Itoophiyaa: Sababa interneetii ugguruun Itoophiyaan bara 2019 Doolaara miiliyoona 56.8 dhabdeetti

gatii intarneeta cufuu Image copyright Getty Images

Dhaabbati Global Cost of Internet Shutdowns jedhamu gabaasa bara 2019 baaseen bara darbe keessa sababa ugguramuu interneetiitiin addunyaan doolaara Ameerikaa biiliyoona 8 ol dhabuu ibseera.

Waliigalatti akka addunyaatti bara darbe kana interneetiin sa'atii 18,000 oliif kan uggurame ta'uu kan eere gabaasi kun biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii keessatti sa'atii 7,800 kan adda citee fi kanaanis doolaarri biiliyoona 2.16 akka dhabame eereera.

Sababa interneetii ugguruutiin Iraaq doolaara biiliyoona 2.3 dhabuudhaan tokkoffaarra kan jirtu yoo taatu, Itoophiyaan ammoo doolaara Ameerikaa miiliyoona 56 ol dhabdeetti jedha gabaasni kun.

Akka gabaasa kanaatti, Itoophiyaan sa'aatiiwwan 274f kan cufte yogguu tahu, miidiyaalee hawaasummaa ammoo sa'aatii 72f ya uggurte.

Dhaabbatichi gabaasa kana kan baase taateewwan gurguddoorratti tarkaanfii interneetii ugguruu mootummaan ta'e jedhee akka biyyatti fudhatee ture irratti hundaa'uuni.

Haala kanaan gabaasa biyya Itoophiyaa kan qixeesse waqtii yaalii fonqolcha mootummaa fi qormaata biyyaalessaa tarkaanfii mootummaan fudhaterratti hundaa'uudhaani.


Odeessaalee walitti dhiyaatan kanneenillee dubbisuu maltan:


Gabaasa kanarraa wanti hubachuun danda'amu biyyoonni diinagdeen isaanii interneetii irratti hundaa'e sa'atii muraasaaf interneetii ugguranillee maallaqa guddaa dhabu.

Fakkeenyaaf, interneetii ugguruun kasaaraa guddaa keessa kan seente Iraaq sa'atii 263 addaan kuttee Doolaara Ameerikaa biiliyoona 2.3 kan dhabde yoo taatu, Itoophiyaa keessatti garuu sa'atii 346 f interneetii addaan cite keessatti doolaarri Ameerikaa miiliyoonn 56.8 dhabde.

'Intarneetii dhaabuun dhiiga dhaabuu jechuudha'

Kanarraa ka'uun utuu diinagdeen Itoophiyaa interneetii kan bu'uureffate ta'ee biyyattiin maallaqa hagamii akka dhabdu tilmaamuun ni danda'ama.

Itoophiyaa keessatti garuu interneetiin kan ugguramu sababa gabaasa kana keessatti eerame qofaan miti, inumaa taateen wayii wayita uumamu interneetii cufuun aadaa ta'eera, kunimmoo diinagdee biyyattii dhukasaa nyaataa deema jedhu Diinagdee Itoophiyaa fi Baha Giddu Galeessaa qorachuun kan beekaman Dr Ayyalaa Galaan.

''Intarneetii dhaabuun dhiigni qaama namaa keessa akka hin naannofne dhaabuu jechuudha,'' jedhu Dr Ayyalaaan.

Addunyaan gara dijiitaalaatti ce'aa wayita deemtu kanatti damee murteessaa ta'e telekoomii dadhabsiisaa deemuun diinagdee biyya tokkoo yaaddoo keessa galcha kan jedhan Dr Ayyalaan, investiroonni addunyaa gara Itoophiyaa akka hin deemne kan xaxe ta'uus ni dubbatu.

''Mootummaadhumtuu biyya bulchuuf walitti haasa'uu danda'uutu irra jira.

Warri biyya alaatii 'invast' gochuu barbaadanillee waan lama ilaalu. Intarneetii fi neetwoorkiin moobaayilaa isaanii sadarkaa maaliirra jira? kan jedhu.

Gaaffiin inni lammaffaa ammoo intarneetiin qaban kun otoo walirraa hin citin hojjetaa? kan jedhu ilaalu,'' jedhu.

Kanaan duras dhaabbanni Netblock jedhamu Itoophiyaan interneetii ugguruudhaan guyyaatti yoo xiqqaate doolaara Ameerikaa miiliyoona 4.5 akka dhabdu ibsee ture.

Image copyright SOPA Images

Yeroo garaagaraatti interneetii ugguruudhaan kan beekamtu Itoophiyaan damee telekoomii irraa bu'aa dilbii akka argachaa jirtu irra deddeebiin ibsiti.

Dhaabbanni biyyattiitti tajaajila kennu Itiyoo Telekom, walakkaa bara kanaatti galii birrii biiliyoona 22 ol argachuusaa ibsee ture.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata