Zaambiyaan Amaasaaddara Ameerikaa ofirraa ari'atte

Zaambiyaatti ambaasaaddar Ameerikaa

Madda suuraa, United States Department of State

Zaambiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa dhimma saalqunnamtii saala walfakkaataarratti ejjennoo biyyatttiin fudhette qeequun walqabatee hariiroon biyyoota lameenii qormaata keessa galeera.

Ji'a darbe Ambaasaaddar Daani'eel Footee Zaambiyaan dhiirota lama saalqunnamtii saala walfakkaataan himatettii hidhaa waggaa 15 adabuu balaaleffatan.

''Murtee kanaan Footeen rifaasisaadha'' jedhan. Bu'uuruma kanaan ministeerri haajaa alaa Zaambiyaa Ambaasaaddarichi biyyaa gadhiisanii akka bahan Waashingataniif gaaffii dhiyeessanii turan.

Ambaasaddarichaaniis heera biyyatti waan bu'aniif bayyattii keessatti fudhatama hin qaban jedheera.

Pireezidantiin Zaambiyaa Edhaar Luunguus bakka bu'aan mootummaa Amaarikaa kun biyyaa haa bahuu qabu jedhaniiru.

Ji'a darbe dhaddacha magaalaa guddittii Zaambiyaa, Lusaakaatti gaggeefameen dhiironni lameen Loojii keessatti kutaa kireefatanii jiran keessatti saalqunnamtii yoo raawwatan keessummeessan ijaan arguu ragaa baheera.

Madda suuraa, Getty Images

Ragaa dhiyaateefi seera yakkaa biyyattiirratti hundaa'uun namootni lameen hidha waggaa 15 akka adabaman irratti murtaa'eera.

Ambaasaaddarichi Footeen murtee rifaasisaa itti walii hin galleedha jedhanii ture.

Ministeerrii haajaa alaa Zaambiyaa biyyootni deeggrsa waan kennaniif duudhaafi heera biyya akka sarban hayyamuun sirrii miti kan jedhe yoo ta'u, Amaabsaaaddarichi ammoo Zaambiyaan dippiloomaatota ''kiisiin isaanii banaa Afaan isaanii cufame barbaaduu'' jedhan.

Zaambiyaan biyyoota Afrikaa maallaqa hedduu gargaarsaan Ameerikaarraa argatan keessaa adda duree yoo taatu, waggaatti doolaara miiliyoona 500 argatti.

Footeen Ameerikaatti akka deebi'an ta'uus bakka bu'aan haaran dhiyeenyatti ni ramadama jedhamee hin eegamu.