'Dhiiroonni dhugaatii alkoolii baayyisan caalaa gaa'ilasaanii miidhu'

Namoonni dhugaatii alkoolii Image copyright Getty

Warroonni dhiiraa dhugaatii alkooliifi qorchoota sammuu haddoochan baayyisan warra kaan irra harka jaha ykn torbaan caalaan mana keessatti dubartootarraan miidhaa kan geessisan ta'uu, qorannoon tokko mullise.

Qorannoon 'PLOS- Medicine' jedhamun marsarsiitii irratti maxxanfame kunis, galmeewwan fayyaa kumaatamaan lakkaa'amaniifi gabaasawwan poolisii irratti hundaa'uun kan hojjatameedha.

Akkasumas qoranichi miidhaan warrootiin dhiiraa kanneen dukkuba sammuufi amala jijjiramaa qaban dabalaa jiraachuu kan mullise yoo ta'u, hanga namoota dhugaatiifi qorichoota sammuu hadoochoo ta'an fudhatiin garuu hin baayyatu.

Yunivarsitii Oksifordiitti pirofesar kan taate Seenaa Faazeel qorannoo kana kan oggante yoo taa'tu, "haala bu'aa aragmeetiin araada alkooliifii kanneen biraa to'achuun yoo danda'ame, miidhaa mana keessatti dubartootarra gahu hirrisuun ni danda'ama'' jetti.

"Akka araadni hin umameeneef dursaan ittisuufi erga namni tokko araadaan erga qabameen booda sirni haalaan hordofuu wallaanuu dandeessisu jiraachu qabaata. Namoonni miidhaa qaqabsiisan kunneenis waan kan araadaan qabaman qofaaf califamee bira darbamuu hin qabaatu."

Qorannoo ogeessoota biyyoota kan akka Inglizii, Ameerikaafi Siwiidiin hirmaachise kunis bara 1998 -2013'tti ragaalee dhiirota araaada alkooliifi kan biraa qabaman kuma 104 fayyadameera.

Itti dabaluunis namooti kunneen yeroo meeqa haadha warraa ykn hiriyyaa dubartii isaanii irratti gocha dorsiisuu, miidhaa saalaa akka raawwachuu isaanitiif akka poolisiin to'annoo jala oolfaman illeen ilaaleera.

Haaluma kanaanis dhiiroonni jireenyi saanii dhugaatii alakoolii irratti hundaa'ee ykn araada dhugaatii qaban keessaa kanneen %1.7 ta'an sababiidhuma kanaan warra kaan caalaa harka jaha ykn tobaan hidhamaniiru.

Dhiiroonni rakkina qorichoota sammuu hadoochoo fudhatan keessaa kanneen %2.1 ta'an p[oolisiin to'annaa jala oolfamaniiru. Kunis dhiirootaa kaaniin wal biratti yoo ilaalamu harka torbaan caala.

Kanarraa ka'unis qorannoon kun dhiiroonni araada dhugaatii alkooliifi qorichoota sammuu hadoochanii qaban haadha warraa isaanii irraan miidhaa akka qaqabsiisan waan hin shakkamneedha jedheera.

Haata'u malees jarri kunneen miidhaa kana kan raawwatan yeroo dhugan qofaas akka hintaane adda baasu danda'eera.

''Namoonni araadaan qabaman wayita dhuganii ykn qorichoota sammuu hadoochan fudhatanii miira keessa galan qofaa osoo hintaane, yeroo biraas dubartootarraan miidhaa ni qaqabsiisu. Osoo hindhugiin baayyee kan aaraniifi namootatti aaru.''

Hidhata dhukkuba sammuu waliin qabu

Kana malees qorannoon kun miidhaan sababbii araada alkooliifi qorichoota sammuu adochaniin kaka'amee miidhaa mana keessaaf sababa ta'u kun haalaan madda isaa qorachuuf jecha 'obbooloota irrattis' qorannoon wal madaalchisu gaggeefameera.

Haaluma kanaanis obboolaa maatii tokkoo kanneen araadaan qabamaniifi kan araada hinqabnee wal biratti ilaalamee, isaan araadaan qabaman miidhaa geessisuun akka irratti baayyatu hubatameera jedha qorannichi kun.

''Rakkinni araada alkooliifi qorichoota sammuu miidhaaniin walqabatee umamuus, namoota waliin jiraatan waliin haala nagaatiin rakkina hiikurraa gara humnaatti akka cimsa taasisa'' jedha qorannichi.

Akkasumas araadni hanga ta'ee tokkoon dhukkuba samuu waliin hidhata qabaachuus ni mullisa.

''Namoonni rakkin sammuu qaban tokko tokkoos dhugaatii alkooliifi qorichoota sammuu hadoochan haala fayyaa isaanitti dhagahamu irraa tasgabbii argachuuf akka tarsiimoo boqnnaan itti argamuutti itti fayyadamu,'' jedhan qorannichi.

''Kanaafuu, rakkinni dhugaatii alkooliifi qorichoota fayyadamuun umamu rakkina sammuu waliin hidhata kan qabaatu yoo ta'u, suuta jedhee ammoo miidhaa mana keessatti dubartoota irratti raawwatamuuf madda kan ta'udha.''

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata