Dinagdee Itophiiyaa: Maallaqni Liqiin argame dinagdee Itoophiyaa akkamiin fooyyessa?

Dr. Namarraa Maammoo Image copyright FUULA DR. NEMERA G MAMO

Ministirri Mummee Dr Abiy erga gara aangootti dhufaniin booda haala diinagdee biyyattiin keessa turte fooyyeessuuf sochiilee adda addaa wayita taasisan argamu.

Haaluma kanaanis, biyyoota Arabaafi warra gama Lixaa (Awurooppaa) irraa deegarsaafi liqaa maallaqaa argachuun danda'ameera.

Dhiheenya kanas Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) deeggarsa maallaqaa doolaara biiliyoona 2.9 Itoophiyaaf taasisuuf walii galuu ibseera.

Waa'eedhuma deeggarsa maallaqaa argamee kanaafi sochiilee fooyya'insa dinagdee kan biraa ilaalchisuun, Waajjira Ministira Mummeetti gorsaa damee Dinagdee kan ta'an Dr Namarraa Gabayyahuu BBC'n dubbiseera.

Haaluma kanaanis liqaa IMF irraa argame ilaalchisuun, dhaabbilee idil-addunyaa kunneen kana dura haal -duree kaa'uun deeggarsa liqaa maallaqaa kan taasisaa turan.

Itoophiyaan ammoo waggaa tokko darbe keessa siyaasaafi haala dinagdee fooyyeessuuf tarkaanffiiwwan jijiirama biyya keessaa jajjabeessaa jirti.

Kunis biyyattiin haal- duree malee deeggarsa liqaa akka argattuuf kanneen taasisan keessaati jedhu Dr Namarraan.

Fakkeenyaaf, biyyattiin tarkaanffii dhaabbile harka motummaa turan gara dhuunfaatti naanneessuufi hirrina sharafa biyya alaa furan fudhachuu kan eegalte IMF osoo hin dhufiin dura kan jedhan oggeessi kun, liqaan kennames kana deeggaruufiidha jedhu.

Itti dabaluunis, "diinagdeen Itoophiyaa gibira walitti qabuurraa kaasee haalli bulchiinsa dinagdee gurguddootti akka sharafa biyya alaatti rakkina keessa waan jiraniifuu kana furuun dirqama ture. IMF ammoo kaka'umsa rakkoolee kanneen furuuf taasifamu deeggaruufiidha," jedhu Dr Namarraan.

Waggoota sadiitii hanga shanii dhufan keessatti haala saffisa fooyya'insa dinagdee kan murteessu mootummaa Itoophiyaati kan jedhan Dr Namarraan, haal-duree cimaan 'biyyattiin qabeenya humna namaa qabduufi haalawwan biraas saffisa isaanii eeggachuun adeemuu qabaatu jechuun kan kaa'ee motumaadhuma jedhu.

Gama biraatiin ammoo IMF fi Baankiin Addunyaa wayita deegarsa taasisan iftoomina akka barbaadan himu.

"Dhugaatti jijjiramni kun haala barbaadamuun adeemaa jiraa? Kan jedhu baruu barbaadu. Kanarratti waliin hojjatamuu danda'ama, garuu akka jedhamuutti haal-duree kaa'uun harka miciruuf Itoophiyaarratti humna kan qabaatan natti hin fakkaatu,'' jedhu.

Kana malees, motummaan hojiiwwan duree mataasaa adda baasuun adeemsa ifa ta'en maallaqa deegarsaan kenname galmasaa fiixaan baasuuf ittifayyadamuuf aangoo guutu qabaachu dubbatu.

Fakkeenyaa, qabeenyaa gara dhuunfaatti dabarsuu (Privatization) keessatti hojiiwwan adda addaatu jira. Hojiileen kunneenis deeggarsa maallaqaa barbaadu jedhu.

Waa'ee bajataa yoo ka'us, waggoota 50'n darbaniif kan wal falmisiisaa ture, motummaan baasii haa hirrisu kan jedhu ta'uu kaasu.

Jijjiramni dinagdee amma jiru xiyyeefannaa kan taasise dandeettii baasii hir'isurratti osoo hin taanee dandettii walitti qabuu gibira motummaa cimisurrattis jedhaniiru.

Akkasumas deegarsi maallaqaa argame dameewwan dursi kennamuuf qaban kan akka qonnaafi turiziimii irra akka olfamu hima.

Kana malees, Itoophiyaa dorgomtummaa ishee cimsachuun omishaalee gara biyya alaatti ergitu guddisuun hirrina sharafaa hiikuu qabdi kan jedhan Dr. Namarraan, hiyyummaa hir'isuun dhimma dursu waan ta'eef hojii uumuufi guddina galii mirkaneessuu qabdis jedhu.

Tarkaanffiiwwan motummaan fudhatamaa jiran keessaa tokko kan ta'ee wixinee labsii taaksii eksaayis dhiheenya ifa taasifamee ilaalchisee, haaluma jiruun hojiirra yoo olfamee gatiin wantoota hedduu ol ka'a sodaan jedhu jira. Isiin attamiin ilaaltu? jechuun BBCn gaafateera.

Ammaaf dhiibbaa akkasii qabaachuu mala jechuun dubbachuun rakkisaa ta'u himan.

Wanti kun daandiiwwan hedduu keessa darbuu qabaata kan jedhan oggeessi kun, imaammaticha baasuun kan barbaachiseef ammoo galiin motummaan waan biyya keessa galuurraa argatu qaawwa waan qabuuf jedhu.

Dhiibbaansaa hawaasa hiyyeessarra akka hin taaneef of-eeggannoon ni taasifamas jedhu.

Image copyright SOPA Images

Itoophiyaan biyyaa dhiibbaan liqaa olaanaan irra jirtu taatee osoo jirtu liqaa dabalataa fudhachuun hangam barbaachisaadha? gaaffii jedhuf deebii kennaniiru.

"Inni dhiibbaa liqaa jedhamu baay'achuu isaa miti. Waliigala oomisha biyya keessaa waliin wal birratti yoo ilaalamu rakkina olaanaa miti.

Ammaan tana biyyattii irratti rakkina uumaa kan jiru liiqaawwan hedduun haala dhalaa baay'ee waliin kan yeroo gabaabaa keessatti kanfalaman ta'anii dhufusaaniiti,'' jedha.

Itti dabaluunis, dandeettiin daldalli biyya alaa doolaara argamsiisuuf qabu gadaanaadha; rakkinni jira jechuudha jedhu.

Liiqaawwan dhaabbilee akka IMF, Baankii Addunyaa, Gamtaa Awuroppaa fi biyyoota biraa irraa argamu dhall isaanii gadaanaa ykn zeroon kan daangeeffamaniidha. Akkasumas yeroo itti deebiifamu dheeraadha jedhu.

Kanaafu liqaawwan kana dura Chaayinaa irraa dhala olaanaan fudhataman gara dhala gadaanaa ykn zeerootti akka geeddaramaniif taasifamaa jiraachuu dubbatu Dr Namarraan.

Kaayyoon fooyya'insaa adeemsifamaa jiran kanneen hundi oomishitummaa damee dhuunfaa guddisuudha kan jedhu Dr Namarraan, oomishitummaan damee kanaa guddatu malee carraan hojii uumuu bal'achu hin danda'us jedhu.

Wanti guddaan Itoophiyaa hudhee qabee tokko omishitummaan damee dhuunfaa gadaanaa ta'uudha. Kanaafuu, dameewwan qonnaa, turizimii, albuuda, maanufaakchariingii fi agroo indastirii irratti xiyyeeffannaan ni kennama jedha.

Itoophiyaa ammaan tana hordofaa kan jirtu yaada 'Ida'amu' tti fayyadamuun rakkoolee siyaasaa, dinagdee jiran hiiku qabna jechuun ilaalcha MM gaggeessaniin.

Jijjiiramni baatiiwwan 20n darbaniif biyyattii keessatti mul'atanif kan kallattiidhuma kanaan dhufe waan ta'eef fooyya'iinsa diinagdee biyyi maddisiifte kan jedhameef jechuun adeemsa biyyattiin hordofaa jiru ibsu.

Yaadni diinagdee biyya keessaa daddamaqsuu mootummaan qabatee irratti hojjechaa jiru maal akka ta'e ibsu ogeessi diinagdee kun.

Wanti ijoon yaadni dinagdee biyya keessaa akka si'atu taasisuu fedhiifi kaka'umsi isaa kan mootummaa ta'uu isaati jedhu. Gama dinagdee isaatiin qofa yoo ilaalle wantota gurguddoo sadii qabatee kan ka'edha sochiin mootummaan taasisaa jiru kun jedhu.

Madaalliin Maakiroo Ikonoomiin Itoophiyaa irra jirtu kan baayyee nama sodaachisudha kan jedhan Dr. Namarraan, dhiibbaan liqaa biyyattiirra jiru, daldalli biyya alaatti ergamu akka malee baay'ee gadi bu'aa deemuu, akkasumas daldalli alaati erguufi alaa galchuun walmadaalaa ta'u dhabuun sababa ijoodha jedhu.

Sababa rakkoo imaammata maallaqaa biyyattiin hordofturraan kan ka'e sirni maallaqaa akka malee quucareera. Madaalliin qusannaafi invastimantii gidduu jirus baay'ee sodaachisaa ture.

Rakkoo hoji-dhabdummaa jiruufi qaala'insa jireenyaa yeroo ilaalamus baayyee rakkisaadha jedhan hayyuun dinagdee kun.

Seektarri dhuunfaan hudhaawwan hedduutiin qabamee waan tureef wanti jajjabeessaa ture hin jiru jechuunis himu

Kana waan ta'eef rakkoowwan kunneen ilaalcha keessa galfamanii dinagdee biyya keessaa irratti xiyyeeffannoo kennuun kan irratti hojjetamaa jiru bulchiinsa Maakiroo Ikonoomii, kaka'umsa biizinasii akka uumamu gochuufi dhiyeessi humna ibsaa, loojistikaafi kanneen biroorratti fooyya'insa taasisuudha jedhu Dr. Namarraan.

Gama kanaan dameen albuudaafi turizimii kanneen xiyyeeffannaan irratti hojjetamanidha.

Dr. Namarraan liqaa jaarmiyaalee maallaqaa idil-addunyaafi biyyoota gara garaarraa Itoophiyaan argachaa jirtu kun akka kanaan duraa malaammaltummaafi rakkoo hanqina raawwachiisuu dadhabuutiin mudatu furuufis furmaata yaadames ni dubbatu.

Jijjiirama kana keessatti dhimma piraayveetaayizeeshinii qofa osoo hin taane bulchiinsa dhaabbileen misoomaa harka mootummaa jiran kanneen yeroo baay'ee malaammaltummaan gurguddoon keessatti hojjetaman foyyeessuudha jedhu.

Itoophiyaan kanaan dura ijaarsa bu'uuraalee misoomaatiifi liqaanis ta'e daldalaan Chaayinaa waliin hariiroo cimaa qabdi ture.

Haata'u malee, yeroo ammaa kana keessumaa erga jijjiiramaatiin asitti Itoophiyaan fuula ishee gara biyyoota gama Lixaafi Arabootaatti naanneffattee jirti.

Hariiroofi michummaan Chaayinaa waliinii Itoophiyaan qabdu dhumataa jiraa? Dr. Namarraan kanaafis deebii qabu.

Biyyi tokko hariiroo liqaa, daldalaafi invastimantii ilaalchisuun kan hordoftu bifa lama qabaata kan jedhan Dr. Namarraan, tokkoffaan babal'isuu yoo ta'u lamaffaan ammoo hundee gadi fageessuudha.

Chaayinaa waliin waggoota 15 darban keessa baayyee gadi fageenyaan irratti hojjetameera waan ta'eef ammas Itoophiyaan kana dhiiftee waan biraa barbaadaa miti kan jirtu.

Kan jiru irratti dabaluufi babal'isuurratti hojjechaa jirti akka Dr. Namarraan jedhanitti.

"Madda haaraa, michoota daldalaa biroo barbaachuurratti hojjetamaa jira. Kun dhugaadha.

Itoophiyaan biyyoota gama Lixaafi Arabootaa waliin hariiroo dippiloomaasii gaarii tolfachuuf hojjechaa jirti. Chaayinaan ammallee Itoophiyaa irratti fedhii guddaa qabdi."

Odeessa kana irratti dabalata