Somaaliyaatti boombii dhuka'een yoo xiqqaate namoonni 76 du'an

Warri ijaan argan iddoo dhuka'insi uumametti namooti baayyee ajjeefamuu himu. Image copyright Reuters

Har'a ganama Somaaliyaatti boombiin konkolaataa irratti dhuka'ee yoo xiqqaate namoonni 76 ajjeefaman.

Dhukaasni kuni magaalaa Moqaadiishoo buufata sakattan'insaatti mudate.

''Dhuka'insichi waan baay'ee kan barbadeesse yoo tahu, namootni nagaa 76 du'uufi baay'een madaa'uu,'' qondaalaan poolisii Ibraahim Mohaammad AFP'tti himan.

Hundeessaan ambulaansii Amiin, Abdiikadiir Andiiraamaan ''reenfa namoota du'an 60 baasnee jirra,'' jechuun Rooyitarsitti himaniiru.

Hanga yoonaa dhuka'insa kanaaf qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru. Haa ta'u malee, yeroo hedduu miliishoota Al-shabaabitu haleellaa akkanaa raawwata.

Warri ijaan argan iddoo dhuka'iinsi uumametti namootni baay'ee ajjeefamuu himu.

''Iddoo garaagaraatti reeffa kukkufe argaan ture, kaan immoo akka malee waan gubataniif adda baasuun nama rakkisa,'' jedhan iddoo sana kan turan Saakaariyee Abdulqaadiir.

Miseensi paarlaamaa Somaaliyaa Mohaammad Abduraazaaq kan jedhaman immoo lakkoofsi namoota du'anii 90 ta'a jedhu. Odeeffannoo isaan argatan garuu waan mirkanaa'e miti.

''Allaah warreen haleellaa suukaneessaa kanaan miidhamaniif araara haa erguuf,'' jedhan minsteerri nageenya biyya keessaa duraanii biyyattii.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata