Balaa Xiyyaaraa Iraan: Kameenini erga bara 2012 yeroo jalqabaaf salaata gaggeessuufi

Ayatolaa Kameenii hogganaa ol-aanaa Iraan. Image copyright EPA
Goodayyaa suuraa Ayatolaa Kameenii hogganaa ol-aanaa Iraan.

Hogganaan ol-aanaa Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii hokkorri magaalaa Teeraanitti otoo jiruu salaata Jimaataa dursuufi.

Ayaatolaan waggoota saddet keessatti yeroo jalqabaaf sirna salaata dursuu kana raawwachuu isaaniiti.

Sirni kadhannaa kun yeroo namootni hedduun xiyyaara Yuukireen humna waraanaa Iraaniin torban darbe rukutamtee lubbuu namoota 176 galaafatte ilaalchisuun mormii dhaggeessisaa jiranitti gaggeeffama.

Hoggansi Iraan sababa qoqobbii Ameerikaan irra keesseen dinagdeen biyyattii waan gadi bu'aa jiruuf dhiibbaa jala galaa jiru.

Roobii darbe kana pirezidaant Hasan Ruhaanii lammiileen biyyattii tokkummaa biyyaalessaaf akka tumsaniif waamicha taasisaniiru.

Bulchiinsa Iraan gidduutti siyaasaan wal riguun ykn wal morkii xiqqaan mul'ataa jira jedhama. Kanaaf haleellaa xiyyaara Yuukireen ilaalchisee pirezidaant Ruhaaniin humni waraanaa biyyattii ibsa guutuu akka kennuuf gaafataniiru.

Xiyyaarri Yuukireen Boyiingi [Boeing] 737-800 magaalaa Kiyiiv irraa imaltoota qabatee gara Kanaadaatti balalii irra osoo jiruuti akkuma Teeraanii ka'een kan rukutamee lubbuun imaltoota 176 kan darbe.

Guyyoota sadiif hoggansi Iraan haleellicha keessaa harka hin qabu jechuun haalaa ture.

Erga hawwaasa idila adunyaa irraa dhiibbaa guddaan taasifamee booda humnootni waraanaa Iraan 'Eegumsa Warraaqsaa Iraan' [Revolutionary Guards] jedhaman kan haleellicha raawwachuu amanan.

Yaaddoo Ameerikaa fi Iraan gidduutti uumameen dogogoraan misaa'elaan xiyyarittii haleeluu ibsan.

Ameerikaan jeneraal Qaasim Suleemaanii Iraaq keessatti ajjeesuu hordofee Iraan ijaa bahachuuf misaa'eloota gara buufata waaraanaa Ameerikaa Iraaq jiruutti furgugisaa turte.

Kun xiyyaarittiin rukutamuu sa'a muraasa dursuun gaggeeffamaa ture.

Tajaajilli Oduu Iraan Mehir jedhamu hogganaa ol-aanaan biyyattii ganna 80 tahan Ayaatolaa Kaameenii sirna kadhannaa Jimaata har'aa Teeraan masjiida Moosallaa keessatti ni dursu jedhe.

Haa tahu malee haala amma biyyattiin keessa nirtu waliin akka wal hin qabsiifne himameera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata