Hidhaa Haaromsaa Itoophiyaa: Waliigaltee Itoophiyaafi Masiriitiin eenyutu mo'ata?

Hidhaa Haaromsa Itoophiyaa Image copyright ZACHARIAS ABUBEKER
Goodayyaa suuraa Hidhaa Haaromsa Itoophiyaa

Hidhaa Haaromsa Laga Abbayyaarratti waldhabdeen Masiriifi Itoophiyaa gidduu jiru goolabamuuf waan dhiyaate fakkaata, garuu eenyutu mo'ataa?

Ifatti yeroo dubbatan dhimma Hidhaa Haaromsa Abbayaa kanarratti waliigaltee jalqabaa irra ga'an kanaan lamaanuu; Itoophiyaas ta'e Masiriin mo'ataniiru.

Haata'u malee, Itoophiyaan carraa pirojektii guddaa kanaa irratti waan hedduu murteessitu fakkaatti.

Pirojektiin kun %80 kan ta'u waan xumurameeruuf, Itoophiyaan Waxabajjii dhufu yeroo roobni waqtii Gannaa jalqabutti bishaan guuttachuu ni jalqabdi.

Kana gochuudhaaf ammoo durumayyuu karoorfamee jira.

Amma gaaffiin guddaan akka namoonni dhimma kana itti dhiyeenyaan hordofan jedhanitti, Masiriin abdii Itoophiyaan bishaan waqtii Bonaa ykn yeroo goginsaatti siifan gadhiisa jette gammachuun ni fudhattiidha.

Dhimmi kun ammoo mariiwwan marsaa afuriif gaggeeffamaa turan keessatti dhimma ijoo turedha.

Yaaddoon Masiriin qabdu kunis sirriifi yaaddoo fudhatama qabudha jedhu xiinxaltoonni.

Jiruun Masirii Laga Abayaarratti waan hundaa'uuf lammileen biyyattii miliyoonaan lakkaa'amiif dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti jedhu.

Kanaaf, Masiriin waliigaltee kana keessatti kan isheef ta'e mirkaneeffachuuf waan isheen hin taasifne hin jiru.

Waliigalteen jalqabaa irra ga'ame kun ammallee dhimmoota gadi fageenyaafi xiyyeeffannaan ilaalaman waan qabuuf torban lamaan booda osoo hin mallatteeffamiin dura sakatta'amuu feesisa.

Kanaaf, guyyoonni itti aanan yeroo murteessoodha. Itoophiyaas ta'e Masiriin sanada waliigaltee isa dhumaa kana irratti dhimmanii mariyatu.

Akka waggoota hedduu darbaniif barametti garuu, wanti hin eegamiin tokko uumamee gareen lamaanuu yeroo itti gara duubaatti sigigaatan arguun baramaadha.

Waliigalteen dhumaa irra ga'amu muddama Itoophiyaafi Masirii gidduu jirutti fala gochuu qofaa osoo hin taane, biyyoonni biroo saddetti Lagi Abbayaa keessa yaa'u gara hunduu fuula duraatti akkamitti akka qabeenya kanatti fayyadamuu danda'an waan akeeku ni qabaata jedhama.

Itoophiyaafi Masiriin Hidhaan Haaromsaa Abbayyaarratti waliigaltee jalqabaarra ga'an

Itoophiyaafi Masiriin akkaataa Hidhaan Haaromsaa Laga Abbayaa itti guutamuu qabuufi opereeshiniin isaa maal akka ta'uu qaburratti waliigaltee jalqabaarra ga'aniiru.

Marii giddu-galeessummaa Ameerikaafi Baankii Addunyaatiin guyyoota lamaan darban Waashingiteen DC'tti gaggeeffamaa ture yeroo xumuran waliigaltee isaanii kanarrattis ibsa waloo baasaniiru.

Image copyright Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa

Ibsi waloon biyyoota sadanii [ Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan) akkasumas Ameerikaafi Baankiin Addunyaa baasan kun akka jedhutti Hidhaan Haaromsaa kun waqtii roobaa keessa ji'oota Adoolessaafi Hagayya keessa akka guutamuu qabutti waliigalame.

Guutaminsi jalqabaa hatatamaan hanga 595m gahutti kan gaggeeffamu tahuu akka qabus waliigalameera.

Kun ammoo humna ibsaa gamanumaan maddisiisuu akka danda'uufidha.

Haata'u malee, waliigalteen dhumaa kan mallattaa'u Amajji 28-29'tti yeroo ministiroonni biyyoota sadanii ammas Waashingiteen, Ameerikaatti deebiyanii wal arganidha.

Waliigalteen giddu galeessummaa Ministira Dhimma Maallaqaa US fi Pirezedaantii Baankii Addunyaan gaggeeffamaa ture fedhii Itoophiyaan dursitee humna elektiriikaa maddisiifachuuf barbaaddu ilaalcha keessa kan galche yoo ta'u, yoo waqtiin gogiinsaa biyyoota Masiriifi Sudaan keessatti kan dheeratuufi hammaatu ta'e garuu tarkaanfiiwwan rakkoon kun ittiin dandamachuu danda'an kaa'ameera.

Waligalteen amma irra ga'ame kun muddama Itoophiyaafi Masirii gidduutti erga gaafa Itoophiyaan Hidhaa Haaromsaa kana Laga Abbayaarratti bara 2011 kaastee ijaaruu jalqabdee as ture ni fura jedhameera.

Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Laga Abbayaa irratti jaaramaa jiru kun baasii Dolaara Ameerikaa Biliyoona shan kan gaafatu yoo ta'u yoo xumurame, hidhaa humna elektiriikaa maddisiisu Afirkaatti guddicha ta'a.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata