Feesitivaala daangaan Itiyoo- Eertiraa banamuu yaadachuuf sababeeffachuun qophaa'e

Haawwan tibba daangaan saaqameetti gammachusaanii ibsaa turan

Fulbaanni 1 ALI bara 2011 guyyaa dangaan Itiyoo-Eertiraa itti banameefi maatiiwwan ijaan wal arganii hinbeekne ijaan itti walarguun qaamaan itti wal hammataniidha.

Sababa daangaa nam-tolcheetiin ykn namni sararuun qofaan yeroo garaa garaatti addunyaarratti sababii daangaatiin hedduun lubbuu dhabaniiru.

Haaluma kana fakkaatun ture namoota daangaa Itoophiyaafi Eertiraa irra jiraatan sababii waraanaatiin, isaan booda ammoo nageenya dhabiinsaan walqabatee firoota isaaniin adda bahanii turaniiru waggoota 20 oliif.

Wayita oduun daangaan banamuu dhagahameetti, suraawwan miira namoota hedduu xuqaniifi viidiyoowwan midiyaadhaan darbaa tureera.

Suuraawwan wayita haatiifi ilmoon, hirriiyoonni, ollaan durii mul'isan bal'inaan qoodamaa turan.

Erga daangaan Itiyoo-Eeritiraa saaqameen baatiiwwan muraasaan booda sararriiwwan adda addaa deebii'ee cufame. Haa ta'u malees miira saaqamuun daangaalee kanneeni irratti hundaauunagarsiisa fesitivalli viidiyoo tokko harra ni saaqama.

Feesitivaalli waggaa lama lamaan qophaa'u kunis barana marsaa sadaffaaf kan qophaa'eedha. Ka'umsa isaa saaqamu daangaa Itiyoo-Eertiraa haa taasifatu malees, seenaawwan addunyaa kanneen daangaan walqabatan ilaaluuf kan karoorfateedha.

Kanaafis oggeessoonni 18 kanneen biyyoota 11 irraa babahan affeeramaniiru.

feestivaalli mata duree daangaa waliin ykn 'Mutual Periphery' jedhamu kanis lammilee Itoophiyaa sadii; Kibroom Gabramadihin, Hiliinaa Mataafariyaa fi Tederoos Kifile jedhamaniin kan qophaa'eedha.

Fakkeenyaaf viidiyoon Tediroosn qophaa'ee miirawwan gammachuu wayita daangaan banamu ture kan mul'isuudha. Hojii gara biraa oggeessoota biyya Ukireenii dhufanii qixxeeffame ammoo dargaggoonni haala attamiin waraana akka ibsan kan agariisuu ta'u qopheessitonni fesitivaalichaa ni himu qopheessitoonni.

Qopheessaafi hundeessaan fesitivaala kanaa Iziraa Wube BBC'tti akka himeetti dhimmi daangaa dhimmaa addunyaa waan ta'eef, taatee itoophiyaafi kan Eertiraa ka'umsa taasifachuun muxannoo biyyoota hedduu oggummaan kanaan ibsuun ni danda'ama jedha.

''Tokko Maaleshiyaa irraa kaan ammoo Naayijeriyaarraa ta'uyyuu tokkuma. Oggummaa kanaanis attamiin riqicha walfakkaatu uumuun akka danda'amu agarsiisuun ni danda'ama,'' jedha.

Viidiyoowwan agarsiisicha irratti mul'atanis attamiin garaa garummaan bakka jiruutti wal dabda'u akka danda'amu, nageenyaaf dursi akka itti kennamuufi walitti dhufeenya maatii cimsuuf akka gargaaran amantaa isaa hima.

Image copyright AVAF

"garaa garummaan jiraatulleen, bakka waliin itti waliigalamu riqicha umuun barbaachisaa natti fakkaata,'' jedha.

Festivaal Addis viidiiyoo Aart jedhamu kunis waggoota darban manneen xajjii, Finfinnee daandiiwwan akka Chalchil irrattiifi bakkeewwan namoonni hedduu itti nagadatan kan akka Markaatoo fa'iitti faa agarsiisuu himu.

Kunis hojiiwwan aadaa ummatatti dhihoo akka taasisu hima Iziraan.

Haaluma walfakkaatuun bara kanas viidiyoo daandiiwwan fi bakkeewwan ummanni itti baayyatuutti agarsiisuuf karoorafachu hima.

Haaluma kanaanis har'aa galgala Jiddugala Oggummaa gabra Kiristoos Dastaatti saaqamuun, guyyoota torbaaf kan turu ta'u hima. Dhumarrattis mana Xajjii Jimmaatti uffata gaabii irratti viidiyoo agarsiisuun kan xumuramuudha jedheera Iziraan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan