Jilli aadaa Ertiraa deeme hangam ummata Itoophiyaa bakka bu'e?

Jilli dippilomaasii Itoophiyaa turtii torban tokko booda Ertiraadhaa deebi'eera Image copyright Yemane G/Meskel

Jilli aadaa ummata Itoophiyaa kan weellistootaafi qondaaltota mootummaa garaa garaa of keessaa qabu tibbana gara Ertiraa imalee ture.

Kaayyoon jila aadaa kanaa walitti dhufeenya ummata biyyoota lamaanii cimsuu yoo ta'u kanneen kana qopheessan ''kan tilmaamne caalaa kan milkaa'e ture,'' jedhaniiru.

Kana durallee gareen aadaa Ertiraa gara Itoophiyaa imalee ture. Kuni biyyoonni lamaan turtii waggoota 20 booda araara erga buusanii kan mul'ataa jirudha.

Haata'u malee, dhimmoota garee aadaa akka biyyaatti biyya alaattis ta'e biyya keessa qophaa'u irratti ummatoota Itoophiyaa bakka bu'u irratti irra - deddeebiin gaaffiin akkasumas qeeqni ni ka'a.

Dhihoomallee sagantaan masaraa biyyaalessa Itoophiyaatti qophaa'e komii guddaa kaasee ture.

Jila gama Ertiraatti imale ilaalchisuun gaazexessaafi barreessaa beekamaa kan ta'e lammiin Ertiraa Tasfaayee Gabra Aab (Gadaa G/Aab) hanqinni walfakkaataa Ertiraatti mul'achuu isaa barresseera.

Akkaataa kana dura barameen taanaan sagantaa biyya bakka bu'u irratti Ministeerri Aadaafi Turizimii Federaalaa biiroolee naannolee akka gaafatu himu qondaalli Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Girmaa Hayiluu dhimma jila Ertiraatti imale akka quba hin qabneefi kanas televijinii gubbaa agarre jedhaniiru.

Yoo mootummaatu qophesseera ta'e nu gaafachuu qabu yaada jedhu qabu.

''...Yoo artistii ta'e yoo weellistoota ta'e biyya bakka bu'anii kan deeman ta'e biyya keessaa Oromiyaan tokko kanaaf nu gaafachuu qabani turani,'' jedhan.

Deebii Ministeera Aadaafi Turizimii

Sagantaa kana olaantummaan kan qopheesse Ministeera Aadaafi Turizimii yoo ta'u jila kana keessa namoota 60'tu jira.

Ergama fudhachuufi garee kana hoogganuu keessatti Ministeerri Dhimma Alaas qooda qaba.

Jila kana kan hoogganan immoo Ministir Di'eetaa Ministeera Aadaa fi Turizimii kan ta'an Aadde Bizunash Masaratidha.

''Garee aadaa kana garee aadaa naannolee irraa osoo hin taane Tiyaatira Biyyaalessaa irraa fudhanne'' jechuun ibsu. Yoo ibsanis garee akkanaatu kana durallee biyya bakka bu'e biyyoota garaa garaa imala jedhan.

Garee aadaa kuni wallee sabootaafi sabalaammoota Itoophiyaa garaa garaa ni weellisu.

Kanaan alatti garuu, weellistoonni wallee saboota garaa garaa sirbuu danda'an keessatti hammatamaniiru.

Aadde Bizunash akka jedhanitti garee deeme keessatti 'Itoophiyaa bakka bu'uf carraaqqiin guddaa taasifameera.'

Dabalataanis, Komishinii Ispoortiifi Aadaa Ertiraa waamicha taasisen miseensonni Baandii Jaanoo walee isaanii akka Ertiraatti dhiheessan ibsaniiru.

Weellisaa Geetaachaw H/Maariyaam

Waltajji biyya Ertiraa magaalaalee sadi dhihaate irratti weellisaan Afaan Oromoo Getaachaw H/Maariyaam walleewwan garaa garaa sirbuu isaa dubbata.

''Bakka sadanittu hojjedheera. Tokko Mitisiwwaadha, tokko Asmaraadha tokkommoo Karani,'' kan jedhu Getaachoon weellisaan Afaan Oromoo biroo waliin akka hin deemne dubbata.

Hojiiwwan achitti dhiheesses yoo ibsu geerarsa, sirboota aadaafi Akka Baala Isaafo weellisuu isaa hima.

Aadde Bizunash gama isaaniitiin ''Walleen Afaan Oromoo waltajjii sadan irrattiyuu dhihaateera. Inumaa Karan irratti ummata baay'ee kan sochoose wallee Afaan Oromoo ture,'' jedhan.

Weellistoota Afaan Oromoo kaan itti dabaluf yaalin taasifame akka hin milkoofne kan himan Aadde Bizunash, weellistuu Amalmaal Abaatanillee ''Kiyya Kiyyaa'' sirbiteetti jechuun himu.

Yaada Waldaa Muziqeessitoota Oromoo

Walajjiiwwan gurguddoo akkanaa kan biyya bakka bu'uun imalamu irratti namoonni weellistoota kaan kan maqaa qaban arguufillee ni gaafata.

Wanti kunis akka irra deddeebi'e mul'atu weellisaa Geetachaw H/Maariyaamiifi Tsaggaayee Dandanaa [Sayyoo] muuxannoo isaanirraa ka'un himu.

Tarii sagantaa Ertiraa qophaa'e irratti weellistoonni kaan kan hin hirmaanne hojii wanta qabaniif ta'a jechuun ibsa weellisaa Getaachon.

Kana dura dhimma biyyaa gaafa ta'e karaa Biiroo Aadaafi Turizimii nu dhaqqabu jedha weellisaa Tsaggaayee [Sayyoo] Dandanaa. Tsaggaayeen dura taa'aa Itti - aanaa Waldaa Muziqeessitoota Oromooti.

Weellisaa Tsaggaayen akka jedhutti yeroo hedduu qaamoleen mootummaa akka hirmaatan akka isaan gaafataniifi gara caalu isaan akka didan hima.

Sababa kana yoo ibsus akkana jedhe: ''Yeroo tokko tokko hin waamu bar yoo nuuf taate hin dhaqna yoo nuuf ta'u baate inuma dhiisti ijoolleen baay'een ishee nama tokko lamaa miti.''

Weellistoonni maqaa qabaniifi baandii qaban gara caalu ''Konsartii yoo taate malee hin dhaqnudha hiika biraa qabaate miti'' jechuun ibsa.

''Oromoon achi keessaa dhabame wanti jedhamu jira,'' kan jedhu Weellisaa Tsaggaayen ''kan ummataa taane jedhee nutu of qaba'' jechuun hima.

''Akka siyaasaatti yoo fudhatame hin dhaqnuudha. Waa'ee Ertiraa Itoopiyaa dippilomaasii akkana jedhanii yoo deemani hin dhaqnu nuti.

Yoo qofa konsartii agarsiisuudhaaf ta'e ni dhaqna. Gara caalu nutu irra dida malee gara isaanii miti,'' jechuun hima.

"Garaagartummaan badaa hin jiru mootummaa wajjiniin. Wanti isaan badaa nu dhooksaniis hin jiru.

Akkaadhumatti pirotokolii keenya eegne itti dhihaannurratti nutu garaagartummaa godhata nuti kan ummataa waan taanef jenne nutu of qaba."

Kana durallee, waltajjii mootummaafi garaa garaa irratti waamamanii jennaan ilaalanii akka dhiisan BBC'tti himeera.

Odeessa kana irratti dabalata