Lixa Oromiyaa: Oomishtoonni bunaa 'Komaandi Postii' jala jiran hojjetachuu dadhabne jedhu

Nama buna ciraa jiru Image copyright ISSOUF SANOGO

Godinni Qellem Wallaggaa nageenya erga dheebotee waggaa lakkoofsiseera kan jedhan jiraattonni aanaalee godinichaa kanneen akka Anfilloo, Gidaamii, Daalle Waabaraa fi Gawoo Qeebbee ammammoo inumaa karaa soorata keenyaa nutti dhufeera jedhu.

''Utubaa fi dagalee jireenya keenyaa kan ta'e buna keenyatti baanee hojjetachuu erga dhiifnee bubbulleerra'' kan jedhu jiraataan aanaa Anfilloo magaalaa Muggii irraa dubbisne tokko ''oomishi bunaa miidhamuun qonnaan bulaa buna oomsihu qofa miti kan gaaga'u'' jedha.

''Bunni nyaata, dhugaatii, madda diinagdee fi waanmara keenya. Kan irraa fayyadamu isa buna dhaabee misoomsu qonnaan bulaa qofa miti. Kan bitee gurguru, kan warshaa bunaa qabu,darbees kan biyya alaatti ergu bunni hin oomishamu taanaan yaaddoo keessa gala. Biiyyis kan ittiin dhaadattu bunuma kana.''

Buna oomishuu fi daldaluun kan jiraatu ta'uusaa kan nutti hime namni kun ''misoomni bunaa durumaanuu xiyyeeffannoo dhabeera. Baranammoo buna keenya deemnee bosona keessatti kunuunsuun hafee kan oobdii keenyarraayyuu ol galfachuuf yaaddofneerra'' jedha.

''Aanaa Anfilloo gandoota baadiyyaa 25 qabdu keessatti bunni lafa hektaara kuma 10 ol irratti dhaabamee akka jirun beeka. Aanaa kana keessa Warshaan buna jiidhaa daaku 30-40 ni ta'a, kan gogaa daakus akkasuma. Kana jechuun aanaan keenya hagam takka bunarratti akka bu'uureffame agarsiisa''

Jiraataa Aanaa Anfilloo buna oomishu kan biraan maqaasaa eeruuf sodaate tokkommoo yaaddoo nageenyaarraa kan ka'e laga bunaa bu'uu dhiisee buna bitee gurguruutti seenee akka ture hima.

''Bosona iddoo bunaa deemnee kunuunsuun hafee bahii fi galli keenyallee yaaddoodha. An akka mataa kootti oomisha bunaa dhiiseera jechuu nan danda'a. Garuu buna bitee gurguree bu'aan argadhuunan jiraachaa ture. Ammammoo bilisaan socho'uunuu rakkoo waan ta'eef baqadhee magaalaa Dambi Dollootti galeen jira'' jedha.

Kanaan dura buna kuntaala 100 hanga 200 argatee, bitees itti dabalee gara gabaa giddu galeessaatti dhiyeessaa akka ture kan dubbatu jiraataan kun ''amma kanumti akka carraa argannee binnellee utuu warshaa buna jiidhaa daaku bira hin ga'in nu jalaa badaa jira'' jedha.

''Kanaan buna jiidhaa binnee sirnaan warshaa buna daakutti dhiyeeffanna turre. Amma sanumallee akka fedha keenyaatti daakkachaa hin jirru. Nama nu ajajee dhiisu hin beeknu. Dhiitanii nu bulchu.

Warshaan buna daaku namoota hedduurraa buna baay'inaan erga walitti qabatee booda daakuu qaba. Sunis yeroo ammaa halka keessaa hanga sa'atii afurii eeguu nu gaafata. Warri 'komaandi postii' garuu sa'atii 12 taanaan buna keenya waliin nu hari'u.

Akkasittiin bunni jiidhaan nu harkatti tortoree badaa jira. Guyyaatti birrii 6,000 fi isaa ol kassaraa oolla.''

Namni kan biraan oomisha bunaarratti yaaddoo qaban nutti himan ammo maanguddoo ganna 80ti.

Maanguddoo kanaaf jabina ta'ee maatiisaanii qabee yoonaan kan ga'e hundee bunasaanii akka ta'e dubbatu.

Amma garuu buna qofa osoo hin taane qe'eesaaniillee dhiisanii ijoollee isaanii biratti magaalaa Finfinneetti gugataniiru.

''Yoo xiqqaate umurii koo waggaa 50 buna oomishuurrattin dabarse.Jireenyi koo kan ijaarame bunarratti. Ijoolleen kiyya isaan nama ta'an. Har'a garuu iddoo buna kiyyaa ga'uun naaf hawwii ta'eera. Inumaa iddoo bunaa ga'uun hafee qe'eerraallee baqannee as jirra''

…harka namaatti kufuu keenya

Aanaa Anfilloo keessatti maatiin buna hin oomishne hin jiru kan jedhan namoonni dubbisne kunneen uummanni kun hundi sodaa nageenyaaf jecha oomisha bunaa yoo dhaabe ''teenyee harka namaa eeggachuun fagoo hin jirtu'' jedhu.

''Aanaan keenya buna bosonaa oomisha. Bosona keessa qaama hidhatetu jira. Wayita iddoo buna keenyaa deemnu qaamni nageenyaa mootummaa qaama bosona jiru soortan jedhee nu darara. Daldaltoonni bunaa magaalaa keessas ta'e baadiyyaa keessa deemanii akka duriitti buna bitanii gurguruun hin jiru. Dhiifnee keessaa baqachuu kajeelleerra.''

Akka jiraattonni kunneen jedhanitti daldaltoonni dureeyyiin hojii bunaa keessatti ijoo ta'an dhiisanii ba'aniiru.

''Dureeyyiin daldalaa fi oomsiha bunaa keessatti ijoo ta'an dhiisanii deemaniiru. Kanneen hafan muraasnis ba'aa jiru. Warshaaleen buna jiidhaas ta'e gogaa daakan hedduun cufamaa jiru. Uummanni ammumayyuu harka qullaatti hafeera'' jechuun haala aanaa isaanii keessa jiru ibsu.

Yuuniyenii Omishtoota Bunaa Torban Anfilloo

Qondaalli gameessi Yuuniyenii torban Anfilloo keessa waggaa dheeraaf hojjetan tokko kan sodaa nageenyaaf jecha maqaasaanii dhoksuu filatan tokko akka jedhanitti oomshni bunaa durumaanuu xiyyeeffannaa qaama hundaa waan dhabeef akkaan hir'ateera.

''Bunni keenya bosona keessatti kan oomishamu. Namni buna oomishu sirnaan oomishuu erga dhiisee tureera. Kanaaf bunni keenya barana yoo firii godhate waggaa lama booda deebi'anii irraa argu. Baranammoo yaaddoo nageenyaaf jecha namuu deemee bunasaa ilaaluu sodaateera. Kan daldalus hamma humnasaa ittuma jira. Garuu yaaddoon nageenyaa akkasumatti jira. Bunarraa abdii guddaa hin qabnu'' Jedhan.

Diinagdee biyyaarratti dhiibbaa akkamii qabaata?

Itoophiyaan waggaatti buna toonii kuma 200-kuma 300 gara biyya alaatti ergitu keessaa dhibbeentaan 75 Naannoo Oromiyaa irraa kan dhiyaatuudha kan jedhan dhimma bunaarratti qorannoo kan gaggeessan Obbo Haayilee Fufaa ''oomishnii bunaa qonnaan bulaa biratti gadi bu'e jechuun diinagdeen biyyaa yaaddoo keessa galeera jechuudha'' jedhan.

''Akka naannoo Oromiyaatti godinaalee buna oomishan keessaa Gujiin dhibbeentaa 20, Jimma 23, Iluu Abbaa Booraa 17, Qellem Wollaggaa 10, Wollagga Lixaa 8, walumaagalatti dhibbeentaa 88 godinaalee kanneen keessaati bunni kan ba'u.''

''Oromiyaa keessaa iddoowwan bu'uuraa misooma bunaatiin beekaman kunneen iddoo rakkoon nageenyaa jirudha. Komaandi postii jala waan jiruuf qonnaan bulaan akka fedhetti socho'ee oomishachuu hin dandeenye.'' jedhan Obbo Haayileen.

Bunni uumamasaatiin kunuunsa barbaada kan jedhan Obbo Haayileen '' Sanyii filachuu irraa eegalee hanga gabaatti dhiyeessuutti xiyyeeffannoon hin qabamu taanaan bunni baduu danda'a.'' jedhan.

Haala amma jiruun garuu qonnaan bulaa buna oomsihus ta'e daldaltoonni bunaa sodaa guddaa keessa waan jiraniif qabeenyi bunaa yaadddoo keessa jira jedhan.

Obbo Haayileen waggoota hedduuf qorannoo bunaarratti hojjetaniiru, mana hojii mootummaa keessattis damee misooma bunaarratti muuxannoo hojii yeroo dheeraa qabu, kitaaba waa'ee bunaa ''Filannoo sanyii bunaarraa eegalee rakkoo oomisha bunaa mudatu'' kan jedhu barreessanii nama gumaachaniidha.

''Jiruu kiyya keessatti akka bara kanaa bunaaf yaadda'ee hin beeku'' jedhan.

''Bunni lagaa seeraan kunuunfamaa hin jiru. Kan funaaname yeroodhaan warshaa bunaa seenee daakamaa hin jiru. Haala kanaan bunni janfala ta'ee badaa jira. Warqeen bakkeetti badaa jiru bu'aansaa yeroo gabaabaa keessatti diinagdee biyyattiirratti waan mul'atuudha'' jedhan.

Biyyoonni buna Itoophiyaarraa bitan buna jiidhaatti miiccame barbaadu kan jedhan Obbo Haayileen qonnaan bulaa biratti qabinsa bade jennaan sharafa alaa daran gadi buusa jedhan.

Obbo Haayileen akka nama dhimma bunaa itti dhiyeenyaan hordofuutti waan taajjaban wayita dubbatan,''Godinaalee akka Gujii fi Wallaggaa iddoo bunni baay'inaan oomishamutti qotee bulaa fi daldalaan akka fedhetti socho'uu hin danda'u.

Komaandi postiin sa'atii 12 booda akka isaan socho'an hin eeyyamu. Bunni immoo ciramee sa'atii saddeet keessatti warshaatti dhiyaatee hin daakamu taanaan janfala ta'ee bada. Akkanaan qonnaan bultoonnii fi oomishtoonni bunaa kisaaraa keessa galaa jiru.'' jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata