Komishinii Farraa Malaammaltummaa aangoo hin qabne

Maallaqa biyyoota garaagaraa Image copyright Ministry of Revenue

Itoophiyaan sababa malaammaltummaan doolaara Ameerikaa Biiliyoon hedduun lakkaawamu dhabuu ishee qo'annoowwan idila-addunyaa waabeffachuun Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Itoophiyaa beeksise.

A.L.I bara 2009 fi 2010 Itoophiyaan maammaltummaan doolaara Ameerikaa biiliyoona 6.6 dhabuu ishee guyyaa ittisa malaammaltummaa idila-addunyaa akka biyyaattii kabajamaa ture irratti ibsameera.

Komishinarri Komishinii Naamusaafi Farra Malaammatummaa Itoophiyaa Obbo Ayyeliny Muluu'alam gabaasni kun kan Baankii Addunyaa akka ta'ee BBC'tti himaniiru.

Itoophiyaan ogeeyyii mataa isheen waggaa jaha dura hubannaa hawaasni malaammaltummarratti qabu qorannoo gaggeessiteen alattii qorannoo hanga maallaqaa sababa maallamaltummaan dhabame hin gaggeefamnee jedhan.

Abbaan Alangaa Federaalaafi Waajirri Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaa malaammaltummaarratti qorannoo gaggeessaa gara xumuruutti akka jiran ibsaniiru.

Akka 'Global Financial Intelligence 'tti ammoo bara 2004 hanga bara 2013 maallaqni Itoophiyaa doolaara biiliyoona 26 ta'u saamame daangaa ce'ee dhokateera.

Afrikaan waggaa waggaan doolaara biiliyoona 50 ta'u hatamaa jirti.

Guyyaan farra malaammaltummaa sadarkaa idila addunyaatti Muddee sagala kan kabajamu yoo ta'u, addunyaan si'a 16ffaaf Itoophiyaatti ammoo si'a 15'ffaaf kabajjeetti.

Ayyaana kanarratti Itoophiyaan ittisa maammaltummaarratti hojiin hojjette laafa ta'uu Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Itoophiyaa Obbo Ayelinyi Mulu'alam BBC'tti himaniiru.

Rakkoo nageenyaa amma biyyattii mudatee jiruufillee malaammaltummaan gahee olaana qabas jedhameera.

Komishinii Farraa Malaammaltummaa aangoo hin qabne

Sadarkaa federaalaatti aangoon malaammaltummaa qorachuufi himachuu Abbaa Alangaa Federaalaafi Dhaabbata Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaaf kennameera.

Akka komishinar Ayyelinyi jedhanitti qaamni ittisa malaammaltummaarratti gaafatamni kennameef kun hojiin ittisa malaammaltummaa qaama tokkon raawwachuuf hin dandeessisu jedhamee, gaheen isaa qaamoolee biroof qoodamuun waajiricha hedduu laaffiseera jedhu.

Waajirichi erga bara 2016 aangoo maammaltummaa qorachuu fi himachuu hin qabu.

Image copyright Fana Broadcasting Facebook page

''Gaheen keenya barsiisuu, qo'annoo adeemsa hojiifi galmee qabeenyaarratti qofa waan murtaa'eef, aangoon isaa xiqqaateera, dhaageettiin isaas gad bu'eera.''

''Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa jedhamee hanga hundaa'ee jirutti malaammaltoota hin qoratu taanaan komii hawaasarraa ka'u waan deebisuu danda'uu mitii'' jedhu.

Amma humna namaa gahaa ittisa maammaltummaarratti hojetullee sadarkaa hin qabannerra gaheera kan jedhan aanga'aan kun, fulduratti mootummaan dhaabbatni kun aangoo malaammaltummaa qorachuu fi himachuu akka qabaatu osoo jajjabeeffamee gariidha jedhu.

Namootni waajiricha qeeqan garuu wayita aangoo qorachuufi himachuu qabuttillee malaammaltummaan sadarkaa olaanatti darareere akka ture kaasu.

Rakkoo nageenyaa biyyattii ammaaf dhuguma malaammaltummaan sababaa?

Qophii xumuraa ayyaana kanaa irratti rakkoo nageenyaa amma biyyattii mudatee jiruuf sababni guddaan malaammaltummaa akka ta'e himaameera.

Obbo Ayyalinyi kana yoo ibsan waggoota muraasa darban ''ontiroobaandistootni akka malee kan itti heddummaatan, qabeenyi mootummaas malaammaltoota gurmaa'aniin saamamaa fi dhokfamaa kan ture ta'uu, saamicha maallaqaa piroojektoota gurguddoo biyyaa raawwatamuun'' gaaffiin fayyadama qabeenyaa waliqaxaa akka ka'u sababa ta'eera jedhan.

''Bu'uurri qabsoo jijjiirama amma dhufee mataan isaa gaaffii haqaqabeessumaati, gaaffii fayyadama dinagdee haqa qabeesssaa, naannole gidduu qiidinsi qabeenyaa walqixaa dhibuuti.''

Bu'aan gamaaggama ADWUI jijjiirama dura hojiin keenya malaammaltummaan guutameera kan jedhu akka tures obbo Ayyelinyi himaniiru.

Qabeenyi biyya tasgabbii dhowwuuf bahaa jirus malaammaltumman kana horatame ta'ee, fayidaa dhaban deebifachuuf duula gaggeeffamu hirphaa jiraas jedhameera.

Qabeenya galmeessuun Ittisa malaammaltummaaf

Komiishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Itoophiyaa waggoota muraasa dura qaama ittisa malaammaltummaa gochuun hooggantootni mootummaa sadarkaan jiran qabeenya isaanii akka galmeessaniifi waggaa lama lamaaniis akka haaromsan gochuu jalqabee ture.

Duula kanaan hanga ammatti aanga'ooniifi hojjettootni malaammaltummaaf saaxilamoodha jedhaman 150,000 ta'an galmaahanii akka jiran obbo Ayyeliny himaniiru.

Haata'u malee hojiin kun itti fufiinsaan gaggeefamaa waan hin jirrefi qaamoleen qabeenya isaanii galmeessuu qabuu jedhaman heddummachuun hordoffii irratti dhibbaa uumuu himan.

Qabeenya ofii guutummaatti beeksisuufi yeroo isaa eeguun haaromsuurratti akkasumasa qabeenyi galmeeffame sirrii ta'uusaa qulqulleefachuurratti hanqinni jiraachuus dubbataniiru.

Qaamolee malaammaltummaaf hedduu saaxilamoo ta'anirrattii xiyyeefachuu caala kanneen saaxilama guddaa hin qabne yookan maallaqa guddaa hin sochoofne galmeessuun hojii galmeessuu fi hordoffii wal xaxaa gochuus himaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata