Isheen Eenyu? 11: 'Waltajjiirratti ba’anii dubbachuu nan saalfadhan ture' Abbabach Ajjamaa

Abbabach Ajjamaa

Aartist Abbabach Ajjamaa Lixa Shawaa Aanaa Dandii ganda qonnaan bulaa Diimtuu Burqaatti dhalatte.

Diraamaa sagantaa televizhiInii Itoophiyaa Dhangaa irratti darbu irraa qabee namni baayyeen dandeettii taatummaadhaan ishee beeka.

Tiyaatiroota Afaan Oromoo takka ifaa takka dhaaman keessatti isheetu akka urjii mul'ata. Hulluqqoo fi Gumaan warreen isheen taatoo ijoo tahuun irratti gumaachite keessaa kan maqaan dhahamani dha.

Taphoota gaggabaaboo yeroo ayyaanaa hojjettuun karaa foddaa televizhinii keenyaan mul'attee bashannan nuu arjoomteetti.

Fiilmii fi diraamaawwan Afaan Oromoo hedduu irratti haadha biddeenaa hanga daldaltuu dhaadhii tahuun waggootii dheeraaf hojjettee jirti.

Aartist Abbabach seenaa dhuunfaa, mudannoofi muuxannoo imala aartii ishee waggaa dheeraa nuuf qoodeetti.

Nuu dhiyaadhaa.

'Butii baqan Finfinneetti gale'

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Isheen Eenyu? 11: 'Waltajjiirratti ba’anii dubbachuu nan saalfadhan ture' Abbabach Ajjamaa

Biyya warra kootii adaadaa kootu Finfinneetti 'barachuu qabda' jettee gara magaalaatti na fidde.

Sababiinsaa immoo lafa ani dhaladhe butiitu baay'ata gatii taheef ijoolleen dubaraa barumsa isaanii otoo ol hin butiin heerumatti hafu.

Kanarraa na baraaruuf jetteeti adaadaan koo gara Finfinneetti na fiddee hanga kutaa kudha lamaatti asitti akkan baradhu tahe.

Garuummoo gaafa tokko abbaan warraashee na dhahe jennaan dhiisee biyyatti galee, deebi'ee immoo dhufee barumsa koo asitti xumure.

Adaadaan koo na guddisuuf Finfinnee na fiddee dhufte yeroo ani kutaa kudha lama yeroon xumure boqotte jennaa halkaniif guyyaan taa'ee boo'a ture.

Kanumaan hiriyyaan koo tokko mana teessee hin boo'in gadi baanee hojii barbaanna naan jettee, wal-qabannee Finfinnee keessa beeksisa hojii dubbisuutti kaane.

Biiroon Oromiyaa yeroos Aadaafi Ispoortii jedhamu nama tiyaatiraa fi og-barruu adda addaa barachuu barbaaduuf jedhee beeksisa baasee ture.

Hiriyyaan koo sun ni baranna malee naan jette jennaan maal naa godha hin barbaadu otuman jedhuu barachuu jalqabe.

Akka malee ijaan qaana'uuf garuu duuban taa'a ture, manattis golaa baa'uu hin barbaadun ture. Mana adaadaa koottis yeroo namni TV ilaalu ani yoo sirba tahe malee gadi baheeyyuu daawwadhu.

Yeroos aktiingii kan nu barsiisan Obbo Diimaa Abarraa kan jedhaman immoo ''koottu gadi bahii waa'ee mirga dubartootaa dubbadhu,'' naan jedhu ture.

''Nama kanaaf jedheen otoon barumsicha dhiisee jedhee ofitti nan waca ture sababiinsaa nama fuulduratti bahuu nan jibba,''

Barsiisaan keenyi kun garuu akkaan ija jabaadhuuf jecha fuulduratti baasanii na dubbachiisu ture. Amman waan hundaaf isaan galateeffadha.

Bara 1987 hojiitti yeroo gallu tiyaatira 'Daawwitii Jireenyaa' jedhamu keessatti Aadde Bashuu taheen hojjedhe. Niitii gaariii, ijoolleeshee ija wal-qixaan ilaaltu turte baayyeen jaaladhaani.

Yeroon ishee hojjedhu homaa otoo na hin rakkisiinan hojjedhe xumure, itti aansiinee immoo tiyaatira Gumaa jedhamu gaafa jalqabnu amala haadha biddeenaa naa kennan.

Warri waliin hojjennu 'Abbeen' haadha biddeenaa hamtuu taatee hojjechuu hin dandeessuu naan jennaan, barsiisaan koo yeroosi ammas hojjechuu qabdi taatoon amala hundumaa hojjechuu qaba naan jedhan.

Ani nameenyaan koo kan namatti waan hamaa yaadu miti. Amala haadha biddeenaa maaliif hamoo tahu jedheen nan qo'adhan ture, kanaafin yeroo baayyee haadha biddeenaa hamtuufaa tahee hojjedha.

Ammoo yeroo tiyaatira jalqabne qarshii 18 nuu kaffalama ture. Qarshiin 18 kuni nyaatas, mindaas waan hundumaa ittiin godhanna turre.

Abbaan Jaamboo raadiyoo Faanaatti yeroo darbu immoo kaffaltii malee hojjechuu jalqabnee,diraamichi quuqamaa fi rakkoo uummata ijaa gadi baasuuf baayyee jaalatamee ture anillee waggaa 18tin achirratti hojjedhe.

Tuuta Dhangaa…

Waa'ee Dhangaa yeroon yaadadhu garaan an hammaata. Jaalalli yeroo sanaa, dheebuun aartii fi akkaataan nuti itti hojjennu adda ture.

Iddootti shaakalluu fi hojjennu waan hin qabneef bataskaana deemnaa nu aari'uu, 'warri Onagii kun dhufan nuun jedhu ture. Kanuma keessa garuu dheebuufi jaalala aartiif qabnurraa hinuma hojjennaturre.

Kunoo har'ammoo afaan keenyi dagaagee akkanatti aadaa keenyas calaqqisaa jirra, dhalooti kana booda dhufan immoo kanarra aadaa isaaniif quuqamanii ni hojjetu jedheen yaada.

'Icciitiin koo obsa kooti'

Icciitiin aartii keessa hamma kanaa akkan turu na godhe obsa kooti. Kaayyoon qaba. Innis, aartiin Afaan Oromoo guuddatee, aadaansaa dagaagee, rakkina tokko malee Oromoon Finfinnee kessatti afaansaatiin boonee akka dubbatu dha kaayyoon koo.

Isan amma ifa xiiqqos tahu kanin arge obsuu koofi otoo hin nuffiin jaalala uummtaa fi aartiif qabuun itti fufuu kooti.

Akka ammaa manni barumsaa, buufanni fayyaa fi riqichi yeroo hin ijaaramnetti tiyaatira Daawitii Jireenyaa qabanneetu guutuu Oromiyaa naannofnee uummata keenya barsiisaafi dammaqsaa turre.

Yeroo waraana Eritiraa fi Itoophiyaas hanga daangaa Tigiraayitti deemnee diraamaa agarsiisaa turre. Kuni hundi jaalala uummataafi.

Amma waan hundi geeddaramee guddina arginee jirra,aartistoonni garuu jaalala uummataan alatti waan arganne biraa hin qabnu.

Dubbii tiyaatira Hulluqqoo

Tiyaatirri Hulluqqoo kan dura hojjetamee ture sababii dhuma rakkoo iddoo itti hojjetan dhabuufi xiyyeefannoo aartiif Oromoof kenname xiqqaachuu isaatiin kan addaan cite.

Isa waggaa meeqa bood hojjenna jennee maatii keenya beelessinee qarshii keenyaan jalqabne.

Erga tiyaatiricha hojjeennee eebbisiisuuf torban yoo hafu kufeen cabe karaa irratti.

Miilli koos akka malee waan miidhameef hospitaala gale. Hakiimichi ''miili kun muramuu danda'a,'' yeroo jedhu dhagaheen hakiimiittan iyyee jennaan, hakiima biraa naa fidanii na yaalteen gale.

Torban guyyaan tiyaatiraa yoo qaqqabu dhiiga qabadheen otoon hokkoluu hojjedhe. Otuman tiyaatira kana hojjedhuu al sadii irra deddeebi'ee kufeellee garuu hojjechuu hin dhaabne.

Nan yaadadha yeroo tiyaatira Gumaa jalqaba hojjennu Almaaz Haayilee kan amma Afaan Amaaraan hojjettu reenfa haadha ishee mana keesseti kabajaafi jaalala uummataaf jecha dhuftee hojjette.

Namni aartii keessa jiru jaalala uummataaf kenneetu, uummatarraa deebisee jaalala argatta. Malee, halkan baatee halkan galta, dabalataan itti gaafatamummaa maatii qabda, isa keessa garuu akkasin tahe jettee waltajjiirraa hin haftu.

Animmoo jireenyan ofii koof dhama'un caalaa aartiidhaaf dhama'eera. Beela'ee, dheebodhee, gangaladhee keessa baheera. Kanaaf want tokkooyyuu itti hin gaaabbu.

Dubartoot hojii aartiitti galuu barbaadaniif sodaattanii ani kana hin hojjedhu. Ani akka Abbee akan hamtuu taheen hojjedhaa warri ofiin jettan.

Waan hin danda'amne hin jiru, qaanii keessan dhiisaatii hawwii fi dandeettii keessan gadi baasaan isiniin jedha.

*Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata