Filannoo Itoophiyaa 2012: Sagantaa filannoo boordiin dhiyeesseerratti paartilee siyaasaa gaaffii dhiyeessan

Dhaabileen siyaasaafi qaamoleen dhimmi filannoo ilaallatu

Boordiin Filannoo Itoophiyaa lammileen waraqaa eenyummaa argachuudhaaf rakkoon isaan mudataa jiru yoo jiraate eessattiifi maaliif akka dhorkaman daabbileen siyaasaa ragaa qabachuun akka odeeffannoo kennaniif gaafate.

Yeroo filannoof qophaa'amaa jiru kanatti lammileen waraqaa eenyummaa qabaachuun barbaachisaa waan ta'eef paartileen siyaasaa marii Boordiin Filannoo sagantaa filannoofi dhimmoota biroorratti qopheesserratti rakkoo waraqaa eenyummaa baafachuu jiraachuu gaafatan.

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Burtukaan Miidhagsaa waraqaa eenyummaa dhorkamuu walin walqabatee, "namni tokko lammii Itoophiyaa ta'ee iddoo sanaa ji'oota jahaaf yoo jiraate mirga filachuu ni qaba," jedhan.

Namootni waraqaa eenyummaa dhorkamaa jiru yoo ta'e dhimmicha mootummaa akka beeksisan kan himan Aadde Burtukaan, "Haalli namni waraqaa eenyummaa dhiyeessuu hin dandeenye itti galmaa'us ni jira," jechuunis himan.

Namootni waraqaa eenyummaa akka hin fudhanne dhorkaan yoo jiraates boordichi dhimmicha mootummaaf akka dhiyeessu miseenstotni boordichaa dubbatan.

Marii Boordiin Filannoo dhimma guyyaa filannoo murteessuu, sagantaawwan galmee filattootaafi kaadhimamtootaa, duula filannoof kkf irratti paartilee siyaasaafi qaamota dhimmi ilaallatu waliin taasiserratti gaaffileen dhiyaataniiru.

Filannoon dhufu kaartaa bara kamiin gaggeeffama, taajjabdoonni argaman hoo...

Obbo Daawud Ibsaa qophii kaartaa naannoo filannoo maal akka bu'ureeffateefi taajabdootni idil-addunyaa eenyufaatu filannicha taajjaba jechuun gaafatan.

Gaafi kanarratti deebi kan laatan Aadde Burtukaan, "Gamtaa Awuroopaa akka taajjabu mootummaan Itoophiyaa waamicha dhiyeessee jira. Isaanillee fedhii isaanii yeroo gabaabaatti nu beeksisu," jedhan.

Ka'umsi kaartaa naannoo filannoo kaartaa bara 1987 bahe bu'uura akka godhatu Burtukaan himaniiru. Haata'u malee, fooyya'insawwan bulchiinsaa isa booda taasifaman ilaalcha keessa kan galche akka ta'u dubbatan.

Obbo Lidatuu Ayyaalewu "waa'ee sagantaa filannoo mari'achuu keenyaan dura filannoo gageessuu dandeenyaa kan jedhu irratti mari'achuu qabna," jedhan.

"Gaafin uummatni gaafate hin deebine. Gaafiwwan kunnen filannoon osoo hin taane mariidhaan deebi'u," jedhan.

Xiinsammuun uummataas filannoo bira akka hin jirre dubbatan.

Gaaffii Obbo Lidatuuf deebii kan laatan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan yaadawwan Obbo Lidatuun dhiyeessan tokko tokko boordii filannoo kan hin ilaallanne ta'u himan.

"Filannoo adeemsisuun dirqama. Hanqinootni jiraatanille itti-gaafatamummaa fudhannee hojjenna. Nuyi hojii labsiidhaan lakkaawwamee nuuf kenname hojjenna," jechuunis himan.

"Haata'u malee, namootni osoo rasaasni dhukaafamuu deemanii yaa filatan hin jennu. Rakkoolee nageenyaa jiran garuu mootummaa ni beeksifna. Dhaabbilen siyaasaas deegartoota isaanii waa'ee nagaa hubachiisu qabu," jedhan.

"Taajjabdootni dhaabbilee siiviilii irraa akka dhufan goona malee boordin filannoo hin calalu," jedhan.

Paartii EZEMA irraa kan dhufan Obbo Waasihun Tasfaayee, "yeroon galmee dorgomtootaa guyyoota 13f qabame ni xiqqaata," jedhan.

Dhimma kanarratti deebi kan laatan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhagsaa "yeroon galmee dorgomtootaa guyyaa 13f karoorfatame hin xiqaatu.

Haata'u malee, yoo yeroon dabalataa kan barbaachisu ta'e karooricha irra deebine ilaaluu dandeenya," jedhan.

Qaama miidhamtoota hirmaachisuu walin walqabatee meeshaalen filannoo qophaa'an qaama miidhamtoota giddugaleessa kan godhatan ta'uu akka qabanis hirmaattota biraa ka'eera.

Dhimma qaama miidhmtootaa irratti deebi kan laatan miseensi boordii filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa Bizuwarq Katata qaama miidhamtoota giddugaleessa gochun hojjechaa akka jiran dubbatan.

Galmeen filannoo yeroo adeemsifamu ragaan walitti qabamee odeeffannicha bu'ureeffachun iddoo buufataalee filannoo jijjiiruu dabalatee akka hojjetamu kan himan immo Burtukaan Miidhagsaati.

Paartii ABO irraa Obbo Qajeelaa Mardaasaan, "ammallee rakkoon nageenyaa ni jira. Dhaabbileen siyaasaa akka fedha isaanitti socho'anii hojjechaa hin jiran. Iddoowwan tokko tokkos Koomand Poostii jala jiru. Yeroonis yeroo roobaati.

Kanaafu gara Hagayya digdamman keessa osoo ta'ee yaada jedhu dhiyeessan. Namootni heddus waraqaa eenyumaa dhorkamaa jirra jedhu. Dhimma kanahoo Boordichi quba qabaa?" jechuun gaafatan.

KFO irraa Obbo Mulaatuu Gammachuu raawwachiistota filannoo ilaalchisuun yaada kennan. Boordichi raawwachiistota filannoo calalee ramaduufi paartilee siyaasaa beeksisuu qofa osoo hin taane dursee eenyumaa isaanii beeksisuu akka qabu gaafatan.

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan yaada Hagayyi 10 waqtii roobaati jechuun hirmaattota biraa ka'eef, "qophiilen seeraafi caasaa akkasumas qophiin dhaabbilee siyaasaa ji'a Caamsaa keessa akka hin adeemsisne waan nu dirqisiisaniif Hagayya 10ti filanne," jedhan.

Kana malees, haala qilleensaa waqtii sanaa ilaalchisee dhaabbata metirolooji biyyaalessaa irraa yeroo dhiyootti odeefannoo fudhachuun qophiin dursaa akka taasifamus Burtukaan himaniiru.

Daandiiwwan waqtii gannaa rakkisaa ta'aniif konkolaataawwan Raayyaa Ittisa Biyyaa gaafachuun hojechuu akka danda'nis dubbataniiru.

Rakkoo nageenyaan walqabatee dhaabbilen siyaasaa sochii taasisuf rakkachaa jiru yaada jedhuuf yeroo deebisan, "Mootummaan itti-gaafatama isaa akka bahatuuf mootummaa ni beeksifna.

Dhaabbileen siyaasaa yeroo rakkoon isaan mudatutti rakkoo isaanii furuuf hojjechaa turre. Ammas deeskii of danda'e ijaaruun rakkoolen dhaabbilee siyaasaa mudatan akka furaman taasifna," jedhan.

"Ejjannoo koo dhageessisuun barbaada," jechuun TPLF irraa yaada isaanii kan kennan Obbo Daanyee Ballaxaa "Filannoon qonnaan bulaafi horsiise bulaa hin hirmaachisne adeemsifamuu hin qabu. Kanaafuu filannichi ji'a Caamsaa keessa ta'uu qaba," jechuun dubbatan.

Mootummaa bakka bu'uun yaada kan kennan Obbo Alamuu Simee (Paartii Badhaadhinaa irraa), "Yeroon filannoof kaayame sirriidha. Waxabajjiifi Adoolessi qonnaan bultoota hedduuf yeroo hojii qonnaati. Filannoon Hagayya ta'uusaa irratti waliigalla," jedhan.

"Qaamni alaa nageenya keenya booressuuf hojjechaa jiru hin jiru. Kan jeeqaa jiru nuyi warra mana kana keessa jirru yookin deegartoora keenya," kan jedhan Obbo Alamuun biyya keenya tasgabeessinee filannichi yaa adeemsifamu jechuun waamicha dhiyeessan.

Nageenya gama eegsisuutiinis mootummaan gahee irraa eeggamu akka bahatu dubbatan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata