Yargan Kiloop: Leenjisaan Liivarpuul tapha yeroo ayyaanaa taphatamu 'yakka' jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Liivarpuul Kamisa Leestar waliin taphatanii gaafa Dilbata aimmoo Woovis waliin taphatu
Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloop yeroo ayyaanaa kanatti kilaboonni muraasni guyyoota sadiitti tapha lama akka taphatan inni taasifamu yakkaa jechuun himan.
Piriimer Liigiin tibba ayyaana Dhaloota Kiristoos kana torbanitti taphoota lamaa ol taphachiin isaanii kun afaan isaaniitiin 'Booksiing Deey' jedhama.
Kilabiin isaa Liiverpuul (Diimoleen) Kamisa har'aa gara Leestar deemuun erga taphatanii booda gaafa Dilbataa ammoo gara Woolviis dhaqun ni taphatu.
Kilaboonni biroo garuu tapha lama gidduu boqonnaa guyyaa tokko qabu.
Waancaa Kilaboota Addunyaa Qaxaar deemuun erga mirgaan galeefi waancaa Kaaraabaawoo irratii erga mo'amanii as walumaa gala ji'a Muddee keessatti Liivarpuul tapha sagal taphata jechaadha.
"Kunimoo 'sirrii miti," jedhaniiru Kiloop.
"Ammas taphachuu hin rakkannu. Tapha guyyaa Booksing Deey jedhamu leenjisaan taphachuuf rakkoo hin qabu, garuu taphni Muddee 26 fi 28 taphatan garuu yakka.
'Wanti kun waggaa waggaan leenjisototaaf haaraa miti,' jedhaniiru.
Tapha Leestar Liivarpuul waliin
Tapha dirree Leestar dhaqee Liivarpuul taphatu irratti Aleekis Oksileed Chaamberliin tapha Waancaa Kilaboota Addunyaa kan FIFA'n qophaa'e irratti waan miidhameef hin hirmaatu.
Jara Leestar jalaas taphattoonni miidhaman ni jiru.
Haata'u malee, taphataan sarara gidduu Leestar baatii Amajjii darbe as dirree keessaa fagaatee ture shaakalatti deebi'us taphatti waan deebi'u miti.
Faabinihoo, Diyaan, Looviran akkasumas Joweel Maatip garuu ammallee Liivarpuuliif hiriiranii taphachuu hin danda'an.
Boornimaawuz Arsenaal waliin
Unaay Emiree kan bakka bu'e Mikeel Arteetaan taphattoota isaa biraa waan humna namatti horu akka arge himeera.
Arsenaal Sanbata darbe Evartan waliin galchii malee erga adda bahee booda har'a ammoo dirree Bornimaawuz dhaqee taphata.
''Taphoota darban keessatti akkatti taphattoonni mallattoon dirreerratti waliigalan dabaleera,'' jechun ibsa.
Maanchistar Yunaayitid Niw Kaasil waliin
Tapha har'a Maanchistar Yunaayitid dirree ofiirratti Niw Kaasiliin morkaturratti Pool Pogbaan ni hirmaata jedhamee eegama.
Diwogoo Daalot argamu danda'a. Haata'u malee, Erik Beeli, Anjel Goomeziifi Timooti Foosu Mensaah garuu ammallee hin hiriiran.
Jarri Niiw Kaasil garuu ammallee Paawul Dumeetin ala jiru, Jetroo Wiilems garuu ni deebi'a jedhamee eegama.
Totanhaam Biraayitan waliin
Dilbata darbe Chelsiitin 2fi 0'n kan mo'ame Totanhaam tapha har'aa injifachuuf dirree seena jedhamee eegama.
Biraayitanis tapha torban darbeen hin milkoofne ture.
Yoo seenaa guyyaa Booksing Deey ilaalle Totanhaam tapha guyyaa har'aa taphatame irra aanaa tureera.
Jarri Totanhaam yeroo xumuraaf guyyaa Booksing Deey kan injifataman Muddee 26, bara 2003 ture.
Biraayitan garuu erga bara 2005 as tapha guyyaa har'aa taphatamu mo'ateetu hin beeku.