Maddi waldhibdee Ertiraafi Kuwaataar maali?

Pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqiifi Emiir Sheeki Kuwaataar Taamim Bin Hamaad Al - taanii
Eertiraan biyyoota Arabaa Bahaa Giddu-galeessaafi galoo galaana waliin walitti dhufeenya waggoota dheeraaf ture qabdi.
Yeroo dhihoo as garuu walitti dhufeenyi michuu duraanii kan taate Kuwaataar waliin ture qabbanaa'aa dhufuun hanga ifatti wal himachu irra gahaniiru.
Mootummaan Eertiraa Kuwaataar faana waldhabdee cimaa keessaa galuusheetiin ji'oota darban keessa mootummaan Kuwaataar mootummaa Eertiraa dadhabsiisuuf yaaliiwwan adda addaa taasisee jechuun himannaa cimaa yoo dhiheessitu, Kuwaataar gamasheetiin yeroo garagaraatti himannaa hunda haalaa turte.
Eertiraan komii dhiheessaa kan turte Kuwaataar qofarratti osoo hin tanaee; Sudaaniifi Turkirrattillee.
Kanneen keessaa tokko Kuwaatar araara Itoophiyaafi Eertiraa jiddutti uumameen gammachuu hin qabdu jechuun komatu.
Waggaa darbe ji'a Ebla keessa ibsi mootummaa Eertiraarraa bahe biyyoota sadiin kan ilaalatu ture. Kanaanis Kuwaataariifi Sudaan hojii "hamaa" akka hojjachaa jiraniifi Turkiinis kana keessatti hirmaataa akka jirtu kan ibsudha.
Keessumaayyuu Turkiin teessoosaa Sudaan kan taasise Mana Maree Musliimaa deeggaruun Eertiraa dadhabsiisuuf hojjachaa jirti, Sudaanis ishee deeggaraa jirti jechuun himannaa banuun ishee ni yaadatama.
Ji'a darbe Ministirri Beeksisaa Eertiraa ibsa baaseen; "Kuwaataarifi deeggartoonni ishee mormiitoota mootummaa Eertiraa, hoggantoota paartiilee siyaasaafi dargaggeeyyii hidhachiisuun mormii akka kaasan qopheessitee jirti," jechuun himannaa irratti baneera.
Himannaan kun "soba" jechuun gatii kan dhabsiiste Kuwaataar gamasheetiin garee Eertiraa keessa jiru kamiyyuu waliin walitti dhufeenya homaa akka hin qabne beeksistee jirti. Ministirri hajaa alaa Kuwaataar Kuwaataaritti ambaasaadara Eertiraa muuduun sanada mormii biyyisaanii himannaa "mormii" ibsu kennaniiru.
Eeritraafi Kuwaataar walitti dhufu turanii? Yeroo ta'e wayii pirezidant Isaayaas Afaworqii biyyoota irra deddeebiin daawwatan keessaa Kuwaataar filannoosaanii jalqabaa turte.
Walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii jabaa akka ture namoonni siyaasa naannichaaf dhiheenya qaban ni dubbatu.
Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii
Kanarraa kan ka'e waggoota 10 dura waldhabdee daangaan kun naaf mala jedhuun Eertiraafi Jibuutii jiddutti uumameen biyyoota lamaan jiddutti waliigalteen akka uumamu gochuurraa darbitee Kuwaataar daangaa biyyoota lamaaniirratti loltoonni nageenya eegsisan hamma bobaasutti geessee turte.
Kunis michooma Eertiraan Kuwaataar faana qabu kan agarsiisuudha.
Eertiraan Sudaaniifi Kuwaataar irratti himannaa banuusheetiin dura "araara Beeja" jedhamuun kan beekamu rakkinna Sudaan Kaabaa ture hiikuuf waliigaltee akka biyyasheetti akka mallatteessan gooteetti.
Boodarratti garuu walitti dhufeenyi biyyoota lamaan kanneen qabbanaa'aa dhufuutu himama.
Kuwaataaris loltoota ishee daangaarraa kaafte.
Jalqabbii waldhabdee
Xiinxalaa siyaasaa biyyoota Bahaafi Baha Giddugaleessaa Afrikaa kan ta'an Obbo Abduraahimaad Sayid Abuhaashim sababii walmorkii biyyoota lamaanii akkanatti ibsu.
Biyyoonni Arabaa Galfii irratti argaman Yuunaayitid Arab Emireetisiifi Saawudii Arabiyaa ejjannoo Kuwaataariin mormuu qabaachuun qoqqobbii geejjiba lafoofi bishaan irraa kaa'aniiru.
Eertiraanis walitti dhufeenya Kuwaataar faana qabdu adda kutuun Sawudiifi Yuunaayitid Arab Emireetisii waliin ta'uun biyyattiin garee shorarkeessummaa Yaman irratti haleellaa waraanaa gargaarte.
Kunis Eertiraan biyya michuushee kan taate Kuwaataar dhiisuun haleellaa Sawudii taasisftu deeggaruu isheetiin walitti dhufeenyi biyyoota lameen jidduu jiru bifa biraa akka qabaatu taasiseera.
"Mootummaan Eertiraa murtee kana kan murteesse Emireetis Asab keessatti kaampii waraanaa waan qabduufi. Dabalataanis, sirnichi garee adda addaarraa deeggarsa argata.
Kanaafuu walitti dhufeenya Kuwaataar waliin jiru akka qabbanaa'u kan godhe qaamota Kuwaataariin jilbeeffachuu barbaadan waliin hiriiruusaaniiti, " jedhu Obbo Abduraahimaad .
Kuwaataar dhimmicha mormuusheetiin mootummoota biyya garagaraarraa mormiin kan ishee mudate yoo ta'u; mootumoota naannoo sanif yaaddoo kan uume 'Musliim Biraazarhuud' deeggarta jedhaniis yakkuuni.
Madda suuraa, Reuters
Emiir Sheeki Kuwaataar Taamim Bin Hamaad Al - taanii
Waggoota 30'f Sudaan kan bulchan Omal al-Bashirii yeroo aangoorra turan Sudaaniifi Eertiraan darbee darbee waldhabdeen isaan mudata ture.
Ta'us garuu eega isaan aangoorra kaafamanii booda aanga'oonni ol'aanoo biyyoota lameenii Kaartuumiifi Asmaraa yeroo daawwatan mul'ataniiru.
"Sudaanoonni ofiisaaniitii rakkinna keessa waan jiraniif sa'aatii kanatti Kuwaataar waliin ta'uun Eertiraarrati duuluuf fedhii hin qabaatan. Akka yaada kiyyaatti Sudaan biyya biraarratti rakkoo haaraa uumuun ofiishee rakkinna keessa galuu hin bardaaddu," jedhu Obbo Abduraahimaad Sayiid Abuuhaashim.
Kuwaataar asiin dura Eertiraa faana walitti dhufeenya qabdi ture.
Ta'us garuu mormii biyyoota Arabaa keessatti mudate sababeeffachuun yeroo 'Musliim Biraazarhuud' Masriitti aangoo qabate san odeeffannoon Musliimota Eertiraa waliin hariiroo uumaniiru jedhuu sanii yeroos Eertiraan gammachuu dhabuushee dubbachuun ishee yaadannoo yeroo dhihooti.
Dabalataanis "Oppireeshiniin Fortoo" miseensota loltota Eertiraa taankii waraanaan deeggaramuun waajjira Ministira Beeksisaa fulduraatti yaalii hiriira mormii taasisan irratti Kuwaataar harka keessa qabdi jedhamee maqaan ishee ka'aa ture.
Sababiin kunneen walitti dhufeenya dhugaafi jabaa jedhamaa ture gara jibbiinsaatti jijjiirame jedhu xiinxalaan kuni. Eertiraan qabsoo bilisummaa boodarraa jalqabee biyyoota Bahaafi Baha Giddugaleessaa waliin walitti dhufeenya gaarii uumuu dandeesseetti.
Himannaan Eertiraan dhiheenya kana Kuwaataarirratti baafte kun biyyoota adda addaaraa deeggarsa aragchuu akka hin oolle dubbatu obbo Abduraahimaad Sayiid Abuuhaashim.