Isheen Eenyu? 8: 'Hojii waliisaa hin beekne jalqabeen amma miiliyoonaan buufachaa jira'

Haannaa Takilee

Maqaan koo Haannaa Takileeti. Finfinnee naannoo Abinnat, ganda 28 jedhamuttin dhaladhee guddadhe. Bara 2006tti Afrikaa Kibbaa deemee, ammas achuman jiraadha. Bultii dhaabee, ijoollee sadiis horadheera.

Bara 2004tti koolleejii Hilkoo jedhamutti barattuu kompiwutar saayinsiin ture. Durumaa qabee hojii mataa koo hojjechuu gatiin barbaaduuf kitaabota baayyee dubbisuu keessa sarara jireenya koo nan geeddare.

Jireenyi koo barnootaan qofa geeddarama jedhee ijaa hin amanneef filannoo biraa ilaaluun jalqabe. Hojii neetwoork maarkeeting jedhamutu na harka bu'e.

Haati koo immoo qofaa na guddisuun ishee hojii kanatti akkaan galuuf sababa naaf taheera.

Haati koo ijoollee ja'a qabdi ani mucaa shanaffaa dha. Nu guddisuuf jecha hojiidhaan Dubaay jiraatteetti.

Ijoolleen kaan haatisaanii laaqanaa isaaniif hojjettee, bunni danfee fi manni ho'ee gaafan argu, haati koo na bira waan hin jirreef nan gaddan ture.

Haadha koo biyya ormaatii fidee yeroon manatti gallu ishee arguun abjuu koo isa guddaa ture. Hojii neetwork maarkeetiing jedhamu kanas kanumaanan jalqabe.

Kanaa booda gara Afrikaa Kibbaan imale, isan akka tasaa deeme torbee lama ergan hojjedhee booda achumattin hafe.

Garas kanin imale achitti maamiloota horachuuf jecha dha. Daldalli achi dhaqee jalqabes guddatee fi bal'atee ture. Hanga 2009ttis hojjechaan ture.

Neetwoork maarketiing yoon hojjedhu maallaqaan alatti hoggantummaa, namootaa waliin waliigaluufi dandeettii gurgurtaa argadheera. Argachuu fi dhabuu hojii kanarraa baradheera. Argachuurra immoo dhabuurraa waan hedduu baradheera.

Ofitti amanamummaan koollee baayyee dabale. Balballi hojii kun ulaa garaagaraa akka qabuufi ittiin deemuun immoo akka na milkeessus bareen jira.

Yeroo tokko garuu hojii kana dhaabeen, Indiyaa irraa mi'a fichisiiseen raabsitootaaf kennuu jalqabe. Piroojektii irrattis hojjedheera. Bu'aafi kaasaaraa ilaaleen nan dhaabe.

Ijaan kasaareefan dhiise jechuu naa wayya fakkaata.

Maatii fi hojii

Mucaa koo hangafaa 2013tti yoon dahu fedhii qarshii ijoollee koof tahu guduunfachuun qaba. Abbaan warraa koo lammii Gaabon yoo tahu inni akkuma koo baratee milkaa'uu fedha.

Digrii isaa sadaffaa hojjechaa ture. Yeroo wal-fuunu nama ganna 35 ture otoo waggaa 40 hin guutiin piroofeesara tahuuf tattaafachaa ture.

Kaffaltiin yunivarsiitiiwwan Afrikaa Kibbaa immoo gaafan yaadu fedhii garaa kootiin bira akka na hin qaqqabsiis natti dhagahame.

Kana garaattii qabadhee amma mala daldalaa haaraa soquu koo ittan fufe. Abbaan warraa koo hojii dhaa gaafa deebi'u immoo yaada ani fidu irratti ni mari'anna. Daa'ima koo lammataa ergan argadhee booda waan Biitkooyin jedhamun bare.

Waa'ee Biitkooyin dhagahe kana abbaa warraa kootti hime jennaan naa fudhachuu dide.

Dubartiin waa'ee Biitkooyin na hubachiisuu yaalte akkuma mucaa ganna ja'a hubachiistu natti himi jedhee natti himte jennaanillee naa galuu hin dandeenye.

Achii Google irratti barbaade jennaan odeeffanooo gahaa argadhee hubachuu danda'e.

Kana booda abbaan warraa koo dhimma kana gaafa qoratu daldalichi abdii akka qabu baretu akkan irratti xiyyeeffadhu na jajjabeesse.

Anis isa humni koo danda'erratti hirmaachuun jalqabe. Baatii lama booda immoo hojii Maayining jedhamu jalqabe.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Isheen Eenyu: 'Hojii waliisaa hin beekne jalqabeen amma miiliyoonaan buufachaa jira'

Hojii kanarratti bobba'ee ganaa karaa otoo naa hin qabatiin abbaan manaa koo Kaanaadaa Ontaariyootti carraa barnootaa argate jennaan inni dhaqee akka baratuufii animmoo asitti ijoollee koo waliin hafuuf murteessine.

Kanaan walii gallee inni achi dhaqee qarshii maatii bulchu Afrikaa Kibbaatti erguuf ture kan yaanne.

Haa tahu malee yeroo gabaabduu keessatti ani callaa argachuun jalqabe. Baatii jaha keessatti dachaa miindaa abbaa warraa koo argachuun jalqabe. Achiin yaada gara Kaanaadaa deemuu nan dhiise.

Bu'aa koo kana dhufee erga argee booda innis hojiisaa Kaanaadaa jiru dhiisee anaan deeggaruutti ka'e.

Hojii kanaan waggaa tokkoof walakkaa keessatti doolaara miiliyoona tokko argachuu danda'eera. Kana boodas daldalichi bal'achaa jiraa , anis fayyadamaa dhuman jira.

Nama miiliyenara tahuu barbaadu hundaaf karaasaa banaa dha. Haadholii ijoollee dahaniifi namoota itti gaafatamummaa qabanillee waan hojjechuu danda'ani dha.

Ani otoon biyya ormaa jiraadhuu, ijoollee sadii waggaa shanii gad tahan otooon guddisuu hojjechuu dandeenyaan warri kaanis hojjechuu danda'u.

Intarneetii fi fedhiin dureessa tahuu hanga jiraateetti hojjechuun hinuma danda'ama jedheetan yaada.

Hin dandeessu warreen naan jedhan milkaa'ina caaluuf na kakaasu. Afrikaa Kibbaatti afaan hin dandeessu naan jedhu, dubartii tahuu akka dadhabinaatti warri natti kaasan hundi sadarkaa amma jiruuf na onnachiisaniiru.

Abbaan warraa koo ulfaa'uufi harma hoosisuutiin alatti waan hundumaan na gargaara. Kanaanis carraa qabeettii dha.

Maallaqni furmaata waan hundumaa miti. Waan hundumaa salphisuu garuu ni danda'a Kanaaf yeroo hunda qarshii argachuuf jabaadheen hojjedha.

Akka lammii Afrikaa tokkotti jireenyi koo yoo geeddaramu kanneen biroo immoo ni dammaqsa jedhee ijaan yaaduufi jabaadhee kanin hojjedhu. Lammiiwwan Afrikaa miiliyeenara akka tahan gochuu nan yaada.

Biitkooyin maali dha?

Biitkooyin akkuma yuroo fi doolaarii qarshii dha. Qarshii kaan irraa kan adda isa taasisu garuu gatii isaati. Gatiinsaa yeroo yerootti ni dabala malee hin hir'isu.

Qarshiin inni kaan kan waggaa tokko dura ittiin binnu irra gatiinsaa hir'iseeera. Biitkooyin garuu guddachaa dha kan deemu yeroo baayyee.

Inni kan biraan immoo nama tokkorraa gara biraatti otoo irra hin hir'isiin dabarsuun ni danda'ama. Namni sadaffaas isa gidduu galu illee amma haqameetu jira.

Ani Biitkooyin Maayinning irratti ergan hojjechuu jalqabee booda yeroo hunda namoonni qarshii Biitkooyin bitanii akka keewwatan ittan hima. Daldala Biitkooyin irratti hirmaachuuf carraan akka jiruufi qarshii kanaan bittaa gurgurtaa raawwachuu akka danda'anillee nan dubbadha.

Kuni carraa nama hundaaf jiru dha. Garuu of eeggannootiin hojjetamuu qaba. Addunyaa irratti hojii kanaan kan burjaajessan ijaa jiraniif qoratanii itti galuun barbaachisaa dha.

Miiliyeenara tahuun ni danda'ama gaafan jedhu immoo guyyaa dhuma tokkotti jechuu miti, jabaatanii hojjechuun barbaachisaa dha.

Fakkeenyaaf ani isa Biitkooyin Maayiniing jedhamurratti yoo tahu kanin hojjedhu maallaqa maxxansuu jechuu dha. Kunis maallaqa guddaa fi michuu gaarii argachuu barbaada.

Anaafi abbaan warraa koo 2015tti mana barumsaa Achiivars Akkaadaamii jedhamu dhaabnee waa'ee marsaa(network) crypto currency(qarshii waraqaadhaan hin maxxanfamne) barsiisuu jalqabne. Kanas Yunivarsiitii Piriitooriyaa waliintaanetu hojjenna.

Ani immoo karaa dhaabbata keenyaa biyyoota garaagaraa deemuun muuxannoo koo warra kaaniif nan qooda.

Dhaabota garaagaraa waliin hojjenna. Afrikaarra darbinee biyyoota addunyaa 33 keessatti hojjenna. Hanga har'aa namoota 30 caalan hojii isaaniitiin doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu akka argatan taasifaneerra. Hojicha kaan otuma hojii isaanii durii hojjetanii hojjetu, kaan immoo kan gadhiisanis jiru.

Amma dhaabbata teessoonsaa Poolaand jiru waliin mallatteessinee hojjechaa jirra. Ani isa Afrikaa keessa jiru waliin hojjechaa nan barsiisa. Eenyuyyuu hojii kanarratti bobba'e jennaan ni milkaa'a.

*Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata