Isaayyaasiifi Abiy badhaasa Noobeelii Nagaa booda yeroo duraaf wal argan

Madda suuraa, Alamy
Pireezidantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii daawwannaa hojiif Finfinnee yoo galan Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiif aanga'oota olaanoo biroon simatamaniiru.
''Jaalleekoo nagaa kan ta'an Pirezedaant Isaayyaas Afawarqiifi Jilli isaanii gara mana keessan lammaffaatti Anaa dhufu,'' jechuun MM Abiy miidiyaalee hawaasummaa fayyadaman irratti Pireezidant Isaayyasiin simachuu barreesaniiru.
Hariiroon dippiloomaasii biyyoota lameenii erga haaromee Pireezidant Isaayyaas hojiif Itoophiyaa yoo xiqqaate si'a sadii ol dhufaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad biyyoota lamaan gidduu araarri akka bu'uufi naannoo Gaanfa Afrikaattis nageenyi akka mirkanaa'u hojii adda durummaan hojjeetaniif badhaasa Noobeelii Nagaa erga fudhatanii aanga'ootni lameen yeroo walargan ammoo kun isa jalqabaati.
Anaga'ootni lameen hariiroo Itoophiyaafi Eertiraa gara sadarkaa olaanatti ceesusuu haala danda'amurratti ni mariyatu jedhamee eegama.
MM Abiy Ahimad Noorwey magaala Ooslootti argamanii badhaasa Noobeelii badhaafaman yeroo fudhatan haasaa taasisaniin, yaada araaraa dhiyeessine Pireezidantt Isaayyasa osoo fudhachuu baatanii waliigalteen kun hin jiraatu turee jechuun, badhaasichi kan Pireezidant Isaayyasiifi kan lammiilee Ertiraas ta'uu dubbatan.
Wal arganii gammachuu badhaasa kanaa akka qooddataniis dubbatanii ture.