Qaasiim Solemaani: Lammileen Iraan mormiitti jiru, milishaan Iraaq haaloo bahuuf dhaadate

Jeneraal Qaasim Solemaani Image copyright AFP/Getty

Jeneraalli beekamaa Iraan Qaasim Solemaani ajaja Tiraampiin Iraaq buufata xiyyaaraa Baagdaad keessatti ajjeefamuun duuba lammileen biyyattii hiriira balaaleffannaatti jiru.

Lammileen Iraan kumaatamaan lakkaa'aman hiriira bahuun du'a jeneraala isaaniif gadda itti dhagaa'ame ibsatanii Ameerikaas balaaleffatanii jiru.

Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Lammileen Iraan gurraacha uffatanii Hiriira bahan

Alaabaan Ameerikaa fi michuu Ameerikaa kan taate Isra'eel mormitootaan gubateera.

Pireezidantiin Israa'el Benjaamiin Netanyaahuu ajjeechaa kanaaf Tiraamp jajataniiru.

Israa'eel qabsoo nagaa, nageenyaa fi of-ittisuuf Ameerikaan taasiftu irratti Ameerikaa waliin dhaabbatti jedhan.

Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Alaabaan Isra'eel wayita mormitootaan gubatu
Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Alaabaan Ameerikaa wayita mormitootaan gubatu

Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp haleellaa raawwatameen booda twitter irratti yaada kennaniiru.

"Iraan takkaa waraana mo'attee hin beektu, garuu mariin ammoo mo'atamtee" hin beektu jedhan.

Mootummaa Iraan dabalatee milishaan Shiyaa Iraaq kan hogganaan isaanii Abu Maahdi al-Muhandis jeneraal Solemaani waliin jalaa ajjeefame haaloo bahuuf dhaadataa jiru.

Ameerikaan lamileenshee hatattamaan Iraaq gadi dhiisanii akka bahan ajaja dabarsitee jirti.

Biyyoonni Awurooppaas lammilee isaaniif akeekkachiisa kennanii jiru.

Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Iraaq suuraa ajjeechaa jeneraalichaa ibsu ifa goote

Ajjeechaa jeneraal Solemaaniif gaddi guyyaa sadii kan labsame yoo ta'u, imbaasiin Firaans Tehraan jiru lammileen isaa bakka namoonni walitti qabaman kamittuu akka hin argamne akeekkachiiftee jirti.

Dubbi himtuun Ministeera Haajaa Alaa Raashiyaa Maariyaa Zaakaroovaa "Ameerikaan naannicha keessatti olaantummaa aangoo jiru jijjiiruuf haleella kana raawwatte" jette.

Garuu ammoo muddama naannoo sana jiru daran hammeessuu malee bu'aa biraa hin qabaatu jette.

Ministirri Haajaa Alaa UK muddamni uumame akka tasgabbaa'u waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maayi Pompewoo muddamni uumame akka tasgabbaa'u Ameerikaan kutannoo jabaa qabdi jedhaniiru.

Jarman haleellaa raawwatameen muddamni uumame akka tasgabbaa'u waamicha dhiyeessite garuu ammoo haleellicha waan deeggartus fakkaatti.

Muddamni wayita ammaa jiru kun naannoo Jiddugaleessa Bahaa keessatti waraana hamaa kaasa jedhamee sodaatamaa jira.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata