Xumura jaarraa kanatti sooranni namni sooratu hangam ta'aa?

Indiyaatti nama timaatima gurguratu Image copyright L.Depenbusch
Goodayyaa suuraa Indiyaatti namticha timaatima gurguratu

Sooranni ummata addunyaarraa jiraatu sooruuf barbaachisu xumura jaarraa keessa jiruutti harka 80'n dabaluuf akka jiru qorannoon mul'ise.

Qorattoonni Jarman akka jedhanitti, ammuma ulfaatinni qaama giddugaleessaa dabalaa adeemu soorannii barbaachisuus dabaluutti jira.

Barreessitoonni qorannoo kanaa akka ibsanitti, soorata amma barbaadamu guutuu dadhabuun addunyaarratti garaagarummaa uumuuf deema.

Firiin qo'annoo kanaas barruu 'Plos One' jedhamurratti maxxanfame.

Qorannoon gareen qorattoota Yunvarsiitii Gotiingeen dhiyeessan akka jedhutti, lakkoofsi uummata addunyaa dabalaa jiraachuusaatiin hangi kaalorii sooratarraa argamuus harka 60'n dabaluun barbaachise.

Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ibsutti, lakkoofsi ummata addunyaa bara 2010 biliyoona torba ture xumura jaarraa kanatti (2100) gara biliyoona 11 akka qaqqabutu eegama.

Bara 2010 asitti qofayyuu hangi kaalorii sooratarraa argamu harka 18'n dabale. Kunis dheerinnifi ulfaatinni namoota dabaluusaatini jedhu.

Luz Depeenbuch giddugaleessa fuduraalee addunyaarraa akka barreessanitti, giddugaleessaan annisaan namoonni barbaadan 253 kcal ta'uun bara 2010 hanga 2100tti dabaluuf akka jiru.

Kana jechuun soorata namni dhuunfaa sooratu kaalorii 253 ta'uun dabaluuf jirutu ibsame. Dr. Depeenbuch akka ibsanitti muuzii gumaan lama soorachuuf dabalataan dhiyaachuu qaba jechuudha.

Biyyoonni gammoojjii Sahaaraan gadi jiran fuulduratti hanga aaniisaa sooratarraa argamu dabaluun dhiibbaa akka irratti uumuuf jiru Dr. Depeenbuch fi hiriyaan isaanii pirofeesar Istivan Kilaasiin dubbataniiru.

Biyyoota naannichatti argaman keessatti duraan durseeyyuu hangi annisaa sooratarraa argamuu saffisa baayyinni uummataa dabaluun guddateera jedhan.

Qorattoonni imammaanni fedhii annisaa sooratarraa argamuuf baay'ina uummataan walsimuu dhabuun garaagarummaa karaa dinagdeef soorata argachuurratti jiru akka hammeessu akeekkachiisan.

Fedhiin soorata dabaluun gatiin waan sooratamuus akka dabaluu gochuuf deema.

Biyyoonni dinagdeedhan badhaadhan rakkinicha dandamachuu danda'u, biyyoota guddataa jiran (harka qalleeyyii)keessatti garuu waan nyaatamu argachuunn qabsoo jabduu barbaaduuf jira.

Rakkinni kun soorata dhabuun ammoo quucaruu qaqqabsiisuu mala.

Odeessa kana irratti dabalata