii bara 2010' injifachuun isaanii fudhatama isaan sadarkaa biyyaatti argataniif ragaa biraati.

MM Abiy wayita lammilee Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan jidduutti jaalalaafi obbolummaa deebisuuf, darbees siyaasa biyyaa keessatti qooda akka fudhataniif sochii taasisan Obbo Lammaan lammilee biyyoota alaa biraas dinqisiifannaa guddaa argatanii ture.

Madda suuraa, Addisu Arega Kitessa/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa,

Gara Eertiraa imaluun ABO'n gara biyyaatti akka deebi'us gumaachaniiru

MM Abiy Ahimad waltajjiiwwan adda addaa irratti ifatti hogganaa koo jedhanii yoo waaman, darbees badhaasa kennameefillee dabarsanii Obbo Lammaaf yoo kennan mul'ateera.

Haa ta'u malee yaada paartilee ADWUI walitti baqsuufi falaasama Ida'amuu MM Abiy Ahimad irratti Obbo Lamaan mormii akka qaban Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.

Sabboonummaa Oromoo leellisuun kan beekaman Obbo Lammaa Magarsaa ODP diiguun dura gaaffilee uummanni Oromoo lakkaa'ee nutti kenne deebisuu qabna ejjennoo jedhu akka qaban dubbatan.

Garaagarteen yaadaa hogganoota lamaan jidduutti uumamuun namoota hedduu kan rifaasise ture.

Dhaaba ODP keessatti dhageettiin isaan qaban xiqqaachuus Obbo Lammaan komatanii turan.

Wiixata darbe garuu hogganoonni lamaan garaagarummaa yaadaa gidduu isaanii jiru dhiphisanii waliin hojjechuuf waliigaluu gabaasa OBN fi barreefama gabaabaa waajirri ADWUI baasan irraa dhagaahameera.

Obbo Lammaa fi yaadotni MM Abiy Ahimad irrattii walii galan maal akka ta'anii fi gaffilee hin deebi'iin biroo isaanuma Obbo Lammaarra dhagahuuf yaaliin taaasifne hin milkoofne.

Ibsa garaagarummaa jiru dhiphisuun waliin hojjechuuf waliigaluu isaanii addeessurratti miidiyaaleettii dubbachuu baatanis, ammas onnee lammilee biyyattii hedduu keessa akka jiran akeektuuwwan hedduutu jira.

Akkuma gabaafame garaagarummaa yaadaa isaanii dhiphisanii MM Abiy waliin hojjechuuf murteessuun isaanii sadarkaa aanaa fi godinaatti fudhatama gaarii argachaa kan hin jirre paartii Badhaadhinaaf oduu gaarii ta'uu mala.